Godaantonni Ertiraa Israa’elitti maaliif hokkara kaasan?

Lammiilen Ertiraa biyyoota garaa garaa keessa jiraatan bulchiinsa Pirezidaant Isaayas Afaworqii mormii garaa garaa gaggeessaa turan.

Heerri biyyattii akka hojiirra oolu, filannoon akka gaggeeffamu, dirreen siyaasaa akka bal’atuufi sababa siyaasan kanneen hidhaman akka hiikaman kan jedhuufi sababoota garaa garaa dhiyeessuni mormiisaanii kan dhageessisan.

Addumatti bara darberraa eegalee deeggartoota mootummaa Ertiraafi mormitoota gidduutti biyyoota Lixaa heddu keessatti hokkarri ka’uun miidhan guddaan gahaa tureera.

Deeggartoonni mootummaa Ertiraa biyya Jarman magaala Giisanitti feestivaala qopheessan mormitoonni mootummaa Ertiraa bittimsuuf itti seenanii poolisoota 26 dabalatee namoota heddurra miidhan gahee ture.

Lammiilen Ertiraa mootummaa biyyattii baqatan kuma tokkoo ol ta’an biyyoota Awurooppaa heddu keessaa walitti bahuun gaafa Hagayya 3, 2023 festivaala waggaa deeggartoonni mootummaa Ertiraa qopheessanitti cabsanii ol galuun haleellaa raawwatan. Hokkara kanaan namoonni 50 ol miidhan irra gahee 100 ol ka’an ta’an poolisiin to’achuu beeksisee ture.

Ji’uma Hagayyaa keessa Kanaadaa, Toroontotti feestivaala guyyaa sadii deeggartoonni mootummaa Ertiraa qopheessan mormitoonni jeequrraa kan ka’e feestivaalichi addaan citee ture. Biyyoonni akka UK, fa’aa deeggartootafi mormitoota mootummaa Ertiraa gidduutti hokkarri ka’uu mala jechuun feestivaala mootummaa Ertiraa qopheessu dhorkanii jiru.

Sanabata darbe gaafa Hagayya 2, 2023 Israa’elitti hokkarri deeggartootafi mormitoota mootummaa Ertiraa gidduutti ka’e garuu baay’ee hamaa ture. Namaafi qabeenyarra miidhan guddaan gaheera. Mootummaa Israa’elis baay’ee dheekkamsiise.

Hokkarri kun kan uumame sagantaa deeggartoonni mootummaa Ertiraa qopheessan bittimsuuf mormitoonni yeroo humnaan cabsanii olitti seenaniidha. Hokkara kana qabbaneessuf poolisiin Israa’el rasaasa, gaazii imimaanessuufi rasaasawwan pilaastikaa fayyadameera.

Baqattoonni Ertiraa kun dhagaa, uleefi sibiila garaa garaa fayyadamuun wal-haleelaa turan. Daandiwwan magaala Teel Aviiv sa’aatii muraasaf dirree waraanaa fakkaattanii turan. Kanaanis baqattoota 170fi poolisoota 50 irra miidhan qaqqabeera.

Walitti bu’uunsa lammiilee Ertiraa gidduutti mudate kana “sararri darbamuu hin qabne darbamuu” kan ibsan muummen ministeeraa Israa’el Beniyaamin Natanaahon, baqattoonni hokkara irratti hirmaataniifi kanneen seeran ala Afrikaarraa gara Israa’el seenan hari’amuu qabu jedhan.

Kanaanis biiron muummicha ministeeraa lammiilee Ertiraa hokkaricha keessatti hirmaatan qorachuun gara Ertiraatti kan deebisu koreen akka hundaa’u himanii turan Natanaahon.

“Koree hundeessineen deeggartoota sirnichaa [mootummaa Ertiraa] kuma tokko ta’an kanneen hokkara irratti hirmaatan tarkaanfii biyyaa baasuu dabalatu akka hojiirra oolu gaafanneerra. Baqattoota jechuu hin danda’an, deeggartoota sirinichaati. Ni deeggaru taanan gara biyyasaanitti deebi’uu danda’au,” jechuun dubbatan Natanaahon.

Lammiin Ertiraa suuqii qabu tokko, “Haalli ture nu rifachiisera, gaddatu nutti dhagahama. Eessattis deemuu dandeenya?” jedhe.

Lammiin Ertiraa biroo ammoo namoota miidhaman heddu argee gaddeera, sababni isaa lamaansaanituu gosa koo keessayi,” jedha.

Mormiin maalif gara hokkaraatti jijjiirame?

Duraan Ministiira Dhimma Ertiraa kan turaniifi Ingilizitti siyaasa diyaaspooratiin digirii sadaffaa hordofaa kan jiran Zar’asillaasee Raddaa’i Shakar dheekkamsi baqattootaa jabaataa kan deeme rakkoon heddu walitti kuufamee akka ta’e kaasu.

“Erga [Ertiraan] walabummaa argattee waggoota hedduuf, keessumaa bara 1998 kaasee, sirnichi badiin lammiilerraan gahu, uummata kan qoollifateefi gargar qoode ta’uurraa kan dhalateedha,” jechuun ibsu.

Jeneraalonniifi minnisteeronni Ertiraa 15 kan G-15 jedhamuun beekaman bara 2001 erga hidhamanii achi buutensaanii hin beekamu.

Mirga amantiifi siyaasan wal-qabatee biyyattiin lammiileesheerra sarbama mirga namoomaa raawwatti jechuun dhaabbileen idiladdunyaa mirga namaaf falman yeroo garaa garaatti ni dubbatu.

Biyyattiin lammiilee umuriin gahan dirqamaan tajaajila loltummaa akka kennan waan gootuf daraggoonni baay’en biyyaa baqatanii akka bahaniif sababa ta’eera.

Ertiraan garuu gabaasa dhaabbilee mirgi namoomaa yeroo addaa addaatti baasan ‘pirooppaagaandaa warra lixaati’ jechuun haalti.

University of West London tti barsiistufi Saayikooteraappistii kan taate Salaam Kidaanee gamasaanin mootummaan Ertiraa hawaasa diyaaspooraa to’achuuf tattaaffin isheen taasiftu mormiifi hokkaraaf sababa akka ta’e himti.

Siyaasa diyaaspooraa kan qoratan Zar’asillaasen ammoo, mormiifi walitti bu’iinsa hawaasa Ertiraa mootummaa mormaniifi deeggaran gidduutti dhalataa dhufe “carrraa gadhee fi Ertiraanota hunda kan kasaarsudha” jechuun ibsan.

“Sirnichi qalbiitti deebi’ee rakkoolen karaa dimokiraasin akka furaman, aangoo uummatatti akka deebisu, barreeffamaniis ibsaanis waamichi dhiyaatera. Sirnichi garuu gurra cuqqaallateera,” jechuun dhiittaan yeroo hammaatu mormiinis jabaachaa deemun waanuma jiru akka ta’e dubbatu.

Yeroo dhiyoo as dargaggoonni Ertiraarraa baqatanii biyya bakkee jiraatan irraa mormiin dabalaa deemus kan gurmaa’e akka hin taanefi kanneen qindeessan eenyu akka ta’an hin beekamu kanneen jedhan jiru.

Obbo Zar’asillaasen garuu kana hin fudhatan. “Sochiin uummataa ammalli isaa hunda hammata. Sochiin kun mormitoota sirnichaa hundumaa kan hammatuudha. Dhaabbilee siyaasaa, xinxaaltota, aktivistoota fa’aadha,” jedhu.

“Bakkeewwan garaa garaatti gaggeessitoota garaa garaatu” jira kan jedhan Salaam Kidaanee fakkeenyaf Landanitti mormii qopheessuf “dargaggootafi haadholii heddutu argama” jedhu. Gama biraan ammoo Israa’el keessa mootummaa kan deeggaran jiraachuu akka hin qabne dubbatu.

Sabani isaan dhiyeessan ammoo biyyoota biroo keessa kan jiran sirnicha dura kan dhufaniifi isaan irraa dhalatan ta’uu ibsuun, “Israa’elitti garuu hundumtuu [mootummaa Ertiraa] baqatanii kan dhufaniidha. Kan mootummaa deeggaru jiraachuu hin qabu” jedhu.

Mootummaan garaa garummaa xixiqqootti fayyadamuun jibbi guddaan akka dhalatu godhee piroppaagaandaa isaa galmaan gahachuuf waan yaalef walitti bu’iinsi lammiilee Ertiraa gidduutti dhalachuuf sababa ta’uu BBCtti himan Salaam.

Guyyoota hedduuf mootummaafi deeggartoonni isaa “Qophaa’aa jirra itti agarsiifna jechaa turan. Garee 4G jedhamu qabna, sirriitti isaanif baha. Garee ‘Hada Libbi’ jedhamus leenjisaafi qopheessaa akka turan kan agarsiisu ragaan viidiyoo, suurafi barreeffamaa qoodamaa ture,” jedhan.

Mormitoonni mootummaa Ertiraa ammoo ofiisaanii “Birgeed Nihamadoo” jechuun waamu. “Biyya koo, lafa koo, uummata koo bilisan baasa” hiika jedhu akka qabu himu Obbo Zar’asillaasen.

Walitti bu’iinsi mormitotafi deeggartoota mootummaa Ertiraa gidduutti Israa’el magaala Tel Aviiv keessatti mudate kana dura takkaa ta’ee kan hin beeknedha jedhama.

Bara 2019 keessa Kibba Tel Aviivitti hokkarri wal-fakkaatan mudatee deeggaraan mootummaa Ertiraa koolu galtummaa gaafate tokko waraanamee du’ee ture.

Walitti bu’iinsi baqattootatti maalif sodaa uume?

Baqattoonni Ertiraa 18,000 ta’an Israa’el keessa akka jirantu himama. Hedduun isaanii karaa seeran alaa biyyattii kan seenaniidha.

Israa’el keessatti gareen leellistootaa baqatoonni biyyattii keessa akka hin turre akka barbaadan dubbatu Salaam.

Akka seera idiladdunyaatti nama koolu galtummaa gaafate tokko gara biyyasaatti hin deebistu,” kan jedhan Salaam “Mootummaa keenya deeggarra jedhanii Embasii Ertiraa wajjin hojjataafi lammiileesaanii miidhuf qophaa’aa warra turan irratti waanta dhufu kamiifuu komii hin qabu,” jedhu.

Mormiin Ertiraan alatti maalif jabaate?

Bulchiinsi Isaayas Afawarqii humna nageenyaafi waraanaa qabutti fayyadamuun nama gaaffii diinagdee, seerafi siyaasaa kaasu kamiyyuu “amala diina biyyaa godhee dhiyaasuu waan qabuufidha sochii siyaasaa biyya bakkeetti kan arginu,” jedhu.

Dhimma yeroo ta’ee malee mormiin kun Ertiraa keessattis dhohuun isaa waan hin oolledha jedhu namoonni BBCn dubbise kun.

Biyyoota garaa garaa keessatti mormiin heddu bulchiinsa Isaayas Afawarwiirratti kan gaggeeffame ta’uu kan himan Salaam Kidaanee, bu’aa kan argamsiisefi kan hin argamsiisnes akka jiru dubbatu.

Hokkarri Israa’elitti dhalate miidiyaalee addunyaatin kan gabaafame ta’uunsaa dhiibbaa uumuu akka danda’u himu.

Mootummaan Ertiraa gamasaatin hokkara Israa’eelitti dhalateef dhaabbata tikaa Israa’eel kan ta’e Mosaad komate.

Barruun mootuummaa Ertiraa Shabaayit Gaazexaa jedhamu bareeffama gabaabaa Fulbaana 5, 2023 baasen, biyyoonni tokko tokko festivaala aadaa qophaa’e yerooo hambisuuf yeroo hokkarri ka’u “kanneen deeggaran jiru” jedhe.

“Uummanni Ertiraa eenyufuu gadi hin jenne dandeettin ittisuu inni qabu kan isaan naasise dhaabbileen basaasaa gurguddoon, gochaa jallinaa baandawwan muraasni tokkummaa uummata Ertiraa diiguf qopheessaniidha,” jechuun gara fuulduraatti ibsa bal’aa akka kennu beekisise.