Yaadannoo Bara Haaraafi jireenya buqqaatootaa

Madda suuraa, Getty Images
“Isa qabuuf ayyaana malee isa hinqabneef maal ayyaanaree? Yoo argame boqqoolloo akaawame nyaannee buluunuu nuuf waan guddaadha” jedhan harmeen Benishaangul Gumuzii buqqa’anii magaalaa Mandii jiraatan Aadde Abbaayinash Galataa.
Ayyaana waggaa keessatti barri haaraan guyyaa hawwiin eegamu, kan firri dhiyoofi fagoo baga geessan jedhee itti wal gaafatu.
Akkasumas, kan namni wal yaade itti wal arguufi Gammachuu isaa waliin itti qooddatudha.
Ayyaanni bara haaraa immoo ayyaanawwan Itoophiyaa keessatti uummata hedduufi bifa hoo’aan kabajaman keessaa tokko.
Waqtiinsaa kunis kan kutaalee biyyattii heddutti sululaa fi gaarreen jiidha, lalisaafi ililliin itti uuwwifamanii fooliin ayyaanaa miira addaa itti uumuudha.
Kunneen ayyaanicha kabajan hanga humna ofii dhangaa gaarii qopheeffatu, kunneen maatiirraa fagaatanii jiraatan gara maatiitti imalu.
Kan qaamaan wal arguuf hin milkoofne immoo bilbilaan ergaa bara geessanii dhaammatu.
Haata’u malee kutaaleen hawaasaa ayyaana bara haaraa kana akka hawwiifi fedhiisaanii osoo hintaanee rakkinaafi miira gaddaan dabarsanis ni jiru.
Si’a lama buqqaane
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aadde Abbaayinash Galataa abbaa warraafi ijoollee isaanii torba waliin godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Mandii keessa jiraatu.
Bara 1990 gara naannoo Benishaangul Gumuz ijoollee durbaa ta’anii deemuu kan himan Aaddee Abbaayinash, godina Kamashii magaalaa Seedaal keessatti hojiiwwan garagaraa hojjechuun jireenyasaanii fooyyessuu himu.
“Achi dhaqeen mana nyaataa bane. Haalli mana nyaataa babal’atee guddannaan mana nyaataa waggaa sadiif dhiisee jallisii bishaaniirra kuduraafi muduraa hojjedhe,” jedhan.
Turtiisaanii magaalaa Seedaaliin gaa’ela godhatanii ijoollees horatan. Haata’u malee rakkoon nageenyaa bara 2011’tti magaalichatti mudate jireenyasaanii duubatti kan deebisu ta’e.
“Bara 2011 qabeenya jiru, wanta qabnu hundumaa nusaamanii harka keenya duwwaa lubbuun baanee galle,” jechuun taatee bara sanaa himu.
Waggaa tokko booda bara 2012tti tumsa mootummaatiin gara aanaa Seedaalitti deebi’uun jiruu lammataa kan eegalan maatiin Aadde Abbaayinash, ammas turtii waggaa tokko booda bara 2013‘tti magaalichaa buqqa’uuf dirqaman.
“Ammas dubbiin gadheen kaatee bosona keessa halkan sadii fi afur bullee lubbuun baanee galle,” jedhan.
Baqatanii gara magaalaa Mandii erga deemanii boodas mana kireeffatanii hojii humnaa hojjechaa jiraachuu eegalan.
Yeroo kana garuu jireenyi akka yeroo magaalaa Seedaal turan osoo hintaanee kan rakkoon guutame ta’e.
“Addana Mandii gaafa dhufnummoo kiraa fudhannee mana namaa gallee waanuma arganne hojjennee mana kiraa kaffalla. Wanti nyaatamu cimee, jireenyi cimee baay’ee rakkina guddaa keessa jirra,” jedhan.
Waggoota manaafi qe’ee isaaniitii buqqa’anii dabarsan kunneenitti jiruun guyyuu isaanis ta’e haalli ayyaana waggaa itti kabajan rakkinaan kan guutame ta’uu Aadde Abbaayinash dubbatu.
“Erga waggaa afurii waanuma ayyaanni waggaa fakkaatu osoo hin argin jirra. Qallee nyaachisuu mitii argannee nyaachuuyyuu erga dadhabnee waggaa afur ta’eera,” jedhan.
'Guddaan hafee hindaaqqooyyuu hin bitanne'
Ga’eessi umurii waggaa 45 nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan, godina Wallagga Bahaa aanaa Kiramuu magaalaa Haroo keessa dhalatanii guddatan.
Namni kun abbaa ijoollee torbaa yemmuu ta’an qonnaafi hojiilee biroo hojjechuun ofiifi maatii saanii jiraachisaa akka turan BBC’tti himan.
Haata’u malee Fulbaana bara 2014 haleellaa hidhattoonni Faannoo magaalaa Haroo irratti bananiin qe’eefi jiruu isaanii dhiisanii gara magaalaa Kiiramuutti baqatan.
“Ani maatiikoo waliinan buqqa’e. Namni mana kiraa tola nuuf kennee waggaa tokko keessa erga jiraannee booda jireenyi qaala’e jennaan mana sana nurraa fuudhee kiraa kenne. Ani maatiikoo duukaa birrii 500niin kireeffadheen jiraachaa jira,” jedhan.
Hojii humnaa hojjechuun maatii isaanii akka jiraachisan kan himan abbaan kun, haalli yeroo ammaa ayyaana waggaa itti dabarsaa jiran kan isaan aarsu, mufachiisuufi miira hamaa keessa isaan galchu ta’uu himu.
“Re’ee tumaalessa yookiin jibicha tokko qalannee maatiikoo waliin fira waamnee gammannee jiraanna ture. Har’a garuu ayyaana dhufu kanaaf hindaaqqooyyuu hin bitanne,” jedhan.
“Daamaraa daamarree, ibsaa ibsinee, achitti qalama. Asheetnillee achumatti dhufee kabajaa turre. Amma garuu asheenni (boqqoolloo) mukti sadi birrii 100dha. Maatii bal’aa kana duuka re’ee qaluu, hoolaa qaluu dhiisiitii isumayyuu bittee nyaachuun ni ulfaata,” jechuunis haala keessatti argaman himu.
'Isa qabuuf ayyaana malee isa hinqabneef maal ayyaanaree?'
Ayyaanota waggaa keessaa ayyaana bara haaraa haalaan kabajaa akka turan kan himan Aadde Abbaayinash Galataa, ofirra darbanii namoota harka qalleeyyii uffata uffiisaafi nyaata nyaachisaa akka turan himu.
“Ayyaana waggaa naqannee, qalannee, ollaa waammannee, kan rakkatan harka qalleeyyii waamnee, nyaachifnee, obaafnee, waliin nyaannee dhugnee waaqeffannee oolla ture,” jedhan.
Haata’u malee waggoota afran darbanitti kaanif gochuu mitii maatii ofiif wantoota bu’uuraa dhiyeessuun akka itti ulfaate himu.
“Isa qabuuf ayyaana malee isa hinqabneef maal ayyaanaree. Yoo argame boqqoolloo akaawame nyaanee buluunuu waan guddaadha. Akka duriitti wanti nyaatamu hinjiru,” jedhan.
“Yoo xinnaate wayyaa bitannee, qalannee, farsoo naqannee, buna danfisnee, hiriyaa keenya waamnee wajjiin oollu yaadanna. Yeroo teenyu nutti dhagahama. Ayyaana waggaayyuu nutti hin fakkaatu, waan nutti dhagahamuuf baay’ee sammuutti nubu’a,” jechuunis miira yeroo ammaa keessa jiran himu.
Gama biraatiin qe’eefi oyiruu isaaniitti deebi’anii ayyaana waggaa akka duriitti gammachuun dabarsuuf tumsi mootummaa akka barbaachisu abbaan warraa aanaa Kiiramuu magaalaa Harootii buqqa’anii magaalaa Kiiramuu jiraatan himu.
“Mootummaan tarkaanfii fudhatee, meeshaa seeran alaa biyya kana keessa naanna’u to’atee, namoota seeraan ala ajjeechaa lubbuu fi saamicha qabeenyaarratti bobba’an to’atee kan tasgabbeessu yoo ta’e biyya keenyatti deebinee oyiruu keenya facaafannee jireenya keenya duriitti ni deebina kan jedhu abdii qabna,” jedhan.
Hangasitti garuu “namoota iddoo yaaddoo malee jiraatanii of danda’anii ayyaana kabajataniif ayyaana gaarii jechuun ergaa dabarsa,” jedhan.












