Hokkara tibbanaa kan hirmaatan "Mosaadiin deeggaramu" - Ertiraa

Mootummaan Ertiraa hokkara dhiyeenya kana fesitivaala aadaarratti uumame kan dhaabbileen basaasaa akka Mosaad fa'iin deeggaramanidha jedhe.

Mootummaan pirezidant Isaayyaas Af-warqii kana kan jedhe, dhiyeenya kana magaalaa guddoo Israa'el Teel Aviiv keessatti walitti bu'insa hamaa deeggartoota mootummaa Ertiraafi mormitoota gidduutti dhalateen namaafi qabeenyarra miidhaan erga gaheen boodadha.

Hokkara dhalate kana booda, mootummaan Israa'el addatti baqattoota mootummaa Ertiraa deeggaranii addabaabaayiirratti hokkara keessatti hirmaatan gara biyyasaaniittin isaan har'ia jechuun dhaadateera.

Hokkara Sambata Fulbaana 2, 2023 darbe Teel Aviiv keessatti tureen baqattoonni Ertiraa garee lamatti qoodamanii hokkara uumuun namaafi qabeenyarra miidhana erga gaheen booda ministirri muummee Israa'el Benjaamiin Naatinyaahoo baqattoota Afrikaa hunda isaanii 'atattamaan' Israa'el keessaa har'iuudhaaf karoorri akka ba'uuf ajajanii ture.

Poolisiin Israa'el hokkaricha to'achuudhaaf rasaasa, haara imimmaanessuufi rasaasa pilaastikaa Ertiraanota dhibbaan lakkaa'amaniirratti dhukkaasuudhaaf dirqamaniiru.

Festivaala aadaa sana kan mormaniif qophichi mootummaa abbaa-hirree Isaayyaas Af-warqiif maallaqa sassabuuf jedhu.

Mootummaan Ertiraa garuu karaa Ministeera Odeeffannootiin Kibxata Fulbaana 5, 2023 ibsa baaseen, ‘‘festivaaloota eenyummaa biyyaaleessaa lammiilee Ertiraa waliitti fufsiisan uumtoota hokkaraa kanneen dhaabbileen basaasaa Israa’eel kan akka Mosaadiin deeggaramaniin akka fashalaa’an taasifamaa jiru,’’ jedheera.

Torbanoota darban muraasa keessatti “qophiileen feestivaalaa miseensoota hawaasa Ertiraanotaatiin magaalootaa Awurooppaafi eddoowwan biraatti qophaa’an, gareewwan ijaaramaniin yoo jeeqamaniifi qabeenyaan yoo barbadaa’u agarree jirra,’’ jedhe Ministeerri Odeeffannoo biyyatti.

Mootummaan Ertiraa, ‘‘kaayyoo mummeen gochaawwan kanneenis yaaliiwwan lammiilee Ertiraa biyya biraa keessa jiraatan, walitti dhufeenya eenyummaa fi biyyasaanii waggoota kudhaniif ture cimfachuuf taasisan danquudha,’’ jedhe.

Ministeerichi lammiileen biyyattii Israa’eliitti kol-ugaltummaa gaafataniifi mootummaa Ertiraa mormuudhaan kanneen deeggartoota mootummaa waliin walitti bu’insa keessa galan kunneenis dhaabbata basaasaa Israa’eel Mosaad dabalatee eejjansiiwwan tikaa gara biraatiin deeggaramu haa jedhu malee, himannaa kanaaf ragaa hin dhiyeessine.

Yeroo dhihoon as sababii qophii feesitvaala aadaa Ertiraatiin walqabatee lammiilee Ertiraa Awurooppaafi magaaloota Ameerikaatti argaman jidduutti walitti bu’iinsi uumamuu dhagahuun haaraa hin turre.

Waggaa kanatti qofaa kan tibbana Israa’eliitti mudate dabalatee, walitti bu’insa biyya Jarmanii, Siwiidin, Nooriwey fi Kaanaadaatti mudateen hedduurra miidhaan qaqabuunsaa gabaafameera.

Dhaabbileen mirgaaf falman hedduunis mootummaan Ertiraa lammiilee isaa irratti sarbama mirga namoommaa hedduu raawwata jechuun himatu.

Sababii kanaatiinis cunqursaan siyaasaafi bilisummaa amantaa Ertiraa keessa jiru, akkasumas dirqama tajaajilli biyyaaleessaa daangaa hin qabne baqachuudhaan lammiileen biyyattii hedduun biyya gadhiisanii baqachuuf dirqamu.