Kanaadatti deeggartootnii fi mormitootni mootummaa Eertiraa wal dhaban

Kanaadaa magaala Toroontotti feestivaalli aadaa Eertiraa deeggartoota mootummaan qophaa’e mormii mudateen haqame.

Kanneen feestivaala kana morman warreen mootummaa Ertiraan dararaan irra gahee biyyaa baqataniidha.

Feestivaalli aadaa Ertiraa Toroontotti qophaa'aa ture kun guyyaa sadiif kan turuufi mootummaan Ertiraa deeggaruuf kan qophaa’eedha jedhame.

Galiin feestivaalicharraa argamu kallaattiin mootummaa Ertiraatif kan ooludha jechuuni mormitoonni mootummaa Ertiraa kan feestivaalli kun akka hin gaggeeffamne godhan.

Bulchiinsa Pirezidaantii Ertiraa Isaayas Afawarqii irratti hawaasa diyaaspooraa gidduutti garaa garummaafi hokkarri hammaatee jira.

Taateen kun biyyoota Awurrooppaa biroo keessattis mudateera. Torbanoota darban keessa Jarmaniifi Siwiidin keessatti mormitoonni festivaala deeggarsa mootummaa Ertiraatif qophaa’e jeequun hokkara dhalateen miidhan heddu qaqqabee ture.

Siwidiinitti mormitoonni haleellaa raawwachuun dunkaanaalee gubanii feestivaala guyyaa afuriif karoorfame haqsiisaniiru.

Gabaasaaleen akka jedhaniitti, namoonni dhibbaan lakkaa’aman daangaa poolisiin kaa’ee ture cabsanii seenuun bakka feesitivaalichi itti qophaa’u barbadeessan.

Taatee kanaan wal qabatees namoota saddeet irra miidhaan qaamaa kan qaqqabee yoo ta’u, kanneen 100 lakkaa’aman ammoo to’annoo poolisii jala oolfamuun himame.

Baatii tokkoon duras, haaluma walfakkaatuun wal dhabdeen deeggartoota mootummaa Ertiraafi moormitoota jidduutti biyya Jarman- magaala Geesseeniitti qophii feesitivaalaa irratti mudateen, miseensoota poolisii dabalatee kaan irra miidhaan qaqabee, hedduun hidhamusaanii ni yaadatama.

Taatee Kanaadaa, Toroontotti, mudateen Wiirtun Hawaasa Ertiraa Kanaadaa jiranii waan mudatetti baay’ee gadduu ibse.

Erga Eertiraan walabumma ishee Itoophiyaa irraa argattee as aangoo kan qabatan Isaayas Afawarqii waggoota 30 oliif biyyattii bulchaa jiru.

Sarbama mirga namoomaan kan himataman Obbo Iaayaas, waggoota dheeraaf wal tajjii idil-adunyaa irraa erga citanii turanii dhiyeenya gara biyyoota ollaa, Chaayinaa fi Raashiyaatti imaluun hariiroo cimsataa jiru.

Pirezidaantichi biyya isaaniitti filannoo dimokiraraatawaa gaggeessuun hedduu kan qeeqaman yoo tahu, namoota siyaasaa hedduu hidhuun qeeqamu.