Guyyaatti bishaan 'burcuqqoo' saddet dhuguun baayyachuu mala -Qorannoo

Gorsi fayyaa kanaan dura namni tokko guyyaatti bishaan ‘burcuqqoo’ saddet dhuguu qaba jechuun kennamaa ture dogogora ta’uu akka malu qorannoon akeeke.

Saayintistoonni Yunivarsiitii Harvaard guyyaatti namni tokko bishaan liitira lama ykn ‘burcuqqoo’ saddet akka dhuguuf gorfamaa ture hanga namni barbaaduun ol ta’uu qorannoon mirkaneessuu ibsan.

Namni tokko bishaan guyyaatti argachuun irra jiraatu keessaa walakkaa kan ta’u nyaata keessaa argachuu waan danda’uuf, bishaan guyyaatti dhugamuu qabu liitira 1.5 hanga 1.8 hin caalle ta’uu qaba jechuun gorsaniiru.

Argannoon qorannoo saayintistoota kanaa barruu ‘Saayins’ jedhamurratti torban kana ibsameera.

Namni tokko hanga bishaan guyyaa tokko keessatti isa barbaachisu baruudhaaf qorannoon kanaan dura gaggeeffame namoota lakkoofsi isaanii murtaa’aa ta’e akka saamudaatti fudhachuun kan hojjetame ture.

Piroofeesarri Yunivarsiitii Harvaard Joon Ispiikmaan BBC Raadiyootti akka himetti, “jalqaba namni tokko guyyaatti bishaan liitira lama dhuguu qaba jedhamee gorfamaa kan ture dogoggora shallaguu qaba ture.

“Hangi bishaan dhuguu qabnuu bishaan nyaata argannurraa fudhanurraa kan hafe ta’uu qaba. Dogoggorri akkasitti yaaduu kun kan mudate ammoo namoonni nyaata hangamii nyaatu kan jedhu qofaa gaafachuurratti kan hundaa’e waan ta’eef dogogora ture.”

Yeroo qorannoon gaggeeffamutti namoonni nyaata nyaatan xiqqeessanii himachuu isaaniitiin, bishaan hanga namni tokko dhuguu qabuun ol ta’ee akka tilmaamamu taasiseera jedhe.

Ammaa ammoo qorattoonni lakkoofsa namoota qorannicha irratti hirmaatan ol guddisuun, mala ittiin hanga bishaan isaan barbaachisuu ittiin adda baafatan fayyadamuun isaanii ibsameera.

Qorannicha irratti namoonni 5,604 ta’an biyyoota 23 keessaa babba’an kan itti hirmaatan yoo ta’u, umuriidhaanis guyyaa saddetii hanga wagga 96 namoonni ta’an itti hirmaataniiru.

Qorannicha keessatti qabiyyeewwan bishaan keessa jiran, haala qilleensaa bakka namoonni jiraatanii, saala, umuriifi haalawwan biroo ilaalcha keessa galaniiru.

Qorattooonni kunneen akka jedhanitti, namoonni haalota gara garaa keessa jiran bishaan baayyeen isaan barbaachisuu kan danda’u ta’us, sana mara dhuguun isaan barbaachisuu dhiisuu danda’a.

“Dhiirri umuriin isaa wagga 20ota keessa jiru tokko guyyaatti bishaan liitira 4.2 argachuuf fedhii qabaatullee, bishaan ahanga sana gahu garuu dhuguun isarra hin jiraatu,” jechuun dubbate Piroof. Ispiikmaan.

Nyaata nuti guyyaatti nyaannu hedduun isaanii bishaan of keessaa waan qabaniif, qaamni keenya hanga bishaan guyyaatti isa barbaachisuu bishaan kallattiidhaan dhgnuun alatti nyaata nyaannurraa waan argannuuf kun ilaalcha keessa galuu akka qabu qorattoonni eeraniiru.

Kanaaf, namoota garaa garaaa haalafi bakka garaa garaa keessa jiraniif akkasumatti duunyaadhumatti guyyaatti bishaan ‘burcuqqoo’ saddet ykn liitira lama dhuguu jechuun akka hin barbaachifne qorannichi ibseera.

“Gorsi hanga ammaa namni hunduu guyyaatti bishaan ‘burcuqqoo’ saddet dhuguu qaba jedhu namoota hedduu haala gara garaa keessa jiraniif humnaa ol ta’uu danda’a. Kanaaf, bishaan namni tokko guyyaatti dhuguu qabu jedhamee kanaan dura gorfamaa ture sirrii miti; haala hunda ilaaluun, kan karaa nyaataa rgatamus ilaalcha keessa galchuun herregamuu qaba,” jedhe Piroofeesairichi.

Qorannichi gara fuula duraatti uummanni addunyaa keenyaa bishaan hangamitu isa barbaachisa kan jedhu baruudhaaf kan gargaaru yoo ta’u, bishaan hanga barbaadamuun ol dhuguunis bu’aa hin malle qabaachuu akka malu eereera.