FIFAn xumura Waancaa Addunyaarratti gocha raawwataniif garee Arjentiinaa qorachuuf

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Addunyaa Qaataar irratti shaampiyoonaa kan taate Arjentiinaan tapha xumura waancichaa irratti taphattoonni biyyattii "waan hin malle agarsiisuu isaaniifi naamuusa ispoortii cabsuu isaaniitiif" FIFAn qorannoon irratti bana jedhe.
"Taphattoonnifi aanga'oonni garee kanaa amala hin taane agarsiisuu isaaniitiif," himannaan kan irratti dhiyaate yoo ta'u, sababa kanaaf adabbiin naamusaa akka isaan eeggatu FIFAn beeksiseera.
Dabalataanis, Waldaan Kubbaa Miilaa Arjentiinaa yeroo dorgomiin Waancaa Addunyaa turetti danbiiwwan saba-himaaleefi beeksisaa cabsuudhaan himatameera.
Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Arjentiinaa qormaata cimaa keessa darbuudhaan garee Firaansiin rukkutaa penaaliitiidhaan mo'achuun erga bara 1986 yeroo jalqabaatiif Waancaa Addunyaa kan mo'ate.
FIFAn himannaa bane kana irratti tapha xumuraa irratti miseensota garee Arjentiinaa warra kamitu gocha sirrii hin taane akka raawwatan ykn amala badaa akka agarsiisan hin ibsine.
Garee Arjentiinafi kilaba Asonviilatiif karra kan eegu Emiliyoo Maartiineez Gafaa tapha xumura Waancaa Addunyaa mallattoo sirrii hin taaneefi safuu cabsan agarsiisaa ture. Kana malees, Maartiineez taphataa collee Firaans Kiliyaan Imbaappee irrattis kutaa uffannaa keessatti osoo itti qoosuufi ga'isuu mul'ateera.
Karra eegaan lammii Arjentiinaa kun kanaan dura wayita Arsenaal keessa tures amala hin taane agarsiisuufi dubbii hin malle dubbachuun maqaan isaa ka'aa tureera.
FIFAn garee biyyaalessaa Arjentiinaa irratti danbiiwwan naamuusaa sadii cabsaniiru jechuun akka himataman eereera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaanis amaloota hin taane naamusa ispoortii ala ta'an Keewwata 2 jalatti eeramanidha.
Akkasumas Keewwata 12 amala hin taane taphattoonniifi aanga'oonni agarsiisan, akkasumas Keewwata 44 jalatti ammoo danbii beeksisaa cabsuu kan ilaallatudha jedhameera.
Himannaawwan dhiyaatan irratti FIFAn qorannoo barbaachisu kan gaggeessu yoo ta'u, yeroo kanatti Arjentiinaan himannaawwan kanaaf deebii kennuu ni dandeessi.
Tapha walakkaa xumuraa irrattis miseensonni gareen biyyaalessaa Kirooshiyaa Arjentiinaatiin mo'ames seerawwan gara garaa cabsuudhaan FIFAtiin qorannoon irratti taasifameera.
Kun osoo kanaan jiruu wayita tapha ramaddii Sarbiyaan Siwiizerlaandiin 3-2n mo'amtetti deeggartoonni Sarbiyaafi miseensonni garichaa amala hin taane agarsiisuu isaaniitiif Sarbiyaan Paawondii 44,000 fi itti aansee gareen kun yeroo taphatutti istaadiyoomiin gariin cufaa akka ta'u FIFAn adabbii itti murteesseera.
Haaluma walfakkaatuun, yeroo Meksiikoofi Ikkuwaadoor waliin taphatanitti amala hin taane taphattoonni agarsiisaniin gareen Meksiikoo Paawondii 88,000 adabamuun tapha itti anu istaadiyeemii gariin cufametti akka taphatamu itti murteesseera.
Ikkuwaadoor ammoo Paawondii 17,650 kan adabamte yoo ta'e tapha itti aanus garuun istaadiyeemii cufame keessatti akka ta[hatu itti murteesseera FIFAn.












