Kilaba Al Nassr kan seene Ronaldoon, Sa'ud Arabiya jechuutti Afrikaa Kibbaa jechuun nama qoosaa ta'e

Kiristaanoo Ronaaldoo maallaqa guddaadhaan kilaba Sa'uudii Arabiyaa- Al Nassr seene

Taphataa collee addunyaa kan ta'e Kiristaanoo Ronaaldoo doolaara hedduudhaan kilaba Sa'uudii Arabiyaa-Al Nassr seenee wayita yeroo jalqabaaf ibsa miidiyaaf kennu, maqaa biyya isa simattee dhiisee maqaa biyya biraa waamuun qaanii uume.

''Gara Afrikaa Kibbaa [South Africa jedhee waame] wayitan dhufu kubbaa miilaa dhaabe jechuu miti,'' jedhe.

Ronaaldoon dogoggoree akka kana jedhe inuma beekama, garuu hawwii jaallattoonni kubbaa miilaa Afrikaa Kibbaa isa arguuf qaban akkaan dabaleera.

Deeggartoonni fi jaallattoonni kubbaa miilaa Afrikaa Kibbaa taphataa beekamaa addunyaa kana osoo akkuma afaansaa godheefii kilabasaanii keessatti arganii guddoo hawwan.

Namoonni dhuunfaa fi kilaboonni Afrikaa Kibbaa hedduun dubbii Ronaaldootti guddoo qoosan, kan itti gammadanis hedduudha.

Fuulli tiwiitarii @tumiwamodimo jedhu Afrikaa Kibbaa keessatti gareen kubbaa miilaa Ronaaldoon keessaa taphachuu danda'u, kilaba carroome Mamelodi Sundowns jedhamu qofa jechuun qoose.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 1

Abbaan Taayitaa Tuurizimii Afrikaa Kibbaas osoo Ronaaldoon guyyaa tokko Istaadeemii Moses Mabhida- kan magaalaa qarqara galaanaa taate Darbaan keessatti ijaarame keessatti mul'atee abdii fi hawwii akka qabu ibse.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 2

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Marsariitiin oduu Afrikaa Kibbaa Pakaathi News jedhamu kun dogoggora nama ajaayibuudha jedhe.

Gulaalaan kubbaa miilaa Jonty Mark jedhamu ammoo ''Afrikaa Kibbaa fi Sa'uudii Arabiyaan [South Africa fi Saudi Arabia] qubeensaanii jalqabaa walfakkaata. Haata'u malee ammas taanaan Ronaaldoon biyya isa simatte waamuu dagatee biyya biraa waamuun dogoggora salphaa miti,'' jedhe.

Kaan ammoo Yuuroo miiliyoona 200 argannaan maqaa biyyaa yaadachuu hin feesisu, maalumaafuu Ronaaldoo baga gara Afrikaa Kibbaa dhufte jechuun itti qoosan.

Sa'uudii Arabiyaatti mindaan waggaa Ronaaldoo doolaara miiliyoona 75, kana jechuun addunyaarratti mindaan kansaan qixxaatu hin jiru jechuudha.

Kiristaanoo Ronaaldoo ji'oota 30f Kilaba Al Nassr waliin waliigaltee mallatteesse.

Wayita Ronaaldoon maqaa Afrikaa Kibbaa waamu qondaaltonni kaan cinaasaa turanis isa sirreessuu hin feene, garuu waan inni jedhetti hin gammanne.

Jaallattoonni fi deeggartoonni akkasumas qondaaltonni Sa'uudiis Ronaaldoon kana jedhe jedhanii itti hin qabamne, jaalalaa fi kabaja qabaniif miira gammachuu ibsaafii turan.

Simannaa ajaayibaas taasisaniif.