Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoota Afrikaa hedduutti tajaajilli intarneetii addaan cite
Tajaajilli intarneetii biyyoota Afrikaa garagaraa keessa adda cituun gabaafame.
Adda cituun qunnamtii intarneetii biyyoota kanneen Afrikaa Kibbaa, Naayijeeriyaa, Ayivoorii Koost, Laayibeeriyaa fi Burkinaa Faasoo mudate.
Sababni adda cituu kanaa ammatti hin baramne.
"Sa'aatiin tajaajilli adda itti kutame waan wal fakkeessutu jira, kaabaa hanga kibba Afrikaatti mudate," jedhe qunnamtii intarneetii irratti dhaabbanni odeeffannoo dhiyeessu Cloudflare Radar.
Ayivoorii Koostitti Kamisa ganama keessa qunnamtiin intarneetaa %4 tahutti gadi bu'uusaa, dhaabbanni Netblocks gabaase. Dhaabni kunis nageenya saayibarii fi qunnamtii intaneetaa irratti xiyyeeffata.
Laayibeeriyaatti ammoo yeroo tokkotti gara %17 hir'achuu, Beniin ammoo %14, akkasumas Gaanaatti %25 gahee akka ture Netblocks hime.
Afrikaa Kibbaatti dhaabbanni telekoomii Vodacom "rakkoo keebilii galaana jalaarra gaheen, maamiltoonni qunnamtiin adda ciccituun isaan mudachaa jira," jedhe.
Kana malees sirna keebilii MainOne jedhamuufi magaalaa daldalaa Naayijeeriyaa taate Leegos tajaajilu irrattis rakkoon mudachuun gabaafameera.
Mootummaan Laayibeeriyaas Kamisa ganamaa eegalee qunnamtii intarneetiirra danqan mudachuu himeera.
Lammiileen biyyattii gara caalu intarneeta idileefi marsaalee hawaasaa argachuuf rakkaachaa turan.
Daddabarsi maallaqaa gara idiladdunyaatti gaggeeffamu irrattis rakkoon mudachuus gabaafame. Gara biyyoota biraattis bilbiluunis rakkisaa ture.
"Har'a jireenyakoo keessaa %50 akka godaane natti dhagahame," jechuun Benjaamin Gaarkipaah jiraataan magaalaa guddoo Monrooviyaa BBCtti hime.
Faatumaataa Baarii ammoo, daldallishee miidhamuu himti. Maaliif jennaan, gama sirna kanfaltii moobaayilaan maallaqa fudhachuu hin dandeenye.
Abbaan taayitaa Telekomunikeeshinii Laayibeeriyaa waan jedhe, rakkoon kun kan dhalate keebilii qunnamtii bishana jalaa Africa Coast to Europe (ACE) jedhamurratti rakkoo mudateen tahuu hime.
Gaanaatti ammoo Abbaan Taayitaa Komunikeeshinii Biyyaalessaa (NCA) akka jedhutti, rakkoo dhalate kanaaf sababni keebiliin galaana jalaa miidhamuudha.
Dhaabbanni Cloudflare marsaalee hawaasaarra odeeffannoo maxxanseen: rakkoon intarneetii Gaambiyaa, Giinii, Laayibeeriyaa, Ayivoorii Koost, Gaanaa, Beniin fi Nijeeritti mudateera.