Mootiin Jaappan Akihitoon fedha isaan taayitaa gadhiise

Mooticha Jaappan Akihito

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mootichi yeroo sirna Shintoo irratti argaman

Mootichi Jaappan Akiitoon masaraa Mootichaatti sagantaa qophaa'e irratti ergaa xumuraa dabarsuun fedha isaaniin taayitaa isaanii dabarsaniiru.

Bulchiinsa isaanii waggaa 30 keessatti deeggarsa uummatni isaaniif taasisan galateeffachuun mallattoo taayitaa isaanii dabarsaniiru.

Mootichi erga faayyaan isaa haala gaarii irratti akka hin argamne ibseen booda akka aangoo isaa dabarsuuf ofumaan gaafatee eeyyama argateera.

Seenaa Jaappan waggoota 200 keessatti kun mootii jalqabaa osoo lubbuun jiruu aangoo isaanii gadhiisanidha.

Ilmi isaa hangafaa Prince Naruhitoo mootii tahuun kan bakka bu'an yoo tahu, barri haaraan Reiwa jechuun bara mijataa [gaarii] kan jedhu kalaandera Jaappanitti kan eegalu taha.

Mootiin Jaappan aangoo siyaasaa qabaachuu baatus akka bakka bu'aa biyyattiitti tajaajila.

Bara bulchiinsa isaaniittis namoota rakkatanii fi dhukkubsatan gargaaruun nama of kennee fi uummata tajaajile jedhamuun beekamu.

Akihitoon dhibee kaanseriin qabamuun oppireeshinii tahuun yaalamanii ture.

Mootiin amma bakka bu'an Naruhitoon mootii Jaappan 126ffaa tahuun kan muudaman taha.

Barri mootii ammaa kalaandera Heyisaa kan jedhamu yoo tahu bara 1989 eegaluun hojiirra oolaa ture. Amma kalaandera Reiwa jedhamutu eegala.