Sareen ijoollee balaa xiyyaaraa booda bosona Amaazoon keessa badan akka argaman gargaare ofiin bade

Madda suuraa, Colombian army/Twitter
Ijoollee obbolaa balaa xiyyaaraa bosona Amaazoon keessatti kufee caccabeerraa haati isaanii duutee isaan lubbuun hafan.
Ijoooleen afur umuriin isaanii waggaa tokkoo hanga waggaa 13 ta'an kunneen, paayileetonni xiyyaarichaa lamaan balaa mudateen du'anii isaan garuu raasatti qofaa hafan.
Isaan booda bosona guddaa addunyaa kanaa keessa guyyaa 40 bakki jiran osoo hin beekamiin ture.
Booda garuu barbaacha cimaatiin argaman.
Ijoolleen kun akkamiin akka lubbuun turan, maal akka soorataa turan, bineensa irraa akkamiin oolan kan jedhu addunyaa irratti hanga ammaa ijoo dubbii ta'ee jira.
"Hanga amma agaruu barbaachi hin dhaabbanne," jechuun beeksise humni waraanaa Kolombiyaa dilbata darbe.
Biyya Kolombiyaatti kadhannaafi barbaachi ijoollee balaa xiyyaara kufee caccaberraa hafanii bosona keessa badanii guyyoota 40 turan milkaa'eera.
Daa'ima waggaa tokkoo dabalatee, ijoolleen haati isaaniifi paayilatiin xiyyaarichaa lamaan biraa dhumanii hafan kunneen guyyaa afurtamaan booda bosona sana keessaa lubbuun argamu jedhee kan tilmaame xiqqaadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Humna wraanaa biyyattii dabalatee qaamoleen hedduun barbaacha kanarratti hirmaataniiru.
Ammas dhumarratti kan badee hin argamiin hafe waan jiruuf humni waraanaa biyyattii barbaacha itti fufeera.
Sareen maqaan isaa Wilsan jedhamu ijoolleen badan kunneen akka argamaniif gumaache ammayyuu hin argamiin jira.
Sareen umuriin isaa waggaa ja'a ta'e kun ijoollee kana faana dhahuun akka argaman gochuu keessatti hojii boonsaa hojjeteera jedhe humni waraanaa Kolombiyaa.
Sareen kun faana ijoollee agarsiisuun, akkasumas fuunfachuudhaan warra barbaadan gaggeessaa tureera.
Haata'u malee, amma sareen kun ofii isaa bakki-bu'e dhabameera.
Sareen kun bosona hamaa keessa seenee sababa haala qilleensa hamaatiin bakki isaa wallalamuu hin oolle jedhamaa jira.
Sodaan jiru ammoo bosonni kun bineensota hamoo saree kanallee adamsanii qabachuu danda'an hedduu qabaachuu isaati.
Qaama duula barbaacha ijoollee kan ta'e Wilsanis taanaan namni tokkoyyu badee hafuu hin qabu jechuun humni waraanaa Kolobiyaa kun ammallee barbaachasaa itti fufee jira.
Bosonicha keessatti 'Kallattii hin taane' qabate
Wilsan bosona Amaazoon walakkaatti achi-buuteen isaa kan dhabame ijoollee afran: Leslii, Soolanii, Te'iin fi Kiristiin barbaacharra osoo jiramuuti.
Dhamaatii humna waraanaafi uummata naannichaatiin ijoolleen kun Waxabajji 9, 2023 argaman.
Ijoolleen kunneen amma hospitaala magaalaa guddoo Kolombiyaa, Bogotaa jiru keessatti wallaansa argatanii dandamachaa jiru.
Ijoollee afran irraa kan hafe namoonni xiyyaaricharra turan hunduu haadha ijoollee, gaggeessaa naannichaafi paayiletoonni lamaan balaa xiyyaarichaan dhuman.
Sareen kun jalqaba ijoolleen kun akka lubbuun jiran agarsiisuu keessatti hojii hin dagatamne hojjeteera.
Akka humni waraanaa Kolombiyaa Caamsaa 15 ibsa baasetti, sarichi (Wilsan) ootuu (xiixxoo) bifti isaa dimaddee ta'e kan ijoollee afran keessaa micaa isheen dhumaa itti fayyadamtu bosona walakkaatii arge.
Xuuxxoon sun akka ijoolleen lubbuun jiran abdii dabalataa ture. Itti aansuun sareen kun faana ijoollee agarsiisaa tureera.

Madda suuraa, Colombian military forces/Twitter
Humni waraanaa Kolombiyaa sareen kun akka bade kan beeksise Kamisa darbe ture.
"Sababa teesuma lafaa hamaa, hurrii hamaafi dukkanaa'aa ta'een, akkasumas haala qilleensaa rakkisaatiin bosonicha keessatti kallattii hin taane qabate," jedhe humni waraanaa.
Haata'u malee, yaadonni baayyeen akka agarsiisanitti, Wilsan osoo namni kamiyyu ijoollee kana bira hin ga'iin isaan argee osoo hin badiin dura takka isaan gaggeesseera.

Madda suuraa, Military forces of Colombia/Facebook
'Michuu miilla afuri'
Yaadni kun jalqaba ijoollittiidhumarraa ture kn dhufe.

Madda suuraa, National Army of Colombia/Twitter
Akka daarektarri Inistitiyuutii Dhimma Maatii Kolombiyaa Astiriid Cáceres jedhetti, ijoolleen kun bosona keessatti "sareen" tokko akka isaan argee isaan waliin ture agarsiisaniiru. Haata'u malee, sareen jedhan kun Wilsan akka ta'e hin ibsine.
Ijoolleen kun "paappiin ni bade" jechuun eessatti garuu akka isaan biraa dhabame hin himne. Sareen jedhan kun yeroo muraasaaf akka isaan gaggeessaa tures yaadataniiru, jedha daarektarichi.

Madda suuraa, Military forces of Colombia/Facebook
Dabalataan loltoonni "faana ijoollee lafarratti arganitti baayyee dhiyootti faana sarees arganiiru," jedha.
Ijoollee afran keessaa Lesliifi Sooleniin ajajaa waraanaa Helder Fernán Giraldo Bonilla hospitaalatti isaan ilaaluu deemef fakii yeroo bosona keessa turanii sana kaasanii kennaniiruuf. Fakiin isaan kaasan kun ammoo sareen bosona keessatti isaanitti dhiyoo jira.












