Siitiin Isparsiin injifatus, Peep 'gammaduu hin barbaadu, Arsenaaliin injifachuun barbaada' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Siitiin gahumsa isaa tibba kana raafame qajeelfatee Totenhaam Hootisperiin lamaan osoo durfamuu duubaa ka'ee 4-2 injifateera.
Leenjisaan kilabichaa Peep Gaardiyoolaa garuu ammallee kilabichi gahumsa isaa ajaa'ibaatti akka deebi'u, taphattootaa hanga deeggartootaatti wanti gumaachuu qaban akka jiru hime.
Gaardiyoolaan wanti amma argaa jiru gahaa akka hin taane dubbate.
Injifannoon dirree ofiitti Ispars irratti goonfatan kun gargaagartummaa qabxii kilaba liigicha dursaa jiru Arsenaal waliin qaban gara shaniitti gadi akka butu gargaareera.
Ispars boqonnaa bahuuf daqiiqonni muraasni yeroo hafan dogoggora sarara ittisaa Siitiitti fayyadamuun goolii jalqabaa galchee osoo in turiin lammeeffatee boqonnaaf bahan ture.
Boqonnaa booda gooliwwan lama Mahireez fi gooliwwan tokko tokko Arvaareeziifi Haaland lakkoofsisaniin Siitiin injifachuu danda'eera.
Gaardiyolaan waggaa jaha keessatti yeroo shan liigicha injifachuuf ammallee gahumsa isaanii isa olaanaatti ce'uun akka isaan barbaachisu dubbate.
''Akkaa ol gammadeera. Galgala kana akka daa'imaattin rafa'' jedhe Peep garuu ammoo gahumsi garee isaa amallee akka garaa isa gahaa hin jirre dubbatee.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphattootni isaa kennaa isaanii ol akka hiixatan jajjabeessa. Baroota muraasa darban gahumsa Liivarpuuliin qoramaa akka bahan ammas qorumsa Arsenaalirraa dhufeef jabaachuu akka qaban akeeka.
''Hamilee, kaka'umsa daqiiqaa tokkoffaa irraa eegalee ibidda injifachuu'' feena jedha Peep.
Deeggartoota isaaniis daqiiqaawwan jalqabaa 45 callisanii turan jechuun ''deeggartootni koo naaf haa deebi'an'' jedha.
Deeggartootni isaa waan kanaa olii akka isaanirraa barbaadu akka gaafatu, akka isaan dhiibu gaafate.
Taphattoota irraa qofa osoo hin taane guutummaan kilabichaa dadammaqsuu akka qabu dubbate.
''Nama gammadee ta'uu hin barbaadu. Arsenaaliin injifachuun barbaada. Akka kanatti taphanna taanaan Arsenaal nukuffisa'' jedhe.
Maanchistar Siitiin maanchistar Yunaayitiidiin 2-1, Saawuzaamptoniin ammoo 2-0 injifatamee Ispars iratti aarii bahate.
Kilaba dheebuu waancaa qabu kan barkurnee lamaan darbaniif liigicha hin injifannee fi kaka'umsa akka ibiddaati jedhan qabuun falmaa akka jiran himuun hamileen isaanii akka jabaatu dhaaman.












