Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godaantota galaana Meditaraaniyaaniirra imalaa turan keessaa yoo xiqqaate 60 lubbuun darbe
Godaantota bidiruu xiqqaa pilaastikarraa hojjetametti fe'amanii galaana Mediteraaniyaanirra imalaa turan keessaa 60 kan ta'an du'uu isaanii kanneen lubbuun hafan himan.
Godaantota bidiruu kana keessa turan keessaa 25 lubbuun ooluu kan danda'an, gara doonii Ocean Viking jedhamtu kan garee gargaarsa namoomaarratti hojjetu SOS Méditerranée' qabatee turetti dabarfamuu isaaniitiidha.
Godaantonni kunneen qarqara galaanaa Liibiyaa, Zaawiyaa jedhamurraa guyyoota dura akka ka'an garee gargaarsa namoomaarra hojjetan kanatti himaniiru.
Bidiruu kanaan imaluu jalqabanii guyyaa sadiin booda motorrishee yaratee hojjechuu waan dideef, godaantonni achirra turan bishaaniifi midhaan osoo hin argatiin galaanarra turaniiru.
Godaantonni lubbuun oolan akka dubbatanitti, warra lubbuun darbe keessa dubartoonniifi yoo xiqqaate daa'imni tokko turaniiru. Godaantonni kunneen lubbuun isaanii kan darbe beelaafi dheebuutiin malee balaa galaanaan liqimfamuutiin akka hin taane barameera.
Miseensonni garee gargaarsa namoomaa doonii Ocean Viking turan bidiruu rakkoon mudate sana 'manatsarii' guddisee agarsiisuun kan argan Roobii ture.
Eegdota qarqara galaanaa Xaaliyaan waliin ta'uudhaan godaantota bidirittiirra turan gara doonii Ocean Viking jedhamtu kanaatti dabarsuun akka danda'ame SOS Méditerranée' ibseera.
Godaantonni lubbuun oolan kunneen "haala fayyaa baayyee gadi bu'aa ta'e" keessa akka turan gareen namoomaa kun eereera.
Imaltoonni lama of wallaalanii haala fayyaa rakkisaa keessa jiran, lama ammoo wallaansa fayyaa dabalataatiif elekooptaraan gara Siisilii geeffamuu isaanii gareen kun itti dabaluun himeera.
Imaltoonni 23 hafan, godaantota dabalataa bidiroo biroo lamarraa argaman 200 ta'an waliin doonii Ocean Viking irra jiru.
Dooniin kun gara odola Xaaliyaan, Ankonaatti imalaa kan turte ta'us, qaqqabuudhaaf guyyaa afur isheetti fudhata. Sababa kanaaf, gareen kun nageenyaaf jecha gara odola dhiyeenyatti argamuutti imaluudhaaf gaafachaa jiru.
Dubbi-himtuun doonii galaanicharra jirtu, SOS Méditerranée'," namoonni osoo imalarra jiranii lubbuun isaanii darbeera. Nama haadha warraasaafi daa'imasaa umuriin waggaa tokkoofi walakkaa ta'e dhabe argeera.
"Daa'imni kun lubbuun isaa kan darbe guyyaa jalqabaa yoo ta'u, haati daa'ima kanaa ammoo guyyaa afraffaarratti duute. Kan dhufan Senegaalirraa yoo ta'u, Liibiyaa keessa garuu waggaa lamaaf turaniiru," jette.
Dhaabbanni Gamtaa Awurooppaa (EU) Frontex jedhamu dhimma daangaarratti hojjetu, bidiruu namoota 50 ol fe'ate naannoo daangaa galaana Liibiyaarratti erga argee booda akeekkachiisa dabarsuu isaa BBCtti himeera.
Haata'u malee, bidiruun dhaabbanni kun jedhu kan amma doonii Ocean Viking irratti fe'amte ta'uufi ta'uu dhabuu hin ibsine.