Torban darbii Maan Yunaayitid V Maan Siitii fi Arsenaal V Tootenhaam walitti fiduun maaltu eegama?

Asxaa kilaboota Piriimer Liigii gurguddoo

Piriimer Liigii Ingiliiz torban kana keessa gaggeeffamaniin taphoonni darbii Landan fi Maanchester keessatti gaggeeffaman haalaan eegamaa jiru.

Sambata boruu Maanchester Yunaayitid dirree isaaOld Trafford irratti Shaampiyoonaa bara darbee Maanchester Siitii simata.

Dilbata ammoo Tootenhaam kilaba Landan Kaabaa yeroo hunda akka masaanuu isaatti ilaalu Arsenaal yeroo ammaa liigicha dursaa jiru dirree isaa Waayit Artileen irratti simatee waliin taphatu.

Darbii Kaaba Landan kanaan jifataan Tootenhaam Harii Keen addatti hawwiin eeggachaa jira.

Dhugaas qaba, Harii keen waan miyeeffate qaba.

Taphoota Piriimer Liigii kanaan dura Arsenaal waliin taphatan 16 keessatti gooliiwwan 14 lakkoofsiseera.

Miilana Arsenaal irratti goolii lakkoofsisuu yoo danda’es waan biroo lama milkeeffatu waan qabuuf dharraan eeggachaa jira.

Inni tokko goolii baayyee Tootenhaamiif lakkoofsisuun rikkardii Jiimii Giriives gooliiwwan 266 lakkoofsisuun qabate qooddata.

Inni lamaffaan ammoo Piriimer Liigii keessatti gooliiwwan lakkoofsisa 200 guuttachuuf lama isa haftu soqata.

Darbiiwwan gurguddoo lamaan kana dabalatee taphoota Liigichaa kaleessa galgala Fuulhaam fi Chelsii gidduutti gaggeeffame dabalatee ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan dhimmoota gara garaa ilaaluun eenyu akka mo’achuu danda’u tilmaameera.

Kamisa

Fuulhaam 2-1Chelsii

Tapha Kamisa Amajji 12, 2023 galgala Fuulhaam fi Chelsii gidduutti gaggeeffameen tilmaamni Kiriis Saatan sirrii hin taane.

Inni jarri kun goolii 1 fi 1n walqixa bahu jedhee tilmaame. Kan ta’e garuu Fuulhaam dirree isaarratti Chelsii simatee 2 fi1n mo’ateera.

Leenjisaan Fuulhaam Maarkoo Silvaa kilabichaafi deeggartoota isatiif halkan addaati jechuun dubbatan.

Tapha kana hanga daqiiqaa 72tti 1 fi 1 walqixarra osoo jiranii taphataan lammii Poortugaal Johaa Feliiks kaardii diimaatiin Chelsii jalaa bahu hordofee akka mo’amu godheera.

Jimaata

Aston Viilaa V Liids

Jimaata galgala ammoo tapha Astonviilaa fi Liids gidduutti gaggeeffamuti eegama.

Aston Viilaa keessatti erga Unaa’ee Emirii leenjisaa ta’ee wanti hedduun jijjiirameera. Haata’u malee tapha FA CUP irratti kilaba Stevenage jedhamuun mo’amuun isaa rifachiiseera.

Gama biraan ammoo warri Liids tapha Krrdiif waliin taphataniin hanga dhumaatti qabsaa’uun cimina agarsiisee baheera.

Kan fedhes ta’u adeemsi Emirii kun cimaa waan ta’eef Aston Viilaa 2 fi 1n Liidsiin mo’ata.

Sambata

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maanchester Yunaayitid V Maanchester Siitii

Tapha Darbii Sambata Maanchester Yunaayitidiifi Maanchester Siitii walitti fiduun tilmaama gara garaatu kennamaa jira.

Maanchester Yunaayitd leenjisaa Erik Teen Hag jalatta fooyya’insa agarsiisaa dhufeera. Jifataan dargaggeessi kilabichaa Maarkus Raashfoord gumaacha taasisu yeroodhaa gara yerootti dabalaaf jira.

Piriimer Liigicha keessatti Arsenaalitti aanaa lamaffaarra kan jiru garee Peep Gaardiyoolaa ammoo dhiyeenya kana Keevin Dee Biruyeen dabalatee taphattoonni isaa hanga ittiin beekamanirraa hir’atanis laafoo miti.

Tooftaa taphattoota jijjiiruun mo’achuu kan beekamu Gaardiyoolaan, jifataan kilabichaa goolii lakkoofsisuutti waan deebiyuuf ni mo’anna jechaa jira.

Kiriis Saatan tapha kanaan Maanchester Siitiin 2 fi 1 Maanchester Yunaayitidiin mo’ata jechuun tilmaameera.

Biraayitan v Liverpool

Leenjisaan warra Biraayitan Roobertoo Dee Zerbii jalqaba akkuma kilaba kana fudhateen jalqaba gara dirree Liiverpuul deemee Anfiild irratti goolii 3-3 walqixa bahe.

Kun ammoo gammachuu guddaa uumeef ture. Erga sanaa Liiverpuul baayyee waan foyyaa’eeru hin fakkaatu.

Sarararri ittisaa Liiverpuul jabaataa miti, goolii galchuu irrattis cimina dhaabbataa ta’e agarsiisaa hin jiran—takkaa mul’atanii deebiyanii badaa as gahan.

Biraayitan ammaa Liyaandiroo Tiroosaad qabatee ammayyu Liiverpuuliif sodaachisaadha.

Yeroo darbe taphataan kun Anfiild irratti goolii sadii galchuun hatiirika hojjeteera.

Kanaaf jarri kun goolii 2-2 walqixa bahu jechuun tilmaama isaa kaa’eera Saatan.

Everten V Saawozhampitan

Saawozhampitan tapha FA CUP fi Karabaa'oo CUP irratti ga'imsa gaarii agarsiisaa jira. Taphoota kana irratti Kiristaal Palaasiifi Maanchester Siitii mo'ateera. Kun ammoo Piriimer Liigii irrattis hamilee isaa cimsaaf.

Gama biraan Evertenis dhiyeenya kana Maanchester Siitii waliin 1-1 walqixa ba'uun cimina gaarii agarsiiseera. Isayyu dirree Siitii, Itaad irratti gahumsa kana kan agarsiisan.

Kanarraa ka'uun Kiriis Saatan tapha kana everten1-0n ni mo'ata jechuun tilmaameera.

Taphoota biroo Sambataan

Taphoota Piriimer Liigiii Sambata taphataman biroon Niitinghaam Forest Leesteriin 2-1n, Wolvis West Haamiin, Bireentifoord ammoo Bornmaawoziin 2-0n ni mo'atu jechuun tilmaama isaa kaa'eera ogeessi BBC kubbaa miilaa tilmaamu kun.

Dilbata

Dilbata taphoota sadiitu gaggeeffama. Isaan keessaa tapha Darbii Kaaba Landan Arsenaal fi Tootenhaam walitti fidu hedduu eegamaa jira.

Tootenhaam V Arsenaal

Arsenaal taphoota 17 taphatee qabxii 44 Liigicha dursaa kan jiru yoo ta'u, Tootenhaam ammoo taphoota 18 taphatee qabxii 33 sassaabbachuun sadarkaa shanaffarratti argama.

Akka Saataan jedhutti Arsenaal garee baayyee cimaadha bara kana. Tootenhaam ammoo bara kana gahumsa hawwataa ta'e agarsiisaa hin jiru.

Kanaaf jedha Saatan, Arsenaal Dilbata dhufu gara dirree masaanuu isaa Tootenhaam deemuun waan guddaa raawwatee deebiya jedha.

Akka tilmaama isaatti Arsenaal 3-0n injifata.

Taphoota Dilbata taphatamn lamaan biroon Niiwukasil Fulhaamiin 3-0n, Chesliin ammoo Kiristaal Palaasiin 2-1n ni mo'ata jechuun tilmaameera.

Isin eenyutu eenyuun mo'ata jettu?

Kan Kiriis Saatan kana ilaaluun keessan bira qabdanii tilmaamuu ni dandeessu.