Liyonel Mesiin Itoophiyaatti namoota rakkoo qaroo ijaa qaban deeggaruuf waliigale

Liyonel Mesii

Madda suuraa, OrCam

Taphataa beekamaan Arjentiinaa Waancaa Adunyaa Kaataaritti biyya isaa waliin mo’ate Liyonel Mesiin, dhaabbata OrCam jedhamu waliin tahuun Itoophiyaatti namoota rakkoo qaroo ijaa qaban ykn iji isaanii hin argine gargaaruuf walii galuu fuula feesbuukii OrCam irratti ibse.

Teeknoloojiin OrCam MyEyes jedhamu jireenya namoota dhuunfaa kumaatamaan lakkaa’amanii fooyyessaa akka jiru dhaabbatichi ibseera.

Namootni rakkoo qaroo ijaa qaban of danda’anii akka hojjetanii fi bakka mul’ata isaanii gahaniif deeggarsa cimaa taasisaa jira.

Teeknoloojiin OrCam MyEye jedhamu kun namootni iji isaanii hin argine barreeffamoota akka dubbisan, fuula namootaa akka adda baasanii fi hojii barbaadan akka hojjetan isaan dandeessisa.

Liyonel Mesiin ammoo dhaabbata OrCam jedhamuuf ambaasadara tahuun bara 2020 keessa waliigaltee waggoota sadii mallattesssee ture.

Viidiyoo OrCam Feesbuukii isaa irratti qoode irratti Waajjira Giifti Duree Itoophiyaatti manaajerri saganataa OrCam, deeggarsa dhaabbatichi kennu irraa namootni 2,000 ol fayyadamoo tahuu himan.

Dhaabbanni OrCam Teknoloojii jedhamu kun dhaabbata biyya Israa’eel yoo tahu, namoota rakkoo ijaa qaban gargaaruun beekama.

Adunyaa irratti namootni rakkoo qaroo ijaa qaban ykn iji isaanii hin argine gara miliyoona 300 tahan akka jiran odeeffannoon fuula dhaabbatichaa irraa arganne ni agarsiisa.

Sagantaan OrCam hubbannoo namootni rakkoo ijaa qaban jijjiiruu irrattis ni hojjeta.

Meeshaa akka waa arganiif isaan gargaartu fayyadamuun of danda’anii waan barbaadan akka hojjetanis isaan gargaara.

Meeshaa xiqoon hanga quba harkaa keessa fuullee ijaa nama iji isaa hin argineetti hidhamuun waan barraa’e hundaa sagaleen dubbistiif.

Akka wantoota naannoo isaa jiran salphaatti adda baasus gargaarti.

Meeshaan kun ‘rtificial Intelligence’ kan jedhamu yoo tahu dhaabata OrCam kan Jerusaalemitti argamutu oomisha.