Morookoon xumura-walakkaa Waancaa Addunyaaf darbuun Afrikaaf seenaa haaraa hojjette

Garee Morookoo Poorchugaaliin yeroo injifatanitti, 2022

Madda suuraa, Getty Images

Morookoon galchii En Neyisirii lakkoofsiseen 1 fi 0’n Poorchugaal injifachuun Waancaa Adunyaa irratti seenaa haaraa kubba miilaa Afrikaa keessatti galmaa’ee hin beekne milkeessite.

Morookoon daqiiqaa xumuraa irratti taphataa tokko kaardii diimaan dhabdeetti.

 Taphataa cimaa sarara ittisaa Roomaan Saayis miidhamaan, akkasumas tapha Ispeen irratti kan miidhameefi ittisa irratti cimaa tahe Aguweerdiin dhabdus Poorchugaaliif hin jilbeenfanne.

 Morookoon Waancaa Adunyaa irratti Poorchugaaliin yoo mo’attu kan jalqabaa miti.

Hirmaannaa Waancaa Adunyaa lammaffaa ishee kan Meksiikoon bara 1986 qopheesite irratti 3 fi 1’n mo’attee ture.

Yeroo sana garuu garee ishee keessaa darbuuf ture. Kan har’aa seenaa addaati. Walakkaa xumura Waancaaf darbuuf yoo tahu, Poorchugaal waraqaa irratti waancaa kana mo’achuuf taphattoota gurra guddaa qaban hedduu qabdi jedhamaa turte.

Leenjisaan Morookoo Waalid Reguraay taphicha dursuun deeggarsa Afrikaa guutuufi biyyoota Arabaa qabna, isaaniifif biyya keenyaafis mo’achuuf taphanna jedhan.

 Dhuguma akka dubbatan imaanaa guddaa akka ardii Afrikaatti irra jiru bahataniiru.

Amma imalli Morookoo Waancaa Adunyaa injifachuu taha.

Sababni isaa leenjisaan Morookoo Waalid tibbana biyyootni Afrikaa ilaalcha Waancaa Adunyaa mo’achuu irratti qaban jijjiiruu qabu jedhanii ture.

Biyyootni Afrikaa Waancaa Adunyaa ni mo’anna jedhanii amanuu qabu jedhan.

Morookoon kana dhugoomsuuf deemti.

Imala Morookoo Waancaa Adunyaa Kaataar irratti

Morookoon Waancaa Adunyaaf darbitee yoo dhuftu walitti aansuun osoo hin mo’amiin ture. Kana qofa osoo hin taane taphoota jaha irratti galchiin irratti hin lakkoofsifamne.

Garee ishee keessaa Beeljiyeemiin mo’atte.

Kanaadaa irrattis injifannoo argachuun Kirooshiyaa waliin qixa xumurte. Garee ishee keessaas qabxii torbaan dursuun darbite.

Nuusa xumuraatti darbuuf ammo Shaampiyoonaa Waancaa Adunyaa bara 2010 kan taate Ispeeniin mo’atte.

Amma biyyoota garee tokko keessa turan Morookoo fi Kirooshiyaatu walakkaa Xumura Waancaa Adunyaa bara 2022 Kaataariif darbe. Ammas carraa biyyootni lamaan yeroo lammaaffaaf wal argan jira.

En Neyisirii
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waancaan Adunyaa Kaataar bara 2022 biyyoota akka mootota kubba miilaatti of ilaalan ganamaan gaggeessuu jalqabe.

Taphattoota maqaa gurguddaa qaban boossiise. Jalqaba Yuraagaay biyya Luwis Suwaareez gaggeesse. Jarman shaampiyoonaa Waancaa Adunyaa bara 2014 garee ishee keessaayyuu oso hin darbiin qe'eetti galte.

Ispeen Shaampiyoonaa Waancaa Adunyaa bara 2010 kan Afrikaan Kibbaa qopheesitee Morookootu injifachuun nuusa Xumuraaf darbe. Isaan leenjisaa isaanii Luwis Eniriikees gaggeessan.

Jaalattoota kubba miilaatti naasuu guddaa kan uumee fi taphattoota akka neeyimaar faa;a boochise kaleessa injifannoo Kirooshiyaan xumurame.

Har'a Morookoon Kiristaanoo Roonaaldoo boosifte. Carraa inni Waancaa Adunyaa injifachuuf qabutti xumura goote. Ganna 37 kan tahe Roonaaldoon kana booda Waancaa Adunyaa irratti waan argamu miti.

Arjentiinaan ammoo Nezerlaandis injifachuun abdii Liyonel Mesiin Waancaa Adunyaa injifachuuf qabu haaressite.

Xumurri Waancaa Adunyaa yeroo isa dur barameen ala Kaataaritti gaggeeffame qabxii namootni hedduun hin eegnes galmeesse. Afrikaaf garuu seenaa haaraa, aduu haaraa kubba miilaa Afrikaaf ibse.