Lammiileen Itoophiyaa Miyaanmaaritti dararaa jalaa baafaman Taayilaanditti danqamuu himan

Namammiidhaan irra gahe

Madda suuraa, Getty Images

Lammiileen Itoophiyaa hedduun hojii barbaaduf ba'anii Maayinamar keessatti ugguramanii hojii gowwoomsaa Interneetiin (Scamming) hojjataa turan daaangaa Taayilaanditti danqamanii mootummaan Itoophiyaa akka isaaniif qaqqabuuf gaafataa jiru.

Mohammad Usmaan hojjataa mootummaa ture. Israa'elitti digrii sadaffa(PhD) utuu baratuu waraanni Israa'elifi Gaazaa eegallaan, dallaalotaan carraan hojii gaariin Taayilandi akka jiru itti himamee gara sanatti qajeele.

Lataa Urgeessaammoo magaalaa Jimmaatti barsiisaa mana barnoota sadarkaa 2ffaa fi Yuuniversitii Jimmaa keessatti barnoota digrii 2ffaa utuu barachaa jiruu, hojiin mindaa gaarii qabu akka jiru namoota isatti dhiyoo jiran irraa dhaga'uun yeroo gabaabaa keessatti haalli viisaa miija'eefi gara Taayiland magaalaa Baankokitti imale.

Isaan qofaa utuu hin taane namootni akka isaanii hedduun dallaalota adda addaan walitti dabarfamaa lafa fagoo fi bosona keessa qaxxaamuranii gara wirtuu hojii gowwoomsaa Maayinamaritti geeffaman.

Imala isaanii keessatti kan isaan muudate daddabarsa naomootaa(Human traffiking) ta'uu shakkanillee halli isaan itti miliquu danda'an akka hin turre himu.

Bakka Mawaadii wirtuu gowwomsa Ku'aat jedhamuu keessatti erga geeffamanii booda, sakatta'amanii, bilbillii fi paaspoortii isaanii dabalatee meeshaa of harkaa qaban hundi irraa fuudhamee hojicha akka eegalan dirqisiifaman.

Bakka sanatti lammileen biyyota adda addaa kan Itoophiyaa dabalatee mindaa fi gaaffi tokko malee akka garbaa hojii gowwomsaa gama Interneetii ykn online scaamming hojjatu.

"Nama gowwomsitee ji'atti hanga doola kuma 10-15 galchuu qabda. Haala ittin gowwomsitu isaantu siif kaa'a. Karooricha yoo milkeessuu hin dandeenye nyaannis nurraa dhaabataa addabbiin akka reebichaa fi elektriikin gubuus nu eeggataa" jedhu namootni BBC dubbise kunneen.

Haala kanaan baatii saddeetii oliif hojii walfakkataa hojjachaa kan turan yoo ta'u, Dhabbatni Biyyota Gamtomani dhimma kana hordofee gabaasa basuun mootumman Taayilaandi fi Chaayinalle tarkanfii fudhataniin namoota danqaman kana gadi lakkisiisuu akka danda'an gabaasaleen kan eeran.

Wayita Poolisootni Taayilaand fi Kaamboodiyaa naannawa wirtuwwaan to'atanii namoota baasan

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammileen achii baafaman hedduun daangaa Maayinaamar fi Taayilandi gidduutti danqamanii jiru.

Walakaan isaanii mootummaa Taayilanditti dabarfamanii kennamaniiru.Lataa fi Mohaammad ammoo ammayyuu namoota gara 418 ta'an kan irra caalaan isaanii Itoophiyaanota ta'an waliin Maayinaamar naannawa daangaa buufata eegumsa poolisii jala jiru keessa akka jiran himu.

''Lammileen biyyota biroo hedduun deeggarsa mootummaa biyya isaanin gara biyya isaanii deebifamaa jiru. Nu garuu mootummaan biyya keessanii deebii waan nuuf hin kennineef asuma turaa jedhanii nu tursiisanii'' jechuun akka mootummaan isaaniif birmaatu gaafatu.

Akka isaan jedhanitti Mootummaan Taayiland kanneen tibbana ba'anii Taayilandi keessa jiran utuu biyyatti hin ergin kanneen daangarra jiran akka hin simannee itti himu eeru.

'' Humnootni achii nu baasan mootummaa Taayilanditti nu kennuuf qophiidha garuu kanneen kana dura Taayilaand seenan hannga gara biyya irra dhufanitti dabarfamanitti kannen biraa hin simannu nuun jedhanii'' jedhu

Akka gabaasni Rooyiters dhiyeenya bahe mul'isutti,Taayilaandi miidhamtoota daddabarsa namaan Maayinmaar keessa turan 260 simachuu fi achi keessaa hedduun lammilee Itoophiyaa ta'uu ibseera.

Namoota 260 bahanii Taayilaand naanawa magaalaa Bankookitti dhihoo jiran keessas dargaggeessa lammii Itoophiyaa Iyyaasuu Takka jedhamu BBC'n dubbiseera

Iyyaasuun magaalaa Finfineetti hojjataa mootummaa ture. Namoota afaan Inglizii fi Kompuutara akka gaaritti danda'aniif carraa hojii fooyya'aatu Taayilaandi jira jedhamuun gowwomfamee wirtuu gowwoomsaa kana keessa waggaa tokko oliif hojjataa ture.

''Haalli nuti keessa turre gabrummaa hamaataadha'' jedha. Wirtuuwwaan inni keessa hojjataa ture waliin kan wal fakkaatan Mayaayinamar, Komboodiyaa, Laa'os fi bakkeewwan biroo heddu akka jkiran odeeffannoo akka qabu hima.

Lammileen Itoophiyaa heddu ta'an haala kanaan gabrummaa jala akka jiran fi lakkofan tilmaamuuf illee kan isa rakkisu akka ta'e kan BBCtti hime.

Lammiileen biyyoota adda addaa wiirtuuwwan gowwoomsaa onlaayinii Maayinaamaar keessa gadi dhiifamanii gara Daangaa Taayilanditti wayita ce'an.

Madda suuraa, EPA

Namoota isaaw aliin bahanii Taayilaanditti dabarfaman 260 keessa lammileen biyyota akka chaayinaa, Keeniyaa, Ugaandaa, Tanzaaniyaa, Burundii, Ruwaandaa,Maaleezyiyaafaa kan turan yoo ta'u harki caalaan[132]lammilee Itoophiyaati.

''Hundi isaanii garuu gara biyya isaanii galfamaniiru. Nuyi Lammilee Itoophiyaa qofatu asitti hafe. Sababa isaa yoo gaafannuu Imbaasiin Itoophiyaa as waan hin jirreef karaa Imbaasii Itoophiyaa Hindii fi Tookiyoo jiruun mootummaan keessan akka gara biyyaatti isin deebisu gaafannee deebii eegaa jirraa jedhan'' jechuun haala isaan qofti hafaniif ibsa.

Gabaasni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii torban darbe bahe akka ibsutti tumsa humna waraanaa Taayilaandiin lammileen hedduun wituwwaan gowwomsaa Maayinamar keessaa gadhiifamuufi lammiileen Chaayinaa 600 ta'an gara biyya isaanitti deebifamuu eera.

Akkamiin achii baafaman?

Lammilee Itoophiyaa fi biyyoota biroo wiirtuuwwan gowwoomsaa Maayinaamar irraa bilisa ba'an.

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii lammilee biyyoota adda addaa kumootan lakkaa'aman carraa hojii gaariin akka jiru dallaalotaan gowwomfamanii wirtuuwwaan kibba Baha Eeshiyaa naannawa daangaa Taayilaandii fi Miyanmaar keessatti hojii gowwomsaa akka hojjataniif dirqisiifamuu bira ga'uu ibsaa ture.

Lammileen kuma dhibba lama ol waggootaaf gareewwan yakkamtootaa kanaan hojii gowwoomsuu gama toora interneetii (Scaamming) akka hojjatan taasifamuu gabaasa isaan eerera.

Odeeffannoo dhabbatichi kennuu fi gabaasalee miidiyalee addunyaa bu'ura godhachuun biyyootni akka Taayilaandi, Naayinamari fi Chaayinaa wirtuuwwan garee yakkamtoota kana irratti tarkaanfiin akka fudhatamu taasisan.

Kanaanis Taayilandi dhiyeessii ibsaa, boba'aa fi sararri interneetii akka irra citu taasiafame

Poolisiin Taayilaand fi Kaamboodiyaa ammoo naanawa Wirtuwwaan kanneeni cabsee seenuun lammilee hedduun akka bilisa ba'an taasisan

Walii galatti tibbana qofaa namoonni gara kuma 7 ta'an Maayinmaar keessa baafamanii, gara Taayilaanditti geeffamuu Humni waraanaa Taayilaand kan ibse.

Akkamitti Gowwoomsu?

Malawwan gowwomsuu gosa heddutu jiru. Isaan keessa dubartii miidhagduu fi milkooftuu fakaatanii karaa whatsappii waliin haasa'uun isa beekamaadha.

Lakkoofsa bilbilaa biyyootaa akka Saawud Arabiyaa, Ameerikaafi biyyoota Awurooppaa irraa isaanif dhufu irratti akkataa leenji'aniin waliin haasa'u.

Namni dubartii kana waliin akka dubbtaa jirutti yaadu yoo Viidiyoo fi sagaleen itti dubbachuu barbaade modeelotni kanaaf qophaa'an jiru. Hanga guyyaa 3tti hariiroo waliin uumuun, hojii namni kunillee ittin milkaa'uu danda'u gama online akka jiru itti himama.

Doolara 30 hanga 35 amantaa uumuuf marsaa marsaan ni kennamaaf, maallaqa dabalataa argachuuf ammoo akka invest godhu fi waan invest godhe sana baafachuuf maallaqa dabalataa akka galchu gaafatama. Haala kanaan hanga manaa fi konkolaata gurgurchiisutti ga'u.

Maallaqa galchuu danda'an hundi erga xumurameen booda hariiroo isaanii adda kutuun kana biratti darbu..

Hojii kana keessatti dogogortee maallaqa nyaachistee hafnaan elektiriikan gubamu.Reebicha hamaatu gareen raawwatama.Hidhaa gosa adda addaa, Kutaa dukkanaa keessatti hidhamuu dabalatee, nyaata dhorkachuufi dararaa hedduun irra ga'a.

Hoggantootaaf ajajamu diduu, gaaffii kaasuu fi hanga maallaqa barbaadamu gowwoomsuu dadhabuun addabbiiwwan kanneen hordofsiisa.

Bakkii Mohammeed fi Iyyaasuun faa keessa hojjatan ji'atti doolara kuma 10-15 walitti qabuun dirqama. Adabbiin isaa yeroo yeroon cimaa adeema. Namni kana gochuu hin dandeenye qaama Kalee isaa akka keessa baafamee gurguramu sodaachifamu.

Kanneen achi buuteen isaanii dhabames hedduudha. Namni eessa dhaqan jedhee gaafate hin jiruu jechuun dararaa achitti isaanirra gahaa ture BBCtti himan.

Maaliif birmannaa dhaban?

Namoota Taayilanditti buufata yeroo keessa qubsiifamaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Dhimmi kun yeroo yeroon hammaataa akka jiru Dhabbanni Biyyoota Gamtoomanii dabalatee dhabbileen mirga namaaf falamaan hedduun gabaasa baasaa turan. Dhimmi lammiilee Itiyoophiyaa Maayanmaar keessatti dararaa kana argaa turanii garuu xiyyeeffannoo hin argannee.

Imbaasiin Itoophiyaa Taayilaand keessa waan hin jirreef dhimmi kun Imbaasiin itti dhiyoo kan biyya Hindiyaa fi Jaappaan Tookiyootti argamuun hordofamaa ture.

Birmannaa Imbaasiin biyyoota lammanuu jiru lammilee ba'anii jiran gara biyyaatti deebisuus ta'e, kanneen achiitti hafan gadi lakkisuusuf taasisaa jiru irratti BBC' odeeffannoo argachuuf yaaliin taasise ammaaf hin milkoofne.

Ministeerri Dhimma Alaa ibsa kanaan dura biyyoota 18 waliin ta'uun lammiilee Itoophiyaa haala hala addaa addaan rakkoo keessaa fi mana hidhaa jiran biyyatti deebisuuf hojjechaa jiraachuu beeksisee ture.

Yaaliin BBC'n odeeffannoo dabalataa Ministeerri Dhimma AlaaItoophiyaa irraa argachuuf taasises hin milkoofne

Akka lammileen kunneen jedhanitti Imbaasiin Hindii jiru mootummaan Itoophiyaaf barressullee deebii akka hin argatin eeruu kennuufi himu

lammileen biyyota biroo kaampii keessa baasunis ta'ee arga ba'anii gara biyyatti deebisuu raawwataa kan jiran ta'uu fi gama mootummaa Itoophiyaatiin tarkaanfiin akkasii dhabamuun baay'ee isaan yaaddessaa jirachuu himatan.

BBC'n kana dura namoota wirtuwwaan gowwomsa toora Interneetii Maayinaamar keessatti rakkoo wal fakkataaf saaxilamanii miidhaan qaamaa fi xiinsammuu irra ga'ee fi rakkoo bakka hojii sanatti isaanirra ga'u gabaasaa turuun isaa ni yaadatama

Namootni yaada isaanii BBC'f kennaan kunneen eenyumaan isaani akka hin ibsamne waan gaafataniif, maqaan isaanii jijjirameera.

Sarara

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.