Balaa bidiruu Giriikiin yoo xinnaate godaantonni 79 du'an, dhibbaan kan lakkaa'aman dhabaman

Madda suuraa, HELLENIC COAST GUARD
Kibba Giriikiitti erga bidiruun namoota hedduu feetee imalaa turte tokko dhidhimteen booda 79 du’anii kanneen dhibbaan lakkaa’aman bakka buuteensaanii dhabame.
Namoonni 100 ta’an ammoo lubbuun kan baraaraman yoo ta’u, namoonni kunneen bidiruu dhidhimte sanarra namootni 750 ta’an akka turan himan.
Balaa qaqqabe kanaanis aanga’oonni Giriikii balaa godaantotaa isa olaanaa jechuun guyyaa gaddaa sadii labsaniiru.
Bidiruun tunis godaantota qabattee Liibiyaa irraa gara Xaaliyaan imalaa akka turte himameera.
Namoota bidiruu sana keessa turan keessaa irra jiraan isaanii dhiirota umuriinsaanii waggaa 20moota keessatti argamudha jedhameera.
Daarektarri fayyaa naannichaa Yaaniniis Kaareveliis, oduu balaan gaddisiisaan kana dura dhagahamee hin beekne mudachuu akka malu akeekkachiisaniiru.
‘‘Baayyinni lakkoofsa imaltootaa bidiruu sanarra turan kan dandeettii isheetiin oliifi kan hayyamamuun olidha,’’ jedhan.
Balaan kun balaawwan kana dura Giriik keessatti mudate caalaa cimaadha kan jedhe ammoo mootummaan biyyattii, guyyaa gaddaa sadiis labseera.
Bidiruun tunis Piiloosii irraa kallattii kibba bahaatiin fageenya kilomeetira 80 irratti imalaa fi deeggarsa eegdota qarqara galaanaa hin barbaadnu jechuun himameera.
Eegdonni qarqara galaanaa akka beeksisanitti bidiruun tun guyyaa Kibxataa galgala keessa bakka qaama galaana idil-addunyaa ta’e irratti mullatee turte jedhameera.
Xiyyaarri Feronteksi kan ejansii daangaa Gamataa Awrooppaa ta’e bidiruu tana argu gabaaseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Imaltoota bidiruu tanaan imalaa turan keessaas tokko tokko jaakkeettii baraarsa lubbuu kaawwatanii akka hin turre eegdonni dubbataniiru.
Miidiyaan mootummaa Giriik ERT’n odeeffannoo Ministeera Doonii eeruudhaan, aanga’oonni itti gaafatamtoota bidiruu sana waliin irra deddeebiin bilbilaan quunnamuun deeggarsa kennuuf gaaffii dhiyeessan illeen, ‘‘gara Xaaliyaanii imaluun alatti omaa hin barbaadnu’’ jedhamuu gabaaseera.
Miidiyaan biyyattii kun akka gabaasetti, godaantonni kunneen guyyootaaf imalaa turuu fi Kibxata waaree booda dooniin kaargoo Maaltaa nyaataa fi bishaan dhiyeessuu bidiruu tanatti dhiyaatee ture jedhameera.
Roobii akka sa’aatii biyyaatti alkan keessaa 7:40 irratti namni tokko mootarri bidiruu tanaa hojjachuu dhaabuu eegdoota qarqara galaanaa Giriikiitti beeksisuun himame.
Ta’us garuu osuma baayyee hin turin bidiruun tun gutummaa guutuutti dhidhimuudhaaf daqiiqaawwan 10-15 qofaa itti fudhate jedhameera.
Hojiin barbaachaafi lubbuu baraaruu itti fufulleen, haalli qilleensa hamaa naannicha jiru haalicha walxaxaa taasisuun himameera.












