Mesiin kilaba Sa'ud Arabiya morkataa garee Ronaaldoo ta'e, Al Hilal seenuufii?-Hamii jijjiirraa

Liyoneel Mesii

Madda suuraa, Getty Images

Kilaba kubbaa miilaa Sa'ud Arabiyaa Kiritiyaanoo Ronaaldoo dhiheenya seene Al Nassr'f morkataa cimaa kan ta'e Al Hilal Taphataa collee addunyaa umrii waggaa 35 Liyoneel Mesii irratti xiyyeeffateera.

Lammiin Arjantiinaa waancaa bara 2022 Qataar qopheessite mo'ate kun kilaba biyya Firaans PSG keessa taphataa kan jiru yoo ta'u, waggaatti doolaarri miiliyoona 300 kaffalameef akka gara Al Hilaal deemu asaasamaa jira.

Arsenal ammoo taphataa Shaktaar Doontesk fudhachuuf yaalaa jiruun alatti jifataa lammii Sarbiyaa, kan amma Juventusiif taphaturra ija buufateera.

Gatiin taphataa umrii waggaa 22 kun yuuroo miiliyoona 110nitti tilmaamama.

Warri Arsenal- the Gunners, taphataa gameessa lammii Yukireen sarara cinaarra taphatu of harka galfachuuf waliigaltee xumuraarra ga'aniiru.

Taphataan umrii waggaa 22 Mykhahylo Mudryk Shakhtar Donetsk keessa ture.

Chelsiin ammoo taphataa sarara gidduu Biraayitan fi Ekuwaadoor, nama umrii 22, Moises Caicedo kajeelaa jira.

Kunis erga lammii Arjantiinaa kilaba Benefikaaf sarara gidduurra taphatu Enzo Fernandez , umrii waggaa 21, mallatteessisuuf sodaa keessa galaniiti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Totenhaam xiyyeeffannaasaa taphataa sarara cinaa Biraayitan kan umrii waggaa 28 Leandro Trossard irra kaa'ateera.

Kilaboonni Ispeen, Firaansi, Jarmanii fi Itaalii ammoo erga Manchistar Siitiin Joao Cancello idileen taphachiisuu dhaabee, taphataa lammii Porchugaal kana duuka bu'anii hordofaa jiru.

Lammii Ispeen PSG'f taphatu, taphataa umrii waggaa 30, Pablo Sarabiyaa fudhachuuf gaafiin Wolves dhiyeesse fudhatama argateera.

Southhampton taphata kilaba biyyaalessaa Ingilaandiif boodarraan karaa mirgaa taphatu James Bree'f kan deemaa jiru yoo ta'u, Liids Yunaayitid ammooo jifataa Firaansi Georginio Rutter yuuroo miiliyoona 35 baasee bituuf jedha.

Evartan ji'a kana keessa taphattoota lama mallatteessisuuf jedha.

Taphataan Manchistar Yunaayid fi biyyasaa Siwiidiiniif sarara cinaarra taphatu Antonii Ilaangaa kanneen Evartan ija irra buufate keessaa tokko.

Brentford kilaba Yunaayitid Isteetis Antalyaspor irraa taphataa sarara fuulduraa umrii waggaa 24 Haji Wright mallatteessisuuf.