Sirna cidhaarratti balaa bidiruu qaqqabeen namootni 100 du'an

Madda suuraa, Getty Images
Kibba Lixa Naayijeeriyaatti bidiruun namootni sirna cidhaatii deebi’an ittiin imalaa turan dhidhimtee yoo xiqqaate namootni 100 du'uufi kaan achi buuteen isaanii dhibuu aanga'oonni himan.
Balaan kun Wiixata darbe yeroo mudatu namootni 300 ta'an bidiruu sanirra turan jedhameera.
Lubbuu baraartotni barbaacha namoota achi buuteen hin argamneerra jiru jedhan aanga'oonni.
Bidiruttiin kan dhidhimte qaamni ishee gariin fottoquun bishaan gara doonittii seenuu hordofeeti.
Sababa balaa kanaatti lakkoofsa namoota du'anii ilaalchisee gabaasaalee adda addaatu bahaa jira.
Bidiruun kun bulchiinsa Kwara jedhamu irraa gara Niger imalaa turte. Namoonni bidiruurra turaniis cidharraa deebi'aa turan.
Poolisiin buchiinsa Kiwaaraa namootni 106 du'anii 114 ammoo laga keessaa baraaramuu ibse.
Warra du'an keessaa walakkaan ganda Ebu keessaa akka dhufan, kanneen biroo 38 ta'an ammoo ganda Dizaakaan keessaa dhufuus dabalee ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni balaa kana irraa lubbuun oole, Mohammad Alhasan yaada BBC'f kenneen haadholii hedduun kan du'an ijoollee isaanii baraaruuf osoo yaalaniiti jedhe.
Obboleettiin isaa lubbuun ooltuufi ilmi ishee kan ganna 7 garuu keessaa bahuu akka hin dandeenye dubbate.
Dubartiin balaa kana oolte Ayishaa Mohaammad ammoo ijoollee dubaraa gahan sadii balaa kanaan dhabuu dubbatte. Heerumaaf qophiitti turuu himte.
''Balaan kun baay'ee gaddisiisaadha, hawaasa hedduu rifaasise'' jedha Mohaammad Salihu kan miseensi maatii jalaa du'uu AFP'tti hime.
Qaamni bidiruu fottoqee bishaan dooniitti seenee dhidhimse yaada jedhuun cinaatti dambaliin lagichaa bidiruu guddaa kana fudhate yaadni jedhus akka sababaatti ibsamaa jira.
Bulchaan Kiwaaraa Abdulraahimaan Abdulrazaaq balaa kanaan warra nama jaalatan dhabaniif gadda ibsanii, lubbuu baraartotni namoota danqaman barbaaduu akka itti fufan himan.
Bakka balaan kun qaqqabe daawwachuun gargaarsa atattamaa gochaa, akkamiin nageenya imala qaama bishaaniirratti godhamu mirkaneessuun akka danda'amus marii eegalaniiru.
Pireezidantiin haaraan biyyattii Bola Ahmeed Tinuubuu balaa dhaqqabeen gadda ibsaniiru.
''Miidhamtootni keessummoota sirna cidhaaf waamamanii turan ta'uun balaan kun akkaan nama dhukkubsa'' jedhan.
Kutaa Naayijeeriyaa kanatti balaan imala laggeeniirratti taasifamu baratamaa dhufeera.
Daandii konkolaataa caalaa bidiruun laggeen irra imaluun karaa salphisaaf waan ta'eef uummatni isa filata. Warreen hojii kana hojjetan ammoo qarshiif jedhanii nama walirratti fe'u.












