Lammiileen Itoophiyaa 130 ol kaampii yakka Saayibarii Miyaanmaar keessa turan gadhiifaman

Lammiilee biyyoota 19 Miyaanmaar keessaa gadhiifaman

Madda suuraa, THAI NEWS PIX

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiilee biyyoota 19 Miyaanmaar keessaa gadhiifaman keessaa hedduun lammiilee Itoophiyaati

Lammiileen Itoophiyaa 138 Miyaanmaar keessatti dirqiin qabamnii kaampii hojii yakka saayibarii hojjetu keessa hidhamanii turan gadhiifamuun gabaafame.

Lammiileen Itoophiyaa kunniin Miyaanmaar keessaa bahanii Taayilaand galuufi achiis dhimmi lammummaa isaanii mirkaneessuu yoo raawwatu gara Itoophiyaa ni deebi'u jedhamee akka eegamu maddeen dhaabbilee miti mootummaa BBCtti himan.

Biyya Kibba Baha Eezhiyaa kan taate Miyaanmaar keessa kaampiiwwan yakki saayibarii keessatti gaggeefaman hedduun jiru. Biyyattii keessa mooraa yoo xiqqaate 154 ta'an keessaatti lammileen biyyoota adda addaa ''carraa hojii argattu'' jedhamuun gowwomfamanii deeman hojii waliin dhahuu kana keessatti hirmaatu.

Lammiileen Itoophiyaa amma gadhiifaman kun Taayilaanditti hojii argattu jedhamanii gara Miyaanmaar kan geeffamaniidha. Koreen maatiin dhalattoota Itoophiyaa rakkoo keessa jiranii maqaa namoota 300 galmeessaniiru.

Haata'u malee kaampiiwwan garaagaraa keessa lammiileen biyyattii argaman 3000tti siiqu jedhamee akka tilmaamamu amma dura koreen kun BBCtti himee ture.

Lammiilee Itoophiyaa kanarra reebichiifi elektirikii qaama isaaniitti gochuun dararuun irra gaheera yaadni jehdus kennameera. Mootummaan Itoophiyaa lammiileesaa kaampiiwwan kunniin keessaa baasuuf biyyoota biroo waliin ta'uun mootummaa Miyaanmaar wlaiin dubbachaa akka jirus koreen kun ibsee ture.

Lammiilee Itoophiyaa 138 dabalatee namootni 260 Roobii Guraandhala 12/2025 waaree booda gadhiifamanii biyya ollaa kan taate Taayilaand galaniiru.

Dhabbatni mitimootummaa Taayilaand keessatti daddabrsa namaa seraan alaarratti hojjetu warri gadhiifaman lammiile ebiyyoota adda addaa 19 ta'uufi harki caalaan lammiilee Itoophiyaa ta'uu ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maddii dhaabbatichaa tokko garee mma gadhiifame keessaa138 kan ta'an lammiilee Itoophiyaati'' jedhaniiru.

Lammiilee Itoophiyaatti aanee lakkoofsa baayyee kan qaban lammiilee Keeniyati. Lammiileen Keeniya aamma gadhiifaman 24 akka ta'an ibsame. Lammiileen Filippiins 16 fi kan Maaleezhiyaa 15 keessatti argamu. Lammiileen Ugaandaa, Taanzaaniyaa, Naayijeeriyaafi Burundiis keessatti akka argaman waajjirri BBC damee Kibba Baha Ezhiyaa gabaaseera.

Warra gadhiifame keessaa 221 dhiirota, 39 ammoo dubartoota.

Namootni gadhiifaman kunniin gariin kaampii Taayi Chaang jedhamurraa kaan ammoo iddoo paarkiiwwan hedduun argaman KK park jedhamurraa ta'uun gabaafameera.

Namooti 260 ta'n kun akka gadhiifaman kan taasise hidhata anaannichatti socho'u Dimookraatii Karen Benuuvelent Armii jedhamuudha. Garichi namoota kana kan gadhiisise kaampicha irratti tarkaanfiin akka fudhatamu biyya ollaa kan taate Taayilaand sarara ibsaa garas deemuufi dhiyeessii boba'aa adda kutuu hordofeeti.

Namoota gareen hiddattoota bulchiinsa Miyaanmaar Kaaran jedhamu keessa socha'an gadhiisiise gara Taayilaandiitti kan erge yoo ta'u, wayita qaqabaniittis waraanni biyyattii simateera.

Namoonni gadhiifaman kunnneenis ammatti dahoo mootummaa Taayilaand keessatti akka argaman madden ibsaniiru.

Isaanis adeemsa qulqulleessuu saaxilamtoota tarree dadabarsa namoota seeraan alaa kan mootummaan Taayilaand diriirsee "national referral mechanism" jedhamu keessa darbu.

Adeemsi kunis namoonni kunneen dhugaatti saaxilamtoota dadabarsa namaa seeraan alaa ta'usaanii mirkanneessuuf kan raawwatamuudha.

Namoonni miidhamoo ta'unsaanii yoo mirkanaa'e gara biyyasaani akka deebii'an gochuuf lammummaasaanii mirkanneessuufi adeemnoonni biraa ni raawwatamu.

Muxannoo kanaan dura tureen lammiileen Itoophiyaa kaampiiwwan keessaa bahuudhaan gara Taayilaandi seenan gara biyyasaanii deebiisuudhaaf yeroo dheeraa akka fudhatu madden miti-mootummaa mootummaa Taayilaand waliin hojjatu BBCtti hime ture.

Mootummaan Itoophiyaa Taayilaandii imbaasii kan hin qabne ta'unsaa sababii harkifannaa kanaaf madda tokkoodha.

Dhaabbileen lammiilee Itoophiyaa gara biyyasaani deebiisuudhaaf hojjatan Imbaasii Ioophiyaa biyya Hindiitti argamuufi hojiiwwan dippilomaasii Taayilaandii dabalataan qabate an argatan karaa imbaasii Keeniyaa Taayilaandiitti argamutiin.

Mixannoo kanaan dura tureen gaaffiilee lamummaa mirkanneessuu yoo dhiyaatuuf ''dafee deebii kan hin kenniine ta'un'' lammiilee Itoophiyaa gadhiifaman dafanii gara biyyaatti deebii'urratti yaaddoo akka umu maddi BBC dubbise dubbatan.

Lammiileen Itoophiyaa torbanoota darban kaampiiwwanii bahanii gara Taayilaand kan seenan gara 10 kan ta'an bakka turtii keessatti akka argaman himaniiru.

BBCn imbaasii Hindiitti argamuu fi imbaasii Itoophiyaa Jaappaaniitti argamuufi dhimma lammiilee Itoophiyaa Miyaanmaariitti argamanii qabate dhimma namoota gadhiifamanii irratti odeeffannoo yoo qabaateef argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Dubbi himaa Ministeera dhimma alaa Itoophiyaatiifis yaaliin bilbilaa taasfaman deebii hin arganne.

Namoota Miyaanmaarii gara Taayilaandi seena kanneen ilaalchisee, ministeerri dhimma alaa biyyattii imbaasiiwwan biyyasaanii waliin wal ta'udhaan sadana mirkanneessuu fi saffisaan gara biyyasaaniitti deebiisuudhaaf hojii akka hojjatu madden oduu gabaasaniiru.

Ittaanaan Ministirri Mummee Miyaanmaar, Faatam Wiicheeyaachiiyi, biyyisaanii namoota hidhattootaan gadhiifamanii gara biyyasaani seenan hunda akka hin simanne dubbachusaanii gabaafameera.

''Biyyi irraa dhufan kan isaan hin simannee yoo ta'e hin simannu'' kan jedhan Ittaanaan Ministirri Mummee, kaampiiwwan waliin dhawuu Miyaanyaamaarii kanneen bahanii gara Taayilaandi dhaqaniif bakka turmaataa akka hin qopheessine dubbataniiru.