Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qonnaan-bulaa qaroo dhabeessa harka isaa akka ijaatti fayyadamu
Maayik Duuksibarii Biriiteen keessatti qonnaan bulaan qaroo dhabeessa ta’e isa qofa akka ta’e amana. Yeroo dheeraaf ammoo hawwiin isaa namoota hir’ina qaamaa qabaniif lafa qonnaa bu’a qabeessa ta’e dhiyeessuudha.
Maayik, ganna 54, lafa qonnaa irratti guddatee umurii ganna ja’aatti sababa gilaakomaatiin qaroo isaa dhabe. Bara 1986’tti kolleejjii qonnaa seenee ogummaa sirna nyaataa bineensotaa barate.
Ta’us garuu hojii gorsaan qacaramuuf bakka 500 olitti iyyata galchatuus carraa tokkollee waan hin arganneef dhiisee ofii isaan qonnaa eegaluuf akka murteesse hima.
“Waggaa tokko dura qonnaan kun hin jiru ture,” jedha Maayik.
Boca fayyadamuun, qonnaan isaa maal fakkaachuu qaba kan jedhu bocee waayila isaa Neesitti agarsiise.
Amma lafa qonnaa kana keessa booyyee 32, lukkuu 32, hoolaa ja’a, daakkiyye shan fi sinbira daakkiyyee fakkaattu 'guus' jedhamtu afurtu jira.
Qonnaan kun hanqaaquu, sooseejii (foon daakamaa addatti qophaa’u) fi foon daldalaan mana foonii irraa bitee mana nyaataa naannichaaf gurguruuf dhiyeessa.
Asiif fi achii lafa qonnaa isaa keessa socho’uuf Maayik sagalee fayyadama. Harkaanis xuxxuqee bara.
“Harkikoo anaaf ija kooti,” kan jedhu Maayik, harka isaan “boca, guddinaa fi ulfaatina beeyladaa” adda baasuu akka danda’u hima.
“Muuxannoo waggaa hedduu booda bineensa tokko yeroo harka keen xuqxu gabaaf qopha’aa ta’uu isaa adda baasuu dandessa,” jedha.
Waggooti dheeraaf qonnaarra erga hojjetee booda Maayik bakka mijataa namootni hir’ina qaamaa qaban hojii barbaachisaa ta’e hunda itti hojjetan uumuu barbaada.
“Qonnaan anaaf fedhiikoo ture,” jedha.
“Yeroo hunda namni addunyaa kanarra jiru hundi carraa argachuu qaba jedheen amana, ta’us namootni hir’ina qaamaa qaban hedduun boodatti hafaniiru.”
Dargaggoota hir’ina qaamaa qabaatanii fedhii qonnaa qabaniif fakkeenya ta’uu barbaada.
Torban torbanin Kolleejii Miltoon Keeyinsi (MK) irraa barattoonni bineensotaafi horsiisa baratan lafa qonnaa kana ni daawwatu.
“Kun waa’ee hir’ina qaamaa miti, waa’ee yaadadha, waa’ee barnootadha, waa’ee akkamiin namoota biroo simanna,” jedha Maayik.
“Yerookoo fi beekumsakoo akka qonnaan bulaatti namootaaf qooduun qonnaa akka baranii fi jireenya bareedaa ta’uu akka danda’u barsiisuun gargaaruun fedha,” jedha.
Barattoonni bakka qonnaa kanaatti hojii guyya guyyaa akka booyyee gabaatti geessuu fi biroo ni hojjetu.
Kollejjii MK’tti hoggantuun Barnoota waliinii Bekaa Paartiij, barattoonni “ lafa qonnaa kanatti hojii kennamuuf” ni jaallatu jedhu.
Maayik akka jedhutti wanti inni uume waan kana dura argame hin beekne waan ta’eef, namoota Kaanaada, Meeksikoo, Arjantiinaa fi US jiran waliin hariiroo uumeera.
“Fedhiin wanta hojjennuuf jiruu baayyee dabaleera. Addunyaa guutuu irraa fedhii hedduutu jira,” jedha.
Maayik fi Waayilli isaa yeroo guutuu isaanii qonnaa kanarra kan hojjetan yoo ta’u, tola ooltummaan nama hojjetu tokko of biraa qabu.
Gara fulduraatti hawwiin isaanii hojii kana babal’isuudha.
“Nuti dhaabbata hawaasaadha kana jechuun danda'a,” jedha.
“Namni hundi walqixa ilaalamuu qabu, namni hundi carraa argachuu qaba, namni hundi abdii qabaachuuf carraa argachuu qaba.”
Lafa qonnaa kana dura, Maayik hojii 500 argachuu dhabuun isaa “filannoo tokko qofa” akka qabu taasiseera.
“Dhabbileen kunneen marsariitii isaanii irratti akka carraa walqixaa kennan ibsu ta’us dhugumaan isaan hin hojjetani,” jedha.
“Eega akkas taanaan, ofiikoonan hojjedha jedheen yaade.”
Akka qorannoon lakkoofsa ummataa wagga waggaa mootummaa ibsutti, “ namootni hir’ina qaamaa qaban akka namoota kaanii hojii qonnaa, bosonaa fi kiyyeessuu irratti qacaramuuf carraan isaan qaban xiqqaadha (parsantaa 1 gadi).”
Dhaabbati tola ooltummaa hir’ina qaamaa Iskoop akka jedhutti, namoota hir’ina qaamaa qabaatanii hojii dhibba meeqaaf iyyata galchaniis, qacarri dhabaniif haalli jiru cimaadha.
“Kaan hojii namoota hir’ina qaamaa qabaniif mijataa ta’e muraasa qofa argatu,” jetti hoggantuun qajeelfamaa dhaabbatichaa Luwiis Ruubin.
“Adda addummaan qacarrii namoota hir’ina qaamaa qabanii fi hin qabnee gidduu jiru waggootii kurnan darban keessatti fooyya’eera.”