Maarkas Raashfoord: Akkaataa jifataan Maan Yunaayitid kun itti cimaa dhufe

Maarkus Raashfoord

Madda suuraa, Getty Images

Tapha Piriimer Liigii bara kanaan taphataan jifataa ykn sarara duraa irraa goolii lakkoofsisuun maqaan isaa Maanchester keessaa ka'u Noorway irraa kan dhufeefi qomee Maanchester Siitii uffatu qofa ture.

Amma garuu taphataan biraa maqaan isaa ka'uu jalqabeera.

Gooliiwwan lama tapha EFL Cup Kibxata tureen Chaarlitan irratti lakkoofsise dabalatee Maarkas Raashfoord taphoota ja'a irratti walitti aansuun lakkoofsisuu itti fufeera.

Taphataan umuriin isaa waggaa 25 ta'e kun bara dorgommii kana keessatti hanga ammaatti gooliiwwan 15 lakkoofsiseera. Kun ammoo kan bara darbe lakkoofsise harka sadiin caala.

Adeema gaarii amma itti jiruun Raashfoord gooliiwwan waliigalaa 22 bara 2019-20 lakkoofsisee ture yeroo waggaa tokko hin guutne keessatti milkeessuu danda'a jedhamaa jira.

Leenjisaan Maanchester Yunaayitid lammii Daach Erik Ten Hag waa'ee Raashfoord BBC Sport'n gaafatamee jennaan qalbii isaa akkaataa goolii galchuu danda'u irratti xiyyeeffatee yoo hojjete kana caalaa deema jedhe.

Yeroo tapha keessa jiranis, taphaan ala jiranis tooftaa ittiin golii galchan irratti of foyyeessaa deemuun sadarkaa kana caalutti akka bahu hima leenjisaan Maanchester kun.

"Raashfordfi warri kaanis warri akka Antoonii Maarshaalis taanaan tokkumadha. Qalbii isaanii goolii lakkoofsisuu irratti xiyyeeffatanii taphatanii jennaan sammuun isaaniis waan qaramaa deema.

Kun ammoo 100% xiyyeeffannoo godhannaan ogummaa isaa waan qabaniif tapha gara gaariitti jijjiiruudhaaf yeroodhuma ta'e tokko qofa eeggatu."

Kanaaf, Raashfoord ammoo, "ogummaa isaa cimsataa, xiyyeeffannoo qalbii dabalaa deemnaan gooliiwwan hedduu lakkoofsisuun bara taphaa kana keessatti gumaacha ittiin yaadatamu tokko taasisuu danda'a," jedhe Teen Hag.

Raashfoord of deebisee of cimsaa dhufuu

Raashfoord sadarkaa amma irra jiru hedduun itti gammadaa dhufe kana qaqqabuun irra ture kanaan duradha.

Haata'u malee, bara darbe keessa wanti isa mudate xiqqoo akka boodatti harkifatu isa godheera.

Wallaansa baqaqqsanii yaaluu qolee isaarratti taasifateen Euro 2020 keessaa akka hafu taasiseera. Sababa wallaansa dhibee isa mudatee kanaan garee biyyaalessaa Ingilaand keessaa Liigii Biyyaalessaa taphachuun irra ture afur irratti hin hirmaanne.

Raashfoord wayita sababa Covid-19 sochiin dhorkamee wanti hunduu cufaa turetti qalbii biyyaa hawwatee ture. Kanas sababa duula nuffii tokko malee iyyummaa daa'immanii balleessuuf taasiseenidha.

Yeroo sanatti hojii isaa idilee kanuma godhatee ture Raashfoord.

Wallaansaafi duula iyyummaa daa'immanii balleessuu keessa tureen booda, gara taphaatti gahumsaan deebiyuudhaaf of cimsuun isa barbaachisee ture.

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa Instagram

Raashford turtii kanaan booda gahumsa isaatti deebiyuudhaaf qophii sammuufi sochii qaamaa gara garaa taasisaa tureera.

Murannoo of jijjiiruuf qabirraa kan ka'een gosawwan ispoortii gara garaa hojjechaa tureera.

Keessumaa saffisaan fiiguu isaa cimsachuuf jecha funyuun mudhiitti jirma hidhatee yeroo fiigu viidiyoo inni fuula isaa Instagram ofii irratti barreesseera.

Raashfoord erga gahumsa isaa bakkatti deebifachuun taphatti deebiyee as tapha taphatu keessatti goolii lakkoofsisaa jira.

Amma Maanchester Siitiifi Halaand Raashfoord fi Maanchester Yunaayitid dura dhaabbachaa jiru.

Kanaaf, taphni Darbii Maachester Siitiifi Maanchester Yunaayitid waliin taasisan Raashfoordiif carraa inni ittiin jifataan ykn taphataan goolii galchuun maqaan isaa ka'u tokkoo ol jiraachuu isaa itti mirkaneessudha.