Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'elitti walitti bu'insa poolisii fi baqattoota Ertiraa gidduutti mudateen miidhaan qaqqabe
- Barreessaa, Yolande Knell
- Gahee, BBC News, Jerusaaleem
Magaalaa guddoo Israa'elitti dhalattoota Ertiraa kolugaltummaa gaafataniifi poolisii jidduutti walitti bu'insa dhalateen, namoonni hedduun miidhaman.
Taatee magaalaa Tel Aviiv keessatti raawwate kanaan, gariin rasaasa poolisiin miidhaan irra gahe.
Kana malees poolisiin biyyattii mormitoota dhibbatti lakka'aman kanniin bittimsuuf, boombii imimmaaneessu, rasaasa fiixeerraa ispoonjii qaban fa'i fayyadamaniiru.
Hokkorri kun kan dhalate rogeeyyiin mootummaa Ertiraa morman, anga'oota Israa'el sagantaa embaasiin gaafa Sambataa qophaa'e akka haqaniif gaafachuu keenyaan jedhu.
Haatahu malee mormitoonni kun deeggartoota mootummaa Ertiraa wajjinis walitti bu'aniiru.
Aangoo Pireezidant Isaayyaas Afawarqii ilaalchisee garaagarummaan ilaalchaa Ertiraa keessa jiru, hawaasa diyaaspooraa jiran keessas ceheera. Yeroo dhiyoon asitti hokkorri wayita kahu kun kan jalqabaa miti.
Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasanitti, mormitoonni kun bakka sagantaan kun qophaa'utti walitti qabamuun imalan. Jalqabarra poolisiin gara keessaa akka hin seenne dhorkuu danda'us, cabsanii seenan.
Jiraattonni gamasaaniin, daandiiwwan Tel Aviiv dirree waraanaa fakkaatanii turan jedhan. Helikooptaroonni samiirra naanna'aa, poolisoonni ammoo rasaasa gara samiitti dhukaasaa turan jedhu.
Mormitoonni poolisii wajjin wal lolaa kan turan ogguu tahu, konkolaataafi fooddaa suuqiiwwanis caccabsan.
Poolisiin Israa'el ibsa baaseen, miseensonni poolisii lubbuun isaanii balaarraa bu'uu waan yaadda'aniif shugguxii fayyadaman jedhe. Dabaluunis poolisoonni 27 miidhaan irra gahus hime.
Suuraaleen galma embaasii Ertiraan sagantaa kanaaf kireeffame keessaa akka mul'isanitti, teessoofi minjaalli manca'eera.
Suuraaleen marsaalee hawaasaa gubbaa qoqqoodaman ammoo, dhalattoota Ertiraa mootummaa deeggaraniifi morman jidduu hokkora adeemaa ture agarsiisa. Poolisiin Israa'el garee lamaan kana gargar qabuuf yaaluu isaa hime.
Ergaa X, amma dura Twitter jedhamee kan beekamu, irra maxxanfameen jiraattonni taatee kana keessatti hin hirmaanne bakkichaa akka fagaatan poolisiin gaafate.
Jalqaba torban kanaatti poolisiin akka jedhetti, gareewwan Ertiraa garagaraa mormii isaanii bakka adda addaatti gaggeessuuf waliigaluu himee ture.
Haatahu malee qaamoleen lamaan waan waliigalan hin raawwanne jedhe poolisiin.
Poolisiin maqaan isaa hin dhawamne gaazexaa Haaretz'f akka himetti: "Hanga hokkoraa dhalateen guddoo rifanne. Wanti tahe waan West Baankitti argituudha."
Tajaajilli yaala fayyaa hatattamaa Magen David Adom, namoota 114 miidhaman wal'aanuu hime. Baay'een isaanii miidhaa salphaa kan qaban ogguu tahu, isaan keessaa 30 poolisoota tahus hime.
Kanneen keessaa saddeet haala sodaachisaa taherra kan jiran ennaa tahu, 13 ammoo haalli isaanii jiddugaleessa tahuu hime.
Kolugaltoota Ertiraa fedhii adda addaa qaban jidduutti hokkorri kahuun kun marroo jalqabaa miti.
Bara 2019 keessa baqataan Ertiraa mootummaa biyyattii deeggaru, kibba Tel Aviiv waraanamee lubbuun darbeera.
Israa'el keessa dhalattoonni Ertiraa kolu-galtummaa gaafachuuf galmaa'an 18,000 tahan akka jiran ni tilmaamama. Kanneen keessaa hedduun isaanii seeraan ala biyya Masrii Peninsulaa Sinaay keessa qaxxamuruun kan biyyattii galaniidha.
Baqattoonni kun balaa, dararaa fi tajaajila waraanaa dirqii jalaa baqachuun akka dhufan himu. Ertiraan biyyoota addunyaa hacuuccaa hamaan beekaman keessaa ishee tokko.
Ertiraan waggaa 30ffaa Itoophiyaa jalaa bilisa itti baate kabajaa kan jirtu ogguu tahu, hawaasa diyaaspooraa biyyoota garagaraa jiraniin kabajamaa jira.
Akkuma Israa'elitti tahe, sagantaaleen Awurooppaa fi Kaaba Ameerikaa garii irratti hokkoraa fi walitti bu'insi dhalateera.
Ji'a dabre keessa festivaalli aadaa guyyoota sadiif Kaanaadaa magaalaa Toroontootti qophaa'e, walitti bu'insa deeggartootaa fi mormitoota mootummaa Ertiraa jidduutti dhalateen haqameera.