UK fi Ameerikaan haalli qabiinsa mirga namoomaa Ertiraa nu yaachise jedhan

Ameerikaafi UK'n haalli qabiinsa mirga namoomaa Ertiraa keessaa nu yaaddeesse jedhan.

Biyyoonni kunneen haalli Ertiraa isaan yaaddeessuu kan ibsan, yaa’ii 53ffaa mana maree Mirga Namoomaa mootummoota Gamtoomanii Jeeneeviitti gaggeeffame irratti ture.

Bakka butuun Ameerikaa Keelii Biliingisilii, ‘‘mootummaan Ertiraa lammiileesaa miidhaa jiraachuu Ameerikaan cimsitee balaaleeffatti’’ jedhan.

Bakka butuun tun akka jedhanitti, ‘‘mootummaan Ertiraa ummata miidhaa, yaada isaanii bilisaan akka hin ibsanneef hacuucaa jira jedhan.’’

Biliingisiliin itti dabaluudhaan, Ameerikaan sirna tajaajila biyyaaleessaa Ertiraa akka mormitu ibsaniiru.

Dhiheenyattis mootummaan Ertiraa walitti bu’iinsa Sudaan hordofuun lammiileen Ertiraa biyyaa baqatanii turan dirqiidhaan gara biyyaatti akka deebisan taasifamuun gabaafameera.

Dhimmi kunis ‘‘baay'ee yaaddeessaadha’’ kan jedhe mootummaan Ameerikaa, bulchiinsi pirezidanti Isaayyaas gocha ‘‘seera qabeessa hin taane’’ kanarraa akka of qusatuuf waamicha taasiseera.

Bakka buutuun tunis ergaa isaanitiin loltoonni Eritraa Kaaba Itoophiyaa keessaa guutummaan akka bahaniifi haleellaa namoota nagaa irratti raawwatan irraa akka of qusataniifis waamicha taasisaniiru.

‘‘Loltoonni Ertiraa badiin Kaaba Itoophiyaatti raawwatan baayyee nu yaaddeesseera.

''Loltoonnis yakka waraanaa fi namoomaa raawwataniiru. Kanneen badii kana raawwatanis seerratti dhiyaachuun dirqama’’ jedhan.

Haaluma walfakkaatuunis UK'n haalli qabiinsa namoomaa Ertiraa keessaa akka isaan yaaddeesse karaa bakka bu’aa ishii ibsiteetti.

Ambaasaaddarri Mirga Namoomaa UK Riitaa Firaanchii Tajaajilli Biyyaalessaa Eertiraa ''jijjiirama barbaada'' jedhan.

Tajaajilli biyyaalessaa "lubbuu lammiilee Eertiraa hedduu, keessattuu lubbuu dargaggoota balleessaa jira."

Namoonni hedduun biyya isaanii gadhiisanii akka godaanan taasiseera," jedhan bakka buutuun kun.

Ambaasaaddar Firaanchii itti dabaluun wayita dubbatan, biyyi isaanii loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa akka bahan dhiibbaa gochuu itti fufti jedhan.

Bakka bu’aan kun akka jedhanitti, UK’n humnoota mootummaa Eertiraa sarbamiinsa yeroo waraana kaaba Itiyoophiyaa keessatti raawwatameef akka itti gaafatamni jiraatu dhiibbaa gochuu itti fufti.

Miseensa Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan taate UK’n; Eertiraan mirga namoomaa sarburraa akka of qusattu cimsitee gaafatti jedhan Ambaasaaddar Firaanchi.

Pirezdantii Isaayaas Afawarqiin kan durfamtu Eertiraan dhiittaa mirga namoomaa olaanaan himatamaa turte.

Wal -waraansa Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaattee kan turte Eertiraan waraana ishee Tigiraayitti bobbaasuun lammiilee nagaa irratti sarbama mirgaa hamaa raawwachuun gabaafamaa ture.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa fi TPLF waraanicha goolabuuf waliigaltee nageenyaa mallatteessan akkatti eerametti humnoonni biyya alaa Tigraay keessaa ni bahu.

Taatullee, ammas loltoonni Ertiraa naannoo Tigraay keessa akka jiran gabaafamaa jira.