Misirroon cidha geesse boolla buutee lubbuun dabarte

Misirroon cidhaaf qophaa'aa turte boolla keessa seenun lubbuun ishee darbe.
Kuni kan ta'e biyya Naayijeeriyaa magaalaa Danbaataatti yeroo ta'u sagantaa cidhaa dura mi'a hiriyoonni ishee kennaa jiran irratti duute.
Cidha dura tasa du'uu isheeti malee yoom akka duute waan gabaafame hin jiru.
Shamarreen umrii 16 Faaximaa Abubakir jedhamtu silaa Kamisa dheengaddaa ture cidhi ishee kan tahu.
Abbaan ishee BBC'tti akka himanitti gaafa rakkoon dhalate mana adaadoo isheetti hiriyyoota ishee waliin gammachu keessa turte.
Yeroo kuni hundi ta'u hiriyyoota ishee caalaa isheen boollatti dhihoo ta'u ishee ibsu abbaan ishee Obbo Abubakir.
Akka abbaan jedhanitti intalli isaanii cidha kana gammachuun eegaa turte.
Jaalallee ishee waliinis guyyaa itti bultii ijaarratan eegaa turan. Ta'us, gidduutti kuni dhalate.
Jaalallee isaa tasa kan of biraa dhabe jaalalleen ishee wanta raawwaten lapheen isaa cabeera. Bilbilaanillee dubbachuu hin dandeenye.
Kanneen cidhaaf waamamanii cidharra argamu jedhamanii turan yeroo ammaa gadda ta'aaniiru jedhaniiru abbaan.















