'Awurooppaatti hojiikoo xumureera, carraalee heddduu dhiiseen dhufe'-Kiristiyaanoo Ronaaldoo

Kiristiyaanoo Ronaaldoo

Madda suuraa, Reuters

Saawdii Arabiyaatti simannaa gaarii godhameef irratti Kiristiyaanoo Ronaaldoo kilaboota Awurooppaa irraa gaaffii dhiyaachaafii ture heddduu dhiisee gara kilaba Al Nassr dhufuu hime.

Kiristiyaanoon turtii isaa kilaba isaa ijoollummaa Maanchistar Yunaayitiid ilaalchisee gaaffiifi deebii kenneen dhiibamuu isaa ibsee kilabicha komatee ture.

Ergasii turtiin jifataa collee addunyaa kanaa ganna 37 kun Maanchistarii bahuuf dirqameera.

Simannaa deeggartoota kumoota kurna hedduun lakkaawwaman fuula duratti taasifameef irratti Kiristiyaanoon kilaboota biyya Biraaziil, Awustiraaliyaa,US fi Poorchugaal irraa gaaffiin dhiyaachaafi akka ture dubbate.

''Kilaba kanaaf tole jedheera'' jedhe Kirsiyaanoon kan maatii isaa waliin Saawdii Arabiyaa gale.

''Waan hunda injifadheera, kilaboota Awurooppaa gurguddoof taphadheera, amma yeroon Eeshiyaatti kan qormaata haaraati.''

Kirsitiyaanoo Ronaaldoo Al Nassr waliin hanga bara 2025'tti turuuf kan waliigale yeroo ta'u waggaatti miindaan isaa paawundiin miiliyoona 177 taphaticha miindeffamaa kubbaa miilaa isa qaalii isa godha.

''Namni waan hin beekneef, Awurooppaatti carraalee hedduu qabaachaa akkan ture isinii hima, kilabootni baayyeen Biraaziil, Awustiraaliyaa, US fi Poorchugaaliyyuu na mallatteesifachuuf yaalaniiru.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Injifataan Ballon d'Or yeroo shanii kun gammachuu ibsannaaf jecha jedhu 'Siu' sagalee jedhuun kumootaan simatameera.

Gaaffiifi deebii isa jalqabaas qondaaltota kilabichaa waliin gaggeesseera. Rippoortaroota irraa garuu gaaffii hin fudhanne.

Waayee kontiraata isaa kilaba Saawdii yeroo sagal shaampiyoonaa ta'ee yeroo dubbatu, ''kontiraatni kun adda garuu anis taphataa addaati waaniin ta'eef anaaf addummaa hin qabu'' jedhe.

Liigichi dorgommii cimaan kan keessa jiru ta'uu beeka, taphoota baayyee daawwadheera. Roobii booda nan taphadha jedheen abdadha yoo leenjisichi carraan jira jedhee amane. Kubbaa taphachuu itti fufuuf qophiidha.''

Leenjisaan kilabichaa Rudi Gaarsiyaa Ronaaldoo mallatteessisuun Saawdii Arabiyaaf ''ajaa'iba'' jedhe.

Leenjisaan lammii Faransaay kun ''taphattoota collee akka Kiristiyaanoo leenjisuun salphaa ta'uu jireenya koo keessatti argeera sababni isaas wantiin isaan barsiisu hin jiru'' jedhe. ''Galmi koo Kirsitiyaanoo gammachiisuudha. Al Nassr waliin taphachuutti akka gammadu gochuudha akka injifatus.''

Kiristiyaanoon huccuu kilabichaa uffachuun suura isaa jalqabaas ka'eera.