Waancaa Addunyaa 2022: Morookoon Afrikaa bakka buutee waancaa mo'attii laata?

Deeggartoota Morookoo

Madda suuraa, Getty Images

Kibxata darbe taphni guddaan Kaatar isteediyeemii Education City 'tti Morookoo fi Ispeen gidduutti tapahatamee ture.

Tapha injifatanii nuusa xumuraatti darbuu kanaan darbuu kanaan bakka daawwattoonni 44,000 walitti qabamanii jiranitti Morookon Ispeen mo'achuun mufachiiste.

Kana hordofee lammiilen biyyattii magaalota akka Kaasaabilaankaa, Rabaat, Marakaash fi magaalota gurguddoo biyyoota Awurooppaa keessaatti karaatti bahuun dhiichasii gammachuu isaanii ibsatan.

Mootiin Morookoo Mohammad VI osoo hin hafin karaatti bahuun gammachuu ibsataniiru.

Leenjisaan garee biyaalessa Morookoo taphicha erga mo'atanii booda taphattoota isaa waliin dhiichisanii gammachuu erga ibsatanii booda ibsa gaazexeessitootaf kenne.

Ibsa isaa kanaan: "Cimaa yoo ta'e illee Afrikaan waancaa addunyaa ni mo'atti jennee abdii godhachuu qabna" jechuun dubbate. Ibsi isaa kun biyyoonni Afrikaa akkaataa itti isaan Waancaa Addunyaa ilaalan irratti jijjiirama guddaa kan fiduudha jedhame.

Leenjisaan garee taphattoota biyyoolessaa Morookoo Regragui fakkeenyummaa kubbaa miilaa Afrikaa bakka bu'a: Inni dargaggeessa, dorgomaa, sodaa kan hin qabnee fi onnee paan-Afrikaa kan qabuudha.

Tapahttooni leenjisaa isaanii baatanii yeroo gammachuu ibsatan

Madda suuraa, Getty Images

Seneegaal irraa Aliyuu Siisee, Aljeeriyaa irraa Djemal Belmaadi, kan Tuniziyaa Raadhii Jaidi fi kan Afrikaa Kibbaa Beenii Makaartii leenjistoota Afrikaa biroo fakkeenyummaa guddaa qabaniidha.

Waancaa Addunyaa 2022 irratti leenjistoonni garee biyyaalessa biyyoota Afrikaa shanan hirmaatan hundi isaanii Afrikaanota ta'uun isaanii waan akka carraa ta'ee miti.

Leenjisaan garee Morookoo Regragui kan inni jedhe sirriidhaa? Afrikaan Waancaa Addunyaa mo'achuu akka dandeessu of gaafachuu qabdii?

"Taphoota Waancaa Addunyaa kanaan dura tapahataman irratti Afrikaan waancaa akka hin nyaanne maaltu godhe?"

Ardiin Afrikaa gita bittaa jala turuudhan jalqaba. Akka carraa ta'ee Waancaa Addunyaa torba bara 1930 hanga 1962 tti gaggeeffame keessatti Masirii qofaatu bara 1934 tti si'a tokko qofa Afrikaa keessaa carraa hirmaachuu argate.

Kuni ammmoo biyyoonni Awurooppa bifa suukaneessaa ta'een Ardii Afrikaa koloneeffachuu isaani fi angawoonni FIFA durii biyyoonni Afrikaa dorgommiiwwan Waancaa Addunyaa irratti akka hin hirmaannef carraa dhorkachuu isaati.

Agarsiisa Waancaa Adduyaa 2010

Madda suuraa, Getty Images

Waancaa Addunyaa bara 1966 Ingladitti gaggeeffame irratti Ardiin Afrikaa hirmachuu diddee turte. Kunis dorgommicha irratti mirga hirmaachuu gaafachuuf ture. Gaaffiin kun bara 1970 tti deebii argate.

Waggoota kurnan sadi sana booda jiranitti Afrikaan garee ciccimaa hundeessuu dandeesse. Aljeeriyaam, Jarman Lixaa mo'atte, Morookon Poorchugaal injifatte, Kaameruun ammoo Arjantiinaa mo'atte.

Kuni ta'ee osoo jiruu Waancaa Addunyaa bara 1982tti gaggeeffame irratti biyyoota Afrikaa lama qofaaf carraa kenne, bara 1994 tti biyyoota sadi, bara 1998tti ammoo biyyoota shan qofaaf carraa kennuun loogii gochuu isaa itti fufe.

Kanaaf, Afrikaan Waancaa Addunyaa akka hin nyaanne kan godhe keessaa tokko carraan irratti hirmaachuu ishee xiqqaa waan tureefi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waancan Addunyaa bara 2022 Kaataritti gaggeeffames hanqina bakka bu'ummaa kan agarsiisedha. Lakkoofsa biyyoota hirmaatanii qofaan osoo hin taane carraa dorgommicha qopheessutiinis.

Bara 2002 Kooriyaan Kibbaa yeroo Waancaa Addunyaa qopheessitu nuusa xumuraa qofa keessa seentee turte. Urjoonni Gurraachi Gaanaa garuu dorgommii xumuraa gahuuf bara 2010 Waancaa Addunyaa Afrikaa Kibbaatti taasifame irratti rukuttaa adabbiitin mo'aman.

Dorgommii Waancaa Addunyaa bara kanaatin Kaamerun biyya Afrikaa yeroo jalqabaaf Biraazil mo'atte taatetti. Tuniziyaan Faransaayi mo'atteetti. Morokoon ammoo Ispeen mo'achuu dandeessetti.

Deeggartooni biyyoota akka Saa'udii Arabiyaa, Morokoo fi Tuniziyaa ammoo milkaa'ina biyyi isaanii Waancaa Addunyaa kana irratti agarsiisaniif gammachuu fi deeggarsi isaanii qilleensa guutera.

Akkuma Leenjisaan garee Morookoo Regragui jedhe biyyattiin Waancaa Addunyaa argannaan ammoo miidhagina dorgommichaa guddaa ta'a.

Akkaataa gareen isaanii itti ittisuu fi dandeettii gooli eegaan isaanii Yaasin Boono agarsiisa gaafa ilaalamu carraa guddaa akka qaban agarsiisa.