Mootiin Taay Vaajiraalongkoorn eegduu isaa fuudhuun giiftii ishee taasisera

Mootichi mataa giiftii Suthiidaa irratti bishaan qulqullaa'aa otoo buusuu

Madda suuraa, European Photopress Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Suthida Mootichi bishaan qulqullaa'aa mataa giiftii Suutiidaa irra yoo buusu mul'ateera

Mootiin Taayilaand hoggantuu ittaantuu eegumsa dhuunfaa isaa kan taate Suutiidaa dhaan fuudhuun aankii giiftummaa kennusaa ibsi masaraa motichaatii bahe hima.

Oduun fuudhaa kuni otoo inni gaafa Sanbataa muudama hin kenniin dura dhagahame.

Mootiin Maahaa Vaajiraalongkoorn nama ganna 66 yoo tahu abbaansaa bara 2016 yoo du'u mootii tahe.

Kana dura al sadii fuudhee kan hiike yoo tahu, ijoollee torbas qaba.

Ibsi masarichaa bahe: Mootichi '' Generalaa Suutiidaa Vaajiraalongkoorn Naa Ayuudhayaa giiftii akka taatuu, maqaafi aankii maatii mootii akka qabaattu murteessuu'' himeera.

Giitii Sutiidaan michuu mootichaa yeroo dheeraa yoo taatu jamaa fuldurattis isaa wajjin mula'atteetti haata'u malee hariiroon isaanii ifatti hin himamne ture.

Mootichaafi giiftee barcuma isaaniirra taa'anii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii Suutiidaan bara 2016tti generaalaa taatee turte

Viidiyoon jila cidha isaanis foddaa teleziyoona Taayiin gaafa Roobii, miseensota maatii mootchaa irratti mul'atan biroo wajjin agarsiifameera.

Mootichi bishaan qulqullaa'aa mataa giiftii Suutiidaa irratti buuseera, waliigaltee gaa'elaas mallatteessaniiru.

Mootichi, Suutidaa amma giiftii taate kana, armaan dura to'attu balalii daandii xiyyaaraa Taayii, koomaandara ittaantuu kutaa nageenya mootichaafi generaalummaa guutuu immoo bara 2016tti kenneefi ture.

Abbaan mootii kanaa Baahimbool Aduulyaadej waggaa 70 kan bulche yoo tahu bara 2016tti yoo du'u mootii addunyaa kanaa isa waggaa dheeraa bulche tahuunii.