GMO: Itoophiyaafi dhimma midhaan qacceen sanyii isaanii jijjiirame

Waggoota muraasa dura loon qaccee sanyiin fooyyeeffaman aannan namaa oomishuu eegalan oduun jedhu dhagahame.

Oduun kun ajaa’ibsiisaa fakkaatus, walitti hidhaminsa hubannoo nyaataafi saayinsii dhala namaa kan agarsiisu GMO (jijjiirama qaccee sanyii) wajjin walqabatee, falmiin hedduun kahaniiru.

Waggoota kurnaniif falmitoota kunuunsa qabeenya uumamaa, kaampaaniiwwan, seera tumtootaafi kaanillee falmisiisuu isaa itti fufeera.

GMO (Genetically modified organism) yookaan lubbu-qabeeyyii jijjiirraa qacceen sanyii irratti godhame wayita jedhamu maal jechuudha?

GMOn mala jenetikii fayyadamuun, lubbu-qabeeyyi qacceen sanyii (DNA) geeddarame kamuu jechuudha.

Yunivarsiitii Hawaasaatti barsiisaa, qorataafi ogeessa saayinsii nyaataafi teknooloojii kan tahan Dr Taaddasaa Fiqree: “Lubbu-qabeeyyii jijjiirama qaccee sanyii nam-tolchee irratti taasifame, gosoota beeyladaafi biqiltuu qacceen sanyii isaanii fooyya’edha,’’ jedhu.

Qaccee sanyii amalli isaa barbaadamaa tahe guddisuuf; kan hin barbaachifne ammoo hir’isuun kan taasifamudha jedhu.

“Qaccee sanyii muraasa dabalaa, hir’isaa yookaan fooyyeessaa teknooloojii ammayyaa itti fayyadamnudha. Gama qonnaan argannoo yookaan saayinsii isa olaanaa jedhamudha,’’ jechuun ibsu.

Saayinsii kana keessa adeemsi teknoloojii gene editing fi gene modification jedhaman jiru.

Gene editing kutaa qaccee sanyii tokkoo baasuun galma barbaadame kan milkeessudha. Gene modification ammoo gosa biraarraa qaccee sanyii dabaluun, waan barbaadame teknoloojii fidudha.

Taateen kun waan haaraa miti qaamoleen jedhanis jiru.

Qorannoon qonnaa tokko waa walitti dabaluun sanyii filatamaa argate ennaa jedhu dhageenyeerra.

Yaadni namoota garii kana wajjin walqabata. Dhimma kanas lubbu-qabeeyyiin qacceen sanyii isaanii jijjiirame, sanyii filatamaa qorannoo qonnaa keessaa bahanirraa garaagarummaan qaban bicuudha jedhu.

Baay’ina namaafi hir’ina nyaataa

Lakkoofsi uummata addunyaa saffisaan dabaluun biiliyoona saddeet gaheera.

“Baay’ina namaa hanga kanaa soruu itti fufna taanaan waan guddadha,’’ kan jedhan Dr Taaddasaan, kun garuu qormaata guddaadha jedhu.

“Teknolojiiwwan qonnaa guutummaan fayyadamuun barbaachisaadha. Isaa keessaa tokko jijjiirraa qaccee sanyiiti.

''Ani ogeessa sirna soorataati. Ogeessa saayinsii nyaataafi teknoolojii oomishaniitis. Kanin hojjedhu, waan hunda GMO’s dabalatee, oomishtummaa nyaataa dabaluun dirqama keenya.”

Qaamoleen GMO deeggaran; dameen saayinsii kanaa oomishni caalu akka argamu, dhukkuba dandamachuu akka danda’uufi dhimmoota kaanis kaasu.

Gama kaaniin sodaan kahan ammoo, miidhaawwan fayyaa namaafi naannoo irratti qaqqabuu malu. Qonna mala aadaan gaggeeffamu irratti dhiibbaa inni qabu, akkasumas olaantummaan kaampaaniiwwaniifi ‘uumamaan ala tahuu’ teknoolojii kana ani kaasu.

Nyaanni jijjiiramni qaccee sanyii irratti godhame miidhaa qabu kan jedhus ammallee dhimma falmiiti.

Kaansara dabalatee dhibeewwan kaan akka fidu gabaasaaleen hedduun bahanis, Dr Taaddasaan garuu gama saayinsiin wanti mirkanaa’e hinjiru jedhu.

“Nageenya soorataa irrattis nan hojjedha. Kanaanis gosoonni nyaataa qacceen sanyii isaanii jijjiirame, fayyaa namaa irratti miidhaafi faayidaa qaban nan ilaala. Dhimmi ogeeyyiin irratti waliigalan – GMO’n soorataaf daran barbaachisoodha.’’

Akka Dr Taaddasaan jedhanitti, teknooloojin kun gaarii tahus, miidhaan inni naannoo irratti qaqqabsiisuu malu xiyyeeffannoon ilaalamuu qaba jedhu.

Faayidaa isaafi muuxannoon jiru maal fakkaata?

Gama faayidaan yeroo ilaallu, dhimma barbaachisoo biqiltuuwwanii dabaluufi dhiyeessa nyaataa addunyaa fi oomishtummaa dabaluuf shoora olaanaa qabu.

Gama kanaan pirojeektiin “Golden Rice Project” yookaan Ruuzii warqee kan jedhamu fakkeenya gaariidha.

Saayintistoonni soorataa, ruuzii idileetti vaayitaamin A akka dabalamu godhan. Hanqinni vitamin A waan jiruuf duuti daa’immanii fi qaroo dhabuun iddoowwan itti babal’atetti, gosa ruuzii kana oomishuu jalqaban.

Ruuziin warqee jedhamu burcuqqoon tokko, hanga vitaaminii A namni tokko guyyaatti isa barbaachisu keessaa walakkaa kennaaf.

Gosti ruuzii kun faayidaan isaa guddaadha jedhamus, biyyoota garagaraatti danqaan isa mudateera. Biyya Filippinsitti hiriira bahuutii hanga ooyiruu ruuza yaaliif dhaabamee barbadeessuutti mormaniiru.

Teknolojii qonnaa kanaan oomisha olaanaa argachuuniifi gosoota miidhaanii hongee dandamatan oomishuun ni danda’ama.

Hojiin fooyyeessuu kun naannolee beelaafi hongeen miidhaman furmaata bareedaa tahu. Kana jechuun garuu, sodaan hin jiru jechuu miti.

“Kan jalqabarra bahee mul’atu dhiibbaa naannoorra qabanidha. Yaada kana anis, ogeeyyiifi qo’attoonni damee kana keessa jiran itti waliigalanidha.’’

''Kunimmoo fuula duratti rakkoon naannoorraan geessisu hin beekamu. Qacceen sanyii yeroo hundumaa adeemsi tirataa (evolution) keessa jira. Wanti kun naannoorratti rakkoo fiduu danda'a jedhamee shakkama," jedhu.

Gama fayyaan garuu rakkoon ni dhufa jedhamee shakkamu akka hin jirre qorataan kun himaniiru.

Yaaddoon biraan kan jiru gama aramaanidha. Akka namootni kaan jedhanitti mala kanaan omishni argamu farra aramaa guddaa barbaada. Kun ammoo aramoota barbaachisuu cirumaa balleessuu mala yaaddoo jedhu uuma.

Hanqinni guddaan damee kanaa hedduu hin dubbatamneef abbaa qabeenyummaa argannoowwan kanaa kubbaaniyyaawwan gurguddaan kan qabame ta'uu isaati.

Qonnaan bultootni sanyii isaanii bara dhuufuu ofiin olkaawwatu adeemsi qaccee sanyii midhaanii fooyyessuu kun garuu sanyii bara baraan kubbaaniytyoota irraa akka bitan dirqisiisuu mala.

Dr Taaddasan teeknoolojiiwwan jiran irraa faayidaa isaanii isa guddaa fayyadamuu qabna jedhanii amanu. Sababa yeroo dhiyeessaniis bara 2050'tti lakkoofsi uummataa biiliyoona 9.3 yeroo gahu dhiyeessiin midhaan nyaataa dhibbeentaa 70'n dabala jedhu.

Kanaafis yoo danda'ame teeknoolojii kana qofa osoo hin taane kaanis fayyadamuun qabna jedheen amana jedhu. Keessumaa ammoo biyyoota guddachaa jiran jedhu.

GMO amma jiran qofa osoo hin taane teeknoolojii haaraa yoo fiduu baanne uummata kana qallabuun rakkisaadha.

Nyaata qacceen sanyii isaa jijjiirame soorachuu

Isin GMO soorattanii beektuu gaaffii jedhu BBCn dhiyeesseefiif 'Eyyee' jedhan Dr Taaddasaan.

GMO ta'uu isaa osuma beekanii akka sooratan kan himan ogeessi kun, uummatni Itoophiyaa keessa jiru gama tokkoonis ta'e gama kaaniin soorata kanaaf saaxilamaadha jedhu.

Fakkeenyaaf, boqoolloon Ameerikaatti omishamu dhibbeentaan 93 qacceen sanyii isaa kan geeddarameedha ykn GMO kan ta'edha.

Soorata saamsamanii gurguraman irra GMO kan jedhuufi Non- GMO kan jedhu irratti ni maxxansama. Kana ilaaluun beekuun ni danda'ama.

"Ani GMO jedhamee kan irratti barreeffame nyaadheera. Beekee miidhaa waan hin qabneef ykn wantan itti amane waan hin jirreefidha.

Odeeffannoo ani qabuun mootummaatiin fudhatama argatee omisha keessa kan gale jirbii qofaadha kan jedhan Dr. Taaddasaan, sanyiiwwan nyaataa warra gargaarsaan galaniin ala beekamtii mootummaatiin gara biyyaa galee wanti sochii omishaarra jiru hin jiru jechuun ibsu.

"Uumamaan omishaaleen GMO baayyee qaaliidha. Galteewwaniifi paakejoota guutummaan guutuutti fayyadamuudhaaf sektara dhuunfaa qonnaa makaanaayizd ta'e barbaada.

" Sadarkaa qonnaan-bultoota lafa xiqqoo qaban irratti kan hojiirra oolu waan hin taaneef Itoophiyaatti omishamaa jira amantaa jedhu hin qabu. Jirbiiniyyu dhiyeenya kana kan gale yoo ta'u, Ministeera Qonnaafi Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaatiiin hubannoo irratti hojjetameera.

Jirbiin ammoo amalli isaa qonnaawwan dhuunfaa keessatti waan omishamuuf tekinooloojiiwwan dabalataa waliin fayyadamuun waan danda'amuuf isarratti ballinaan hojjetamaa akka jiru kaasu.

"Kun ammoo Itoophiyaan fayyadamtuu akka taatu, keessattuu paarkiiwwan industirrii babal'achaa jiran fedhii industirii uccuu waliin walqabatee hedduu akka ta'e odeeffannoo gahaa nan qaba.

Sektaricha irratti hojiin hubannoo cimsuu hojjetamaa akka jiran kanan argeefi irratti hirmaadhe ni jiru.

Kana milkeessuuf ammas ogeessonni sektarichaafi qaamoleen mootummaa hojii hubannoo cimsuu hojjechuu qabu. "Uummatichi miidhaafi bu'aa isaa sirriitti hubatee akka itti fayyadamuuf burjaajiin jiru akka qulqullaa'an gochuu barbaachisa," jedhu.

Omishaaleen kana fayyadamuurratti Awurooppaa akka fakkeenyaatti kan kaasan ogeessi kun, filannoo qabu; baayyinni uummata isaaniis muraasadha jechuun hanqinni midhaan nyaataa kan isaan hin yaaddessine eeru.

"Nu bira garuu rakkoon hanqinni nyaataa jira. Rakkoon hubannoos nu bira jira. Kanaaf, sosochiin hubannoo uumuu bal'aa ta'e jiraachuu qaba amantaa jedhun qaba," jechuun ibsu.

Kanaaf garuu fedhii nyaataa hawaasichaafi nageenya ummataa karaa eegeen qajeelfamaafi imaammata ifa ta'e barbaachisa jechuun itti dabaluun ibsu.

Keeniyaan rakkoo fayaa fida jechuun waggoota kudhanii oliif dhorkitee kan turte midhaaniifi horii GMO ta'an akka faayidaarra oolaniifi alaas galuu danda'an dhiyeenya kana hayyamtus manni murtii olaanaa biyyattii deebisee kuffiseera.