Kooriyaan Kaabaa ‘tarkaanfii cimaan fudhadha jechuun Ameerikaa doorsifte

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaa Kaabaa shakala waraana waloo Ameerikaan Kooriyaa Kibbaa waliin taasisaa jirtu yoo dhaabuu baattee ‘‘tarkaanfii cimaan’’ fudhadha jechuun akeekkachiifte.
Kooriyaan Kaabaa kana jechuun ishee shaakala waraanaa Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa Wiixata irraa kaasuun guyyoota shaniif waliin taasisaa jiran hordofeeti.
Shakalli waraanaa qilleensaa waloo Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa taasisan kunis shaakala waraanaa biyyoonni lameen taasisaa isa guddicha keessaayi jedhameera.
Biyyoonni lamaan shaakala waraanaa waliin taasisan kan cimsaa dhufan yoo ta’u, Kooriyaan Kaabas kanaaf deebii kennuuf miisaa’eelota hedduu furgugsite turte.
Gama biraab ammoo erga bara 2017 asi Kooriyaan Kaabaa yaalii dhukaasa nikularaa ni taasifti kan jedhu odeeffannoowwan tikaa bahaa jiru.
‘‘Ameerikaan tarkaanfiiwwan dubbii barbaacha waraanaa isheetiin kan itti fuftu yoo taatee, Kooriyaan Kaabaa tarkaanfii deebii kana caalaa cimaa ta’e kannuuf filannoowwan ni ilaalti’’ jedheera Waajjirri Dhimma Alaa Kooriyaa Kaabaa.
Ameerikaan akka dhimmoonni faallaa fedhii nageenyaa ishee hin raawwatamne kan barbaaddu yoo ta’e, ‘‘leenjii waraanaa bu’aa maleessaa fi faayidaa hin qabne battalaan dhaabuu qabdi. Kun hin taa’u yoo ta’e, balaa kana hordofee dhufu hundaaf itti gaafatamummaa fudhachu qabdi’’ jedheera waajjirichi dabaluun.
Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa leenjii qilleensarraa waliin eegalan kanaanis xiyyaarroonni biyyoota lamaanii dhibbaan lakkaa’aman sa’aatii 24’f shaakala taasisaa jiru.
Baatii tokkoon dura Ameerikaan doonii xiyyaara humna niikulaaraa fe’ate baachuu danda’u qarqara galaan Kooriyaatti babbaasuun, Kooriyaa Kibbaa waliin shaakala waraanaa galaana irraa taasisanii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaan doonii guddaa kana leenjii waraanaatiif bobbaasuun ishee Kooriyaa Kaabaa biratti akka akeekkachisa olaanaatti kan fudhatame yoo ta’u, Kooriyaan Kibbaa gamasheetiin leenjii addaa akkasii kun kan ‘‘dubbi barbaacha Kooriyaa Kaabaatiif deebii cimaa kennuufi michummaa cimaa Ameerikaa kan agarsiisuudha’’ jette turte.
Piiyoongyaangi baatii tokkoon dura miisaa’eel furgugsuun, kanan dhokaase sababii leenjii niikulaaraa Kooriyaa Kibbaa keessatti gaggeeffamaa jiruutiif jettee turte.
Kooriyaan Kaabaa yaalii ishee kanaanis kiyyeeffannaawwan buufataalee humna qilleensaa Kooriyaa Kibbaa, buufataalee galaanaa fi bakkeewwan buufata xiyyaaraatti dhiheenyatti argamaniitti haala mirkaa’een rakuutuu fi miisaa’eeliin leenjiichaaf itti fayyadamtees kan dhukaasawwan niikulaaraa baachuuf dandeettii qaban ta’uu dabaluun ibsite turte.
Kooriyaan Kaabaa yeroo dhiyoon asitti, miisaa’eelota yaaliidhaaf dhiheenya kana keessa dhokaaftuu lakkoofsaan dabalaa kan dhufe yoo ta’u, bara kana qofaatti 40 dhokaaftee jirti. Kunis kan waggaa tokkootti dhokaafame olaanaa ta’un galmaa’eera.
Kooriyaan Kaabaa dhorkaa cimaa jalatti argamtulleen, bara 2006- 2007 qofatti yaaliiwwan niikulaaraa jaha taasiftee turte.












