Yeroon Ronaaldoon kilaba Sa'udii Arabiyaatti tapha jalqabu akka achi siqu taasifame

Ronaaldoo uffata kilaba isaa haaraa uffatee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ronaaldoo uffata kilaba isaa haaraa uffatee

Taphataan lammii Porchugaal Kiristiyaanoo Ronaaldoo yeroon itti kilaba isaa haaraa Sa’udii Arabiyaatti taphachuu jalqabu akka achi siqu taasifame.

Kilaboota gurguddoo Awuroppaa keessa kan milkaa’e taphataan maqaa guddaa qabu kuni maallaqa guddaanis dhufu tapha kilabichi taasisaa jiru irratti hirmaataa hin jiru.

Ronaaldoon tapha gaafa Jimaataa kilabiin isaa haaraa taphateerratti hin hirmaanne.

Tapha kilabiin isaa Al Nassr Sambata dhufu kilaba Al Shabaab jedhamu waliin taphatu irrattis hin taphatu.

Leenjisaan kilabichaa Rudii Gaarshiyaa torban lama booda Amajjii bultii 22 taphachuu jalqaba jechuun dubbatan.

Erga kilabicha torban darbe seenee taphachuu kan hin eegalleef sababa kana dura adabbii qabuufi.

Adabbiin kuni waggaa darbe yeroo Maanchistar Yunaayitidiif taphatu deeggara kilaba Evartan harkaa bilbila waan rukuteefi. Yeroos Evartaniin mo’amanii mufateeti.

Kanaafis taphoota lama akka hin taphanne Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ingilaandiin adabame. Federeeshinichi dabalataan paawundii 50,000 isa adabeera.

Haa ta’u malee, tapha michummaa PSG waliin kan Mesiiifi Mibaappeen hirmaatan irratti akka hirmaatuu danda’u ibsameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen Liyoneel Mesii PSG’n taphattoota kilaboota Sa’udi Arabiyaa Al Nassr akkasumas Al Hilaal irraa walitti babba’an Amajjii bultii 19 Riyaaditti morkata jechun Gaarshiyaan miidiyaa L’Equipe’tti dubbatan.

‘’Taphi Ronaaldoo uffata Al Nassr uffate osoo hin taanee Al Hilaal akkasumas Al Nassr keessaa walitti dhufan keessaa tokko ta’eeti,’’ jedhan.

Taphataan ganna 37 tapha isaa jalqabaa Sa’udii Piroo Liig irratti garee Ittifaaq jedhamu waliin taasisa.

Ronaaldoon waggaatti kilaba isaa haaraarraa paawundii miiliyoona 177 argata jedhameera. Kunis taphataa kubbaa miilaa galii guddaa argatu isa taasisa.

Leenjisaan duraanii Liil fi Liyoon, Gaarshiyaan, baatii lama booda Ronaaldoon kaka’umsa kubbaa milaaf qabu hin dhaabu abdii jedhu akka qaban himan.

Baatiilee lamaan kana keessa kilaba isaa duraanii Yunaayitiid waliin kontiraati isaa adda citeera, biyyi isaa Porchugaaliis hirboo maayii Waancaa Addunyaarratti dorgommiin ala taate.

Biyyi isaa kuni Morookoon 1fi 0'n mo'amteeti dorgommiin ala kan taate. Morookoof garuu seenaa ture.

Galchii En Neyisirii lakkoofsiseen 1 fi 0’n Poorchugaal injifachuun Waancaa Adunyaa irratti seenaa haaraa kubba miilaa Afrikaa keessatti galmaa’ee hin beekne milkeessite.

Taphataan maqaa guddaa qabu kuni Waancaa Addunyaa dura gaaffiifi deebii ijoo dubbii ta’e erga kennee booda waliigaltee waloon Yunaayitiid gadhiise.

‘’Baatiiwwan muraasa, kilaba Yunaayitid, garee biyyaalessaa akkasumas dhuunfaatti yeroo walxaxaa keessa ture,’’ jedhan.

‘’Lammata taphachuuf kaka’umsa isaa durii yoo qabaate, galma gaarii milkeessuuf murteessaadha,’’ jedhan.

Ronaaldoon yeroo Sa'udii seene simannaa guddaatu isaaf taasifameef.

''Waan hunda injifadheera, kilaboota Awurooppaa gurguddoof taphadheera, amma yeroon Eeshiyaatti kan qormaata haaraati,'' jedhee dubbate.

Kirsitiyaanoo Ronaaldoo Al Nassr waliin hanga bara 2025'tti turuuf waliigale.