Gareen icciitii dureewwan addunyaa waggaatti wal-arganii maalidha?

Suuraalee falaaasama amantaa garaa garaa agarsiisan

Gareen maqaa Bildarbarg jedhamuun beekamu kun waggaa waggaadhan wal-gahii gaggeessa.

Wal-gahii kanarratti kanneen hirmaatan ammoo nammoota bebbeekamoofi addunyaarratti dhiibbaa gaggeessuu danda’u jedhamaniidha: gaggeessitoota biyyaa, abbootii qabeenyaa, gaggeessitoota baankilee addunyaa, gaggeessitoota dhaabbilee daldalaa addunyaarratti beekamoo ta’aniifi kanneen biroos jiru.

Kanneen wal-gahii garee kanaarratti hirmaatan ammoo harki guddaan dureewwaniifi gaggeessitoota dhaabbilee daldalaa biyyoota lixaati.

Waggaa waggaan biyyoota Awurooppaa garaa garaa keessatti wal-gahu. Gareen Bildarbarg wagaa waggaan walgahii gaggeessurratti ajandaa maalirratti akka mariyatufi hirmaatonni wal-gahichaa eenyu fa’aa akka ta’an dursee beeksisuu kan eegale yeroo dhiyoodha.

Garuu kanneen affeeramaniin alatti wal-gahicha seenun hin hayyamamu. Miidiyaanis seenee dhimma maalirratti akka mariyatame gabaasun dhorkaadha. Hirmaattonnis wal-gahicha gaafa xumuran waa’ee maalii irratti akka mariyatan dubbachuun kakaadha.

Gareen Bildarbarg erga hundeeffamee waggoota 70 darbaniif balbala cufatee waggaa waggaan wal-gaha. Waan achi keessatti dubbatamuufi irratti walii galame ykm walii hin galamne beekun hin danda’amu-icciitii jabaa waan ta’eef.

Garee icciitii kan jechisiises kanuma. Garichi jiraachufi wal-gahii waggaa waggaan gaggeessunsaa icciitii miti. Maalif waggaa hamma kanaa balbala cufatee mariyata? kan jedhutu icciitidha.

Kanneen garicha qeeqan akka jedhanitti Bildarbarg garee dudduuba taa’ee addunyaa bulchuufi gaggeessitoota biyyoota addunyaa dureeyyifi dhaabbilee addunyaarrattii beekamoo ta’an irratti dhiibbaa imaammataa gaggeessudha jedhanii qeequ.

Bildarbarg addunyaa gara Sirna Bulchiinsa Addunyaa Haaraa (New World Order)tti geessaa jira jedhanii kanneen amananis jiru.

Ofii Gareen Bildar Barg maalif hundaa’e? Waggaa Waggaan maal irratti mariyata? Namoota siyaasaa biyyoota lixaafi gaggeessitoota dhaabbilee biyyoota lixaa qofa maalif affeera? Akka qeeqxonni tokko tokko jedhanitti dhuguma garee icciitin addunyaa bulchuudhaa? Ykn garee addunyaarratti waraana uumun achi keessaa bu’aa argatuudhaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen Bildarbarg walgahiisaa baranaa Ispeen magaala Maadriid keessatti Caamsaa 30-Waxabajjii 2, 2024tti gaggeesuusaa garichi marsariitiisaarratti beeksiseera.

Ajandaalee marii jedhee dhiyeesse keessaa: dhimmi hubbannoo nam-tolchee (AI), jijiirama haala qilleensaa, waraana gara fuulduraa, waraana Yukreen, Baha Giddu Galeessaa, Chaayinaa, Raashiyaa, dhiibbaa diinagdee Awurooppafi US mudataa jiru kanneen jedhan warra ijoodha.

Ragaan marsariitii dhaabbatichaarraa argame akka mul’isutti kanneen walgahii bara kanaarratti hirmaatan: Muummee Ministeera Istooniyaa, Ministiira Dhimma Alaa Yukiren, Ministiira Dhimma Alaa Ispeen, gaggeessitoota baankilee, dhaabbilee teeknolojii kanneen akka Google, Spotify, pirofeesaroota Yuunivarsiitiwwan garaa garaafi namonni bebbeekamoon heddu irratti hirmaataniiru.

Haa ta’u garuu miidiyaas ta’ee qaamni biraa wal-gahii kanarratti qooda fudhachuun gongumaa dhorkaadha. Miidiyaalefi aktivistoonni halaalatti poolisiin ittifamu.

Garichi erga hundaa’ee waggoota 70 guutus hanga ammaa wal-gahichi ifa ta’ee hin beekamu.

Gareen Bildarbarg maalif hundeeffame?

Gareen Bildarbarg Waraana Addunyaa 2ffaa booda bara 1954tti Neezarlandis Hoteela Bilderbarg keessatti eegale. Yaadicha kan fide ammoo lammii Neezarlaandis kan turan Piriins Bernhaardidha.

Waggaoota hedduufis walitti qabaa garichaa ta'uun tajaajilaniiru. Ergasii waggoota 70 darbaniif biyyoota garaa garaa keessatti walgahichi ni gaggeeffama.

Walgahiin Bildarbarg waggaa waggaan gaggeeffamu guyyaa sadiif kan gaggeeffamu yoo ta’u, wal-gahii idilee osoo hin taane walgahii al-idilee namoonni bakka garaa garaa irraa dhufuun yaada itti wal-jijjiiran akka ta’e marsariitii garichaa irratti ibsameera.

Kaayyon hundeeffama garichaas Waraana Addunyaa 2ffaa booda haalonni turan akkaataa itti biyyoota lixaarratti dhiibbaa fidan akka yaada wal-jijjiiraniif beektonniifi bakka bu’oonni damee diinagdee, siyaasaa, aadaafi hawaasaa affeeramuus ibsa garicha.

“Waggoota kana keessatti Walgahiin waggaa waggaan gaggeeffamu fooramii dhimmoonni garaa garaa irratti mariyataman ta’eera: daldala, hojii uumuu, teknolojii, imaammata maallaqaa, investimentii, nageenya addunyaa tasgabbeessuu,“ kanneen jedhan dhimmoota hirmaattonni balbala cufatanii irratti mariyatan akka ta’e ibsa ragaan marsariitii garichaarraa arganne.

Haa ta’u garuu garichi garichi ‘dhuguma dhimmoota kanarratti marii gaggeessa yoo ta’e,' kun waggaa amma kanaa balbala cufatanii waggaa waggaan marii gaggeessun maalif barbaachise? jedhanii kan qeeqan hedduudha.

Kanneen garicha qeeqan "Koree Boordii Addunyaa Bulchu" jechuun kanneen garee kana keessatti hirmaatan harka lafa jalaan imaammata diinagdee, siyaasafi falaasama addunyaa akka isaanif malutti imaammata baasun qajeelchu jedhu.

Gaggeessitoonni siyaasaa, kanneen biyyoota lixaaf imaammata baasun beekaman, gaggeessitoota kampaaniwwan gurguddoo addunyaafi namoonni bebbeekamoon dhiibbaa geessisuu danda'an garee keessatti wal-gahii dhoksaa waggaa waggaan taa'unsaanii waa malee akka hin taane falmuu- ija addunyaa jalaa dhoksanii akka abbootii qabeenyaa warra lixaaf ta'utti addunyaa isaanif mijattu ijaaruu akka fedhan qeequ.

Namoota walgahii Bildarbag morman

Deevid Ayik gaazexeessaa lammii Biriitish yoo ta'u waa'ee Garee Bildarbargifi gareewwan biroo icciitin hojjatu jedhamanii shakkamanii kitaabota heddu barreessera.

Waa'ee garee Bildarbarg ilaalchisee garichi waggoota hedduuf of dhoksaa akka tureefi addatti ammoo wal-gahiisaa miidiyaan kamiyyuu akka hin seene dhorkuunsaa icciitin akka duuba jiru shakkii qabu hima.

Tiyoorii Shakkii (Conspiracy Theory) hordofuun kan beekamu Deevid Ayiik hundeeffamuu Garee Bildarbarg Waraana Addunyaa 2ffaa wajjin wal-qabsiisa.

Waraana Addunyaa 2ffaa booda sirni addunyaa akka jijjiirameefi addunyaan gara tokkotto duufuu (globaliziton) ifatti kan beekame yeroo kana akka ta'e kaasun sochiin Bildarbarg yeroo kana walitti dhufeenya biyyoota garaa garaa qindeessun addunyaa gara yaada tokkootti akka duufu gochuuf akka hundaa'e hima.

Yaanni kunis ilaalcha kaappitaalizimii dureeyyin uummata bal'aa maqaa dimokiraasin hojjachiifataniidha jedhee amana.

Waggoota 70 darban kana keessatti qondaalonni siyaasaa, waraanaa, diinagdee, gaggeessitoonni biyyaafi kaampaaniwwan gurguddoo Garee Bildarbarg keessatti qooda fudhataniiru. Garuu guyyaa tokko gadi bahanii kana mariyanne jedhanii waan balbala cufatanii mariyatan dubbatanii hin beekan.

'Rakkoo addunyaa furuuf osoo hin taane addunyaa bituuf wal-gahu'

Gareen Bildarbarg erga bara 1954 hundaa'ee mariiwwan al-idilee walitti dhufeenya ardii Awurooppafi Ameerikaa Kaabaa cimsu heddu gaggeessaa jira jechuun garichi marsariitii isaarratti ibseera.

Akka ragaan garichaa agarsiisutti, waggaa waggaan dameewwan siyaasaa, industirii, faayinaansii, akkadamii, miidiyaafi kaan irraa ogeeyyin lakkoofsan 130 ta'an ni affeeramu.

Kanneen hirmaatan keessaa harka sadi keessaa lama ardii Awuroopparraa yoo ta'a, kaan ammoo Ameerikaa Kaabaa- Kanaafi US irraa hirmaatu. Dhimmoota addunyaa ijoodha jedhaman irratti mariyatu.

Namoonni hirmaatanis biyyasaanii ykn dhaabbata irraa dhufan osoo hin taane ofiisaanii bakka bu'anii waan hirmaataniif waanti isaan wal-gahii sana keessatti dubbatan yaada biyyasaanii ykn dhaabbata irraa dhufanii bakka akka hin buunes Gareen Bildarbarg kun ibseera.

Dhaabbileen gurguddoon akka addunyaattis ta'ee akka ardiitti ykn biyyoonni muraasni walitti dhufanii wal-gahuun, mariyachuun, murtee ykn yaada garaa garaa dabarfachuun waanuma jiruudha.

Fakkeenyaf, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN), Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa, NATO, G-7, G-20, fa'aa kanneen jedhaman yeroo garaa garaatti wal-gahu. Mariisaanii kan uummataaf ifa godhanis qabu, kan hin goones qabu. Seera, dambii bulmaataa, fi kanneen kaawwatanii ittiin wal-taliigu.

Gareen Bildarbarg garuu seera ifa ta'e hin qabu. Dambiiwwaniifi seera ittiin bulmaataa kana uummataaf ifa godhe hin qabu. Wal-gahii garichaa keessatti sagalee kennuun, murtee dabarasuun, ibsa ijjannoo baasu fi kkf homtuu hin jiru. Walgahaniituma yaada wal-jijjiiranii gargar galuu akka ta'e beekisa garichi.

Aktivistoonnifi kanneen garicharraa shakkii qaban waggaa waggaan bakka Gareen Bildarbarg wal-gahii itti gaggeeffatutti argamuub mormiisaanii dhageessifachuun baramaadha.

Mormitoonni kun garichi mootummaa dhoksaan addunyaa bulchu "Shadow World Government" jechuun mormu.

Rakkoo addunyaarratti mariyachuuf osoo hin taane, dudduuba taa'anii mootummoota harka micciirufi karaa ittiin addunyaarratti olaantummaa kaampaaniwwan isaanii milkeessan tarsiimoo bocuu akka ta'e kaasu.

Wal-gahii Bildarbar bara 2013 Ingland magaala Watfoorditti gaggeeffamerratti namoota mormiif bahan keessaa US irraa kan dhaqe Aleeks Joons- ativistii Tiyoorii Konispaayireesii kan ta'eedha.

Gareen Bildarbar 'mootummaa dhoksaan addunyaa bulchu' jedhee amana. Gaggeessitoonni biyyoota guddatanii, dippilomaatonni, dureewwan kampaaniwwaniifi baankilee bebbeekamoo fa'aa waggaa waggam wal-arguunsaanii 'imaammata ittiin fayidaasaanii tikfataniifi uummata addunyaa bitan baafachuuf' akka ta'e BBCtti dubbatee ture.

"Ijaarsa addunyaarratti mootummaa dhoksaa ta'e kana saaxiluudhafan dhufe. Waanta wal-gahii cufaa sana keessatti ni beekna. Walgahiiwwan kana keessatti imaammatatu bocamaa jira," jechuun qeeqa.

Inumaayyuu Garee Bildarbarg kan hundeesse Ameerikaan karaa CIA akka ta'e qeeqa.

"Dhugaansaa Ameerikaatu karaa CIA Garee Bildarbarg hundeesse," jechuu BBCtti dubbatee ture.

Toonii Goosling gaazexeessaa yoo ta'u waggoota hedduuf Garee Bildarbarg qorataa akka ture hima. Akka inni jedhutti garee kana keessa namoonni yakkawwan garaa garaa raawwachuun shakkaman akka irratti hirmaataa turan hima.

Isaan keessaa kan inni kaasu dippilomaatii Ameerikaa beekamaafi barana du'e Heenrii Kisinjariidha.

Imaammata Heenrii Kisiinjar boceen Ameerikaan biyyoota addaa addaa keessatti duula waraanaa, fonqolcha mootummaafi qondaalota mootummaa fa'aarratti ajjeechaa raawwatteetti jechuun BBCtti dubbatee ture.

Heenrii Kisiinjar kanneen waggoota hedduu Garee Bildarbarg keessatti dhiibbaa guddaa gaggeessaa turan keessaa adda duree akka ta'anis ni himama.

Kan biraa ammoo waggoota 20 jalqabaaf Garee Bildarberg kan walitti qabaa ture miseensa Naazii Jarmanii SS jedhamuun beekamuu akka ta'e hima Toonii Goosling.

"Waggoota 20 jalqabaa, bara 150oota keessaa kaasee hanga 1970oota keessatti walitti qabaan Garee Bildarbarg miseensa SS ture," jechuun garicha keessa namoonni yakka garaa garaa irratti hirmaatan akka turan BBCtti himee ture.

Kanneen qeeqaniifi mormitoonni Garee Bildarbarg garee dhoksaan imaammata addunyaa qopheessufi karaa mootummootafi dhaabbilee humna qabanii addunyaarratti hojiirra oolcha jedhanii qeeqanis garichi dhugaadhas sobas jedhee hin dubbanne.

Waggoota 70 darbaniif biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa Kaabaa keessatti walgahuu hin dhiifne. Gaggeessitoota biyyaa, dippilomaatota, dureewwan kampaaniwwan gurguddoo addunyaa, namoota siyaasafi gaazexeessittoonni affeeramanii irratti hirmaatu.

Achii bahee garu kana dubbanne, kanarratti walii galle jedhee hanga ammaa kan dubbate hin jiru- icciitii garichaati.