Lammileen Itoophiyaa Kirkira lafaa Miyaanamar irraa oolaan maal jedhu?

Madda suuraa, THAI NEWS PIX
Kirkirri lafaa tibbana Miyaanmaari fi Taayilaanditti muudate lubbuu namoota 3,000 ol akka galaafate gabaafamaa ture.
Lammileen Itoophiyaa daangaa Miyaanamar keessa turan balaa kanarraa oolaan waan muudatee fi haala keessa jiran BBC'tti himaniiru.
Shamarreen waggotaaf kaampii hojii gowwomsa gama oonlaayinii irraa dirqiin hojjataa tuertee fi amma bakka dahannaa takkoo keessa jiraachuu himtu, haalli ture yaddoo duraanu keessatun irratti ''sodaa guddaa nutti dabalee'' jetti.
Mindaa guddaadhaan Taayilandi keessatti mindeeffamta jedhuun biyyaa bahuu kan himtu shamarreen kun, waggaa tokkoo oliif erga Kaampicha keessatti kanfaltii tokko malee hojjataa turtee amma baqattee namoota 200 ol ta'an waliin harka loltoota riphee lola jala akka jirtu himti.
''Osuma nuti ciifne jirruu lafti akka malee raafame sagaleen gamoowwan caccabaniifi namoota oliifi gadi fiiganii dhaga'amaa ture. Sodaa guddaas nutti uumee ture. Maddi keenyaa manoonni caccabaniif namoonni miidhaman illee jiru, galata waaqa nuti garuu oollerra,'' jette.
Amma harka waraana jiraannullee namoonni bakka dura hojjataa turre (kaampii gowwomsa onlayiinii Miyanamar) dhufanii nu sodaachisaa jiru. Sodaa har'amoo boru achi nu deebisu jedhu kana biraan balaan uumamaa kun ammoo muudachuun waan rifaasisaa ture jechuun haala keessa jiran himti.
Shamarraan dabalatee namootni hedduun bakka sanatti dararamaa akka turan kan eerte shamarreen kun dararaan isaa shamarraniif dararaa dachaadha jetti.
Haala kana keessatti shamarraan dhukkubsatanii jiran, kanneen ulfa ta'aniifi miidhaa hamaaf saaxilaman isaan giddutti akka argaman dubbatte.
''Bakka sanirra amma kan siqne waan daqiiqaa 20, 30 hin caalledha. Nyaatni hin jiru, harka duwwaa achii baane, haala hammataa keessa jirra, adaraa asumaa nu baasaa, maaf biyyoo biyya keenyarratti duunee hin awwalamne as keessa bahuu barbaanna. Kanaaf mootummaan Itoophiyaa akka lubbuu keenya nu baraaru gaafanna.

Madda suuraa, Source
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni biraa BBC dubbise namootni moora hanna sanarra ba'anii kaampii loltuu bakk Mowaadi jedhamu jiran doktoorota, hojjattota baankii, hojjattoota mootumma fi daldaltootafa akka ta'an BBC'tti hime.
''Riphee loltootni kaampi sanarraa fayidaa argatuun dabrsee nu kennuu danda'a sodaa jedhu akka qabna.'' Namoonni bakka kaampii sanatti isaan dararaa turan hordofanii asittillee akka gara hojichaa akka deebi'aniif dhiibbaa gochaa akka jiran dubbate.
Namoonni kana dura Taayilandi keessa qaqqaban marsaa lamaan gara Itoophiyaa galaniiru. Isaan namoonni Taayilaand jiran yoo imalan akka mootummaa Taayilaanditti dabarfaman itti himamullee hanga yoonaa Taayiland keessa galuu dhabuun isaanii yaaddoo cimaa akka itti uume erera.
Kana gidduutti ammoo Kirkira lafaa muudachuun, gamoon biiroo dhimma alaa biyyatti jijjiguuhordofuu fi hojjattootni du'uun dhimmi isaanii akka dagatamu taasisuu ibse.
Kirkira lafaa sanaan miidhaan lubuu isaanirra ga'e akka hin jirres himaniiru. Haa ta'u malee, Lammiin Itoophiyaa wayita kirkirri lafaa kun muudatu karaa foddaan utaale miidhaan irra ga'e jira.
Miidhaan gama kanaan irra ga'e salphaa ta'us dhimmi isaani dagatuu irra kan ka'e yaaddoon isaanii dabaluu hime namni kun.
''Achitti nu deebisaniiru taanaana qamni dhufee achii nu baasu hin jiru. lammileen Itoophiyaa 29 hanga yoona achi buuteen isaani hin beekamu. Namootni kunneen harki isaanii dheeradha, waan fedhan gochuu danda'u kanaafa birmannaa barbaanna mootummaa Itoophiyaa barbaanna jedhe.
''Haalli teesuma biyyatti rakkoo uumamaa akkasiif saaxilamtuu ta'uu isheen sodaa jiru akkuma ta'utti ta'ee har'allee warri nu eegaa jiran ykn itti baqannee isaanuma''

Madda suuraa, MFA
Lammiileen Itoophiyaa hedduun hojii barbaaduf ba'anii Miyaanamar keessatti ugguramanii hojii gowwoomsaa Interneetiin (Scamming) hojjataa turan erga achii ba'anii booda daaangaa Taayilaanditti danqamanii mootummaan Itoophiyaa akka isaaniif qaqqabuuf gaafataa turru BBC'n gabaasa tureera.
Haala kanaanis lammileen gara dhibba tokkotti siqan gara biyyaatti deebifamaniiru. Kanneen achitti hafanis tumsi walfakkataan akka isaanif taasifamuu gaafachuu itti fufaniiru.
Xalayaan Imbaasii Itoophiyaa Tookiyaa irra Bitootessa 7, 2025 irraa bahe akka mul'isutti, mootummaan Miyaanamar, Lammilee Itophiyaa ugguramanii jiran kanneen gara Taayilaanditti akka dabarsuu fi Imbaasichi Imbaasii Itoophiyaa Hindi jiru waliin lammilee kanneen gara biyyatti deebisuuf akka hojjatu beeksisee ture.
Haa ta'uu malee, baati tokko oliif maalif hin dabarsamin buufata loltotaa keessa turan waanti beekamu hin jiru.
Lammileen Itoophiyaa 900 ol ta'an haala wal fakkaataa keessa akka jirantu himama. Garuu BBC'n lakkoofsa lammilee jedhame kana addatti hin mirkaneeffanne.












