Dureessi Saawdii tapha Mesiifi Ronaaldoo walitti fide daawwachuuf doolaar miiliyoona 2.6 baase

Madda suuraa, Getty Images
Taphni (exhibition match) akka michoomaa gabaa jajjabeessuuf kilaba Faransaay PSG fi garee Riyadh All-Star XI kan dhiyoo kilaba All Naasri'f mallatteesse Kiristiyaanoo Ronaaloo of keessaa qabu gidduutti godhame gooliiwwan sagal keessummeesse.
Tapha Ronaaldoon gara Saawdii erga imalee booda yeroo duraaf irratti hirmaate kana kan keessummeesse magaalaa guddoo Saawdii Arabiyaa Riyaad istaadiyeemii King Fahdi.
Tapha urjiiwwaan kubbaa miila alamaan liyooneel Meesiifi Kirsitiyaanoo Ronaaldoo waggoota lama booda walitti fide irratti lameenuu goolii galchuu danda'aniiu.
Dursee kan lakkoofsise Mesiidha. Daqiiqaa 3'ffaarratti. Kiristiyaanoo Ronaaldoo ammoo boqonna abahuu dura tokko rukuttaa Peenaalitiin tokko ammoo tahaan lakkoofsise.
Tpaha ana irratti wantoota raajii jaedhaman keessaa tokko dureessi Sawdii tokko tapha urjiiwwan ubba amiila alamaan kana ailaaluuf doolaara miiliyoona 2.6 baasii gochuu isaaniiti.
Abbaan qabeenyaa misooma riil isteetii irratti bobba'e Mushref al-Ghamdi caalbaasii galiin isaa tola-ooltummaaf akka oolu qophaaye irratti tikkeeta addaa tapha kanaa doolaara miiliyoona 2.6 bitate.
Abbaan qabeenyaa kun tikkeeta gatii qaalii kana bitatan taphattoota waliin suura ka'uu fi kutaa itti uffata jijjiiratan galuuf carraa kennaaf.
al-Ghamdi gaaffiif deebii miidiyaalee waliin godheen ''namootni baasiin kun guddaadha jedhanii yaadu, ani garuu akka baayyee ta'etti hin yaadu'' jedhe.
''Galanni kan rabbii haa ta'u namootni waggaatti kana caala gargaarsaaf kennan jiruu'' jechuun caalbasii galiin isaa rakkatoota gargaaruuf oolu kana bitachuutti gammaduu hime.
Kan gochuu danda'uu isaatti abbaa carraa akka ta'etti akka of ilaalus dubbate. Qopheessitotni caalbaasii kanaa tikkeeta tokkoof oolaarri miiliyoona 2.6 baasii ta'uun riikardii addunyaa akka ta'ee galmee dinqisiisoo addunyaatti galmaahuu akka malu dubbatan.

Madda suuraa, Goal.com
kaayyoon isaa ammoo gaarummaaf ta'uutti gammaduu dubbatan. Ka'umsi caalbasii kanaa Riyaala Saawdii miiliyoona tokko kan ture ta'us dhumni isaa riyaala miiliyoona 10 ykn ammoo doolaara miiliyoona 2.6 ta'eera.
Tapha kana irratti Mesiifi Rnaaldoon daqiiqaa 60 booda jijjiiramanii bahaniiru. Tapha kana dhaabbatni mirgaaf falmu Amisnistii Intarnaashinaal Saawdiin qabinsa mirgaa irratti yakka raawwattu kubbaa miilaan dhooksuuf yaalaa jirtii jehcuun himateera.
Aanga'oonni Saawdii ispoortessitoota maqaa guddaatti gatii baatuus xiyyaaffannoo qabinsa mirgaarra jiru gara balleessuuf yaalu jehda dhaabatichi.
Abbaan qabeenyaa kilaba PSG lammii Kaataar gara Saawdiitti dhufuun rakkoo mirgaa Saawdiifi Kataar ittii himatamagra balleessuufi jedhu daayireektarri dhimmoota diinagdee dhaabbatichaa damee UK Peter Frankental.
''Ronaaldoo fi Mesiin ispoortessitoota maqaa guddaadha maqaa isaaniin yakka dhooksuuf yaalamu diduu qabus'' jedhan.












