Shakiiraan wallee abbaa manaashee duraanii Jeraard Piikee ilaalchisuun baasteen rikkardii YouTube cabsite

Shakiiraa

Madda suuraa, Getty Images

Walleen Shakiiraa waa'ee abbaan warraashee duraanii Jeeraard Piikee osoo ishee waliin jiruu dhoksaan dubartii biraa waliin kachachalaa ture ilaalchisuun baaste YouTube irratti namoota daawwataniin rikkardii cabse.

Viidiyoon sirba 'Out of Your League' jedhu kunis maxxanfamee sa'aatii 24 keessatti namoota miliyoona 75 oliin daawwatame. Rikardii kanaanis sirboota biyyoota Laatiinii keessatti baay'ee daawwatame kan jalqabaa jedhameera.

Weellistuun addunyaarratti gurra qabdu Shakiiraan, abbaa warraa ishee taphataa kubbaa miilaa beekamaa Jeeraard Piikee waliin waggaa 10'f gaa'eelaan waliin turteen adda baate.

Shakiiraan dhalattuu biyya Kolombiyaa yoo taatu, ammatti umuriinshee waggaa 45.

Jeeraard Piikeen ammoo lammii Ispeen yoo ta'u, nama umuriin isaa waggaa 35ti.

Shakiiraa fi Piikeen dorgommii Waancaa Addunyaa Afrikaa Kibbaa qopheessite irratti sirbashee 'Waka, Waka' jedhamu sirribite irratti wal baran.

Yeroo sanatti isheen weellisuuf, Piikeen ammoo biyya isaa Ispeeniif kubaa taphachuuf gara ardii Afrikaa deemanii achitti wal baran.

Yeroo sanattis namoonni umuriin baayyee isa caalti jechuun yaada kennaa turan, garuu 'jaalalli jaamaadha' akkuma jedhan sana ta'ee waliin turaniiru.

Turtii isaanii kanaanis ijoollee dhiiraa lama waliin godhataniiru.

Jeraard Piikeen kilaba Baarseloonaa keessatti sarara ittisaarratti waggaa dheeraaf tajaajilaa erga turee booda, ji'a darbe ture kan 'kophee isaa fannisee' tapha dhaabuu beeksise.

Walleen Shakiiraan amma waa'ee abbaa warraashee duraanii sirbte kunis gosa 'diss track' jedhamudha.

Walleen 'diss track' jedhamu maal?

Gosti weeddeuu 'diss track' jedhamu kun siba nama ta'e ittiin qeequuf sirbamudha. Yeroo hedduu bifa 'Raappiitiin' kan walleefamu ta'us, bifa gara garaatiinis ni qophaa'a.

Maxxansa YouTube irra dabri
Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

Xumura maxxansa YouTube

BBCn sirba Shakiiraan baaste kana ilaalchisuun yaada akka kennuuf Jeeraar Piikee gaafateera.

Sirbi daqiiqaa afurii Shakiiraan baaste kun qopheessaa (producer) Arjentiinaa fi DJ Bizarrap waliin ta'uun sirba hojjette isa jalqabaati.

Shakiiraan namoota kanneen waliin hojjechuun ishee rikkardii YouTube Laatinii J Balvin, Luis Fonsi fi Daddy Yankee qabamee cabsuudhaaf kaayyeffateeti.

Sirbi waa'ee abbaa warraasheetiin addaan ba'uu sirbite kun isa jalqabaa miti. Sirba Monotonia jedhu ji'a sadiin dura sirbiteetti. Kun garuu waa'ee miidhaafi caba laphee isheerra gahe kan ibsu ture.

Sirbi ammaa kun garuu kan miira morkiifi haaloo bahuu of keessaa qabudha.

Sirba kanaan Shakiiraan waa'ee jaalallee Jeeraard Piikee haaraa Clara Chía umuriin ishee waggaa 23 kaasteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Shakiiraan "warra umuriin isaanii waggaa 22 ta'an lama" nan gita jetti.

Kana malees, sirba ishee kana keessatti, jaalala abbaa warraashee duraanii kanaa fi jaalallee isaa haaraa kana akka konkolaataa qaalii ta'e 'Feraarii' [Renault] ykn Twingo'tti ykn ammoo sa'aatii qaalii ta'e Rolex Casio'tti jijjiirrachuutti ilaalama Ispeen keessatti jechuun qeeqxe.

Weellistuun dhalattuu Kolombiyaa, Shakiiraan sirba ishee kana keessatti waa'ee falmii aanga'oota Ispeen gibira isheerraa eegamu Paawondii Miliyoona 14.5 hin kaffalle jechuun himataniis kaasteetti.

Wallee kana keessatti, Jeeraar Piikeen yeroo isheen rakkoo dhimma himannaa gibiraa kanaan walqabatee rakkachaa jirtutti ishee dhiisuu kaasteetti.

Akkaataa Piikeen ispoortii ittiin hojjetus kaasuun kan qeeqxe Shakiiraan- akkas jechuun sirbaan ibsite "Jiimii irratti yeroo baayyee dabarsita, garuu sammuu keetiifis jiimii hojjechuun xiqqoo sibarbaachisa".

Jeeraard Piikee sirba oonlaayin gadhiifame kana irratti deebii hin kenniin jira. Garuu waa'ee pirojektii isaa King's League. jedhamuufi ijoollee lamaan waliin godhatan akka waliin guddisan fuula Instagram irratti barreesseera.

Ijoolleen isaanii lamaan tokko Miilaan umurii waggaa sagal yoo ta'u Saashaa kan jedhamu ammoo umuriin waggaa torba ta'eera.