Israa'el haleellaa Gaazaa dhuunfachuu jalqabuu dura Filisxeemota gara Kibba Gaazaa geessun qubsiisufi

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Israa'el jiraattota Gaazaa keessa jiran Kibba Gaazaa qubsiisuuf akka jirtu beeksifte. Dilbata irraa kaasee jiraattonni naannoo waraanni itti gaggeeffamu keessa jiran gara Kibba Gaazaa qubsiisuuf akka jiru Humni Waraanaa Israa'el beeksisuu Rooyitars gabaase.
Kunis Israa'el karoora Gaazaa to'achuu milkeessuuf haleellaa bifa haaran gaggeessuf jirtuuf haala mijeessufi.
Israa'el Gaazaa dhuunfachuuf bakkeewwan ammayyuu to'annaa Hamaas jala jiran irratti haleellaa banuuf qophii taasisaa jirti.
Karoorri Gaazaa dhuunfachuu mootummaan Netaaniyaahuu baase, hawaasa idil-addunyaa dheekkamsiisera.
Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu Dilbata darbe haasaa taasiseen Gaazaa bakkeewwan Hamaas jala jiran irratti duula waraanaa banuu dursa namoonni nagaan bakkicha akka baafaman ibse.
Kanaaf ammoo meeshaaleen qubsumaaf barbaachisaan karaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin namoota Kibba Gaazaa qubataniif akka dhihaatus hime Netaaniyaahuun.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa gamasaan karoorri Israa'el kun uummata Gaazaa gidiraa dabalataaf akka saaxilu akeekkachiise.
Kibba Gaazaa bakka namoonni heddu keessa qubatanii turaniifi dabalataan namoonni keessa qubsiifamuuf jiran kun haleellaa Israa'el irraa bilisa akka hin taane UN dabalatee qondaalonni Filisxeem akeekkachiisan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministiirri Ittisaa kan ta'an Israa'el Kaatz akka jedhanitti, karorri haleellaa haaraa gaggeeffamuuf jedhuu ammayyuu akka hin xumuramne Sambata, Hagayya 16, dubbatan.
Kabanineen nageenyaa Israa'el karoora Gaazaa dhuunfachuu Netaaniyaahuun dhiyeesse raggaasisuu hordofee, waraanni Israa'el haleellaa gaggeessuu cimsee jira.
Jiraattonni Magaala Gaazaa keessa jiraatan, humni qilleensafi taankiwwan Israa'el haleellaa cimaa gaggeessaa akka jiran himu.
Waraanni Gaazatti bara 2023 eegale akka dhaabbatuuf yaalin garaa garaa taasifamus hanga ammaa milkaa'uu hin dandeenye.
Haleellaa Isaa'el Gaazatti gaggeessituun hanga ammaa Filisxeemonni 61,000 ol du'aniiru.
Gaazaa bakkeewwan Hamaas harka jiran to'achuuf Israa'eel haleellaa cimaa ji'a Onkoloolessaa kaatee akka eegaluuf jettu miidiyaalen Israa'el gabaasanii turan.
Haleellaa kana hanga Onkoloolessaatti dheeressuunshee gidduu kanatti mariin godhamee waliigaltee dhukaasa dhaaburra yoo gahame carraa kennuufi jedhame.












