Baqattootni Eertiraa, Israa'eelitti walitti bu'uun lubbuun namaa darbe

Israa’eelitti walitti bu’insa deeggartoota mootummaa fi mormitoota gidduutti uumameen namni tokko cuubeen waraanamee yoo du’u baay’een ammoo madaa’an.

Sanbata darbe, Fulbaana 19/2016 A.L.Itti naannoo Netaaniyaa, jedhamutti hookkara ka’een namni tokko waraanamee du’uu fi baay’een madaa’uu miidiyaan biyyattii poolisii wabeeffachuun gabaasaniiru.

Namni waraanamee ajjeefame kun mootummaa biyya isaa Eertiraa bulchaa jiru waan mormuuf waraanamee ajjeefamuu akka hin oolle poolisiin shakkii qabaachuu Taayimsi oof Israa’el gabaaseera.

Walitti bu’insi deeggartootaa fi mormitoota mootummaa Eertiraa Jimaata galgala kan jalqabe yoo tahu, Kibba magaalaa Teel Aviiv bakka Hatikviiv jedhamuttidha mudate.

Walitti bu’insi kun Sanbata duraas bakka Nataniyaa jedhamutti iti fufe.

Lammiin Eertiraa umuriin isaa wagga 30 keessa tahe biraas akka malee miidhamuu poolisiin himeera.

Viidiyoon miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamaa ture, yeroo lammiileen Eertiraa kunneen taa’umsa walitti darbatan mul’isa.

Poolisiin hookkaricha tasgabbeessuuf rasaasa gara samiitti dhukaasaa turan.

Poolisiin hookkaricha hordofee namoota kudhan tahan to’annoo jala oolchuu hime.

Jarri kunneen ulee fi dhagaadhaan hawwaasa bakka biraa jiran haleeluuf deemaa akka turan hime poolisiin.

Dabalataan namootni biraa lama akka malee miidhamaniiru. Akkasuma jalqaba torban darbeerra baqataan Eertiraa biraan waraanamee du’eera.

Ji’a darbe walitti bu’insa deeggartoota mootummaa Ertiraa fi mormitoota gidduutti balbala Imbaasii Eertiraa Teel Aviiv jirutti ka’een yoo xiqqaate namootni 200 tahan madaa’aniiru.

Hookkara kana keessa namootni hedduun miidhamaniiru, qabeenyi guddaanis manca’eera.

Mootummaan Israa’el baqattoota koolugaltummaa gaafachuun biyyicha jiranii fi hookkara keessatti hirmaatan hanga biyyaa baasuutti tarkaanfii fudhachuu akka danda’u ibseera.

Mootummaan Ertiraa hokkara dhiyeenya kana fesitivaala aadaarratti uumame kan dhaabbileen basaasaa akka Mosaad fa'iin deeggaramanidha jechuun qeeqeera.

Ertiraa abbaa irrummaan gaggeessu jedhamuun kan komataman pirezidaanti Isaayaas Afawarqii irratti kana dura diyaaspooraan mormii gaggeessaa ture.

Erga waggaa darbee garuu bifa jijjiirrachuun deeggartootaa fi mormitoota gidduutti wal dhabdee mudateen gara dhiiga wal dhangalaasuutti ce’eera.

Israa’eel keessa lammiileen Eertiraa gara kuma 25 tahan koolugaltummaa gaafachuun akka jiraachaa jiran tilmaamama.

Baay’een isaanii waggootaan dura Masirii irraan gammoojjii Siinaa keessa qaxxaamuruun warra Israa’eel galanidha.

Baqattootni kunneen adunyaa irraa bulchiinsa abbaa irrummaan kan himatan bulchiinsa Isaayaasii fi dirqama tajaajila loltummaa baqachuun biyyicha kan galan akka tahan himama.

Guyyaa Eertiraan Itoophiyaa irraa foxxoqxe wagga 30 lammiileen biyyattii biyyoota adda addaa jiraatan kabajaniiru.

Garuu Kanaadaa fi biyyoota Awurooppaa biroo tokko tokko keessatti hookkarri wal fakkaataan mudateera.