Aministii Intarnaashinaal Ronaaldoon sarbama mirgaa Saawdii jiru irratti akka dubbatu gaafate

Madda suuraa, Cristiano Ronaldo
Dhaabbatni mirgaaf falmu Aministii Intarnaashinaal kilaba biyya Saawdiif kan mallatteesse Kiristiyaanoo Ronaaldoo waltajjiiwwan argatutti fayyadamee dhimma sarbama mirgaa biyyattii jiru dubbachuu qaba jedhe.
Jaarmiyaan kun kana kan jedhe jifataan ganna 37 kilaba Al Nassr miindaa qalii kubbaa miilaa Kiristiyaanoof kaffalutti makamuu hordofeeti.
Aministiin Ronaaldoon gara Saawdii akka dhufu godhamuun qaama adeemsa ''badii ofii ispoortiin sirreessuu ykn haguuguuti'' jedheera.
Kibxata maatii waliin Riyaaditti kan simatame Ronaaldoon Saawdii Arabiyaatiin ''biyya ajaa'ibaa'' jedheera.
Saawdiin sochiiwwan ispoortii adda addaarratti hedduu qarshii baasti yookiin investii tolchiti.
Golfii hanga bunyaa, formulaa waan hanga kilaba piriimiyeer Liigii Niiwkaasil bitachuutti.
Haata'uyyuu malee biyyittiin qabiinsa mirga namoomaafi mirga dubartootaan ni himatamti.
Ilma mootichaa Mohaammed bin Salmaan jalatti dubartootni akka konkolaachisan hayyamuu dabalatee rifoormiiwwan adda addaa godhamaa jiru.
Haa ta'u malee, dubartootni duula mirgaa gaggeessan ni hidhamu. Ejensiiwwan tikaa biyyoota Lixaa ilmi mootichaa bara 2018'tti gaazexessaan beekamaa Jamaal Kaashoogjii akka ajjeefamu ajajeera jedhamus mootichi ni waakkatu.
''Haala hin barbaachifneen Saawdii Arabiyaa dinqisiifachuurra, Ronaaldoon waltajjiiwwan hawaasaa qabutti dhimma bahee haalli mirga namoomaa biyyattii xiyyeeffanno akka argatu gochuu qaba'' jedhan qorattuun dhaabbatichaa damee Giddugala Bahaa Daanaa Ahimaad.
Qorattuun kun Saawdii Arabiyaan yakkoota akka nama ajjeesuu dirqiin gudeeduufi qoricha seeraan alaa daddabarsan irrattii guyyaa guyyaan ajjeechaa raawwattii jechuun himan.
''Bara darbe guyyaa tokkotti namootni 81 irra hedduun isaanii himannaa qajeelaa hin taaneen murteen du'aa irratti raawwateera.''
Aanga'oonni biyyattii warra mirga namaaf falman, rogeeyyii mirga dubartootaa fi namoota siyaasaa ari'atuu jechuun himatu.
''Kiristiyaanoo Ronaaldoo beekamtiifi maqaa isaa guddaa kan warri Saawdii yakka isaanii akka ittiin dhokfatan hayyamuu hin qabu.
''Yeroo Al Nassr keessaa qabutti rakkoo mirga namoomaa biyyattii keessa jiruu dubbachuu qaba.''












