Lammiileen Itoophiyaa 38 ta'an balaa bidiruu Jibuutiin lubbuu dhaban

Qarqara galaana Jibuutiitti bidiruun godaantota feetee turte dhidhimuun lammiileen Itoophiyaa 38 ta'an du'an.

Embaasiin Itoophiyaa Jibuutiitti argamu ibsa baaseen bidiruun dhidhimte godaantota Itoophiyaa 60 ta'an feetee gara Yaman imalaa turte.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ejensiin godaantotaa, IMO, Kibxata kana ibsa baaseen ammoo namoota du'anii reeffi isaanii argame 38tti dabalataan namootni yoo xiqqaate jaha ta'an kan hin argamne jiru jedheera. Isaanis du'uu hin oolan jedheera.

Reeffa namoota argamanii keessa daa'iman jiraachuus himeera.

Godaantotni 22 bidiruu kanarra turan lubbuun hafuu IOM ibsee jira.

Bidiruun godaantota seeraan alaa qabatte kun Wiixata Ebla 8, 2024 qarqara galaanaa Jibuutii naannoo Kaaba Baha Godoriyaa jedhamurraa ka'uu ibseera.

Embaasichi sababa balaa kanaa qorachaa akka jirus beeksiseera.

Akka ibsa embaasichaatti qarqara galaanaa Jibuutiirraa gara biyyoota Arabaatti ce'uuf imala seeraan ala godhamuun waggoota shanan darban lammiileen Itoophiyaa189 bidiruun dhidhimuun lubbuun darbaniiru.

Godaansa seeran alaa kanaan balaa qaqqabuun lubbuun darbu dabalaa jiraatus, lakkoofsi godaansaa kun ammallee dabalaa jiraachuus dabalee ibseera.

''Karaa Jibuutii gochuun gara Yamanitti imalli godhamu bu'aansaa du'a qofa ta'uu balaawwan sukkaneessaa qaqqabanirraa hubachuun hin dhibu'' jedha ibsi Embasi Itoophiyaa.

Imala seeraan ala kanaan lammiileen Itophiyaa maatiifi namoota jaalatan balaa hamaaf saaxilaa jiruu jechuun, lammiileen imala gaaga'aa kanarraa ofis maatii ofiis akka eegan waamicha godheera.

Kanneen namoota seeraan alaa malaalchisanii daddabarsan irratti qaamoleen seeraa tarkaanfii fudhatan akka jabeessaniis wamicha dhiyeesse.

Waggaa waggaan godaantotni kuma 200 ta'an qarqaraa galaanaa Jibutii irraa ka'uun ulaa galaanaa Edeniin godhanii gara Biyyoota Arabaa imaluuuf yaalu.

Kana keessa ammoo balaa bidiruu irra deddeebiin qaqqabuun lubbuu namoota dhibbaan lakkaa'amanii darbeera.