Buqqaatota Horroo Guduruu keessaa dubartiin sadi deessee fi kaan maal keessa jiru?

Madda suuraa, Feesbuukii Habtaamuu Lamuu
Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaatti namoota gandoota aanaalee Amuruu fi Jaardagaa Jaartee keessaa buqqa'uun magaalaa Shaambuu qubatanii jiran keessaa dubartiin tokko altakkaatti daa'imman sadii da'uu Hoogganaan Buusaa Gonofaa Godinichaa ibsan.
Obbo Amdihuun Nuuruu akka jedhanitti buqqaatonni kumaatamaan lakkaa'aman magaalaa Shaambuu keessatti mooraa Yuuniversitii Wallaggaa kaampaasii Shaambuu, buufata konkolaataa fi iddoo Jaanmeedaa jedhamu qubsiifamanii jijru.
Kanneen mooraa buufata konkolaataa keessa qubatanii jiran keessaa dubartiin tokko daa'ima sadi lakkuu akka deesse BBCtti himan.
''Warra buqqaatotaa keessaa dubartiin tokko altakkaatti sadi deesseetti. Nutis waan isheen ijoollee irra ciibsituu fi waan daa’imman dhalataniif gootu kennineef. Firaashii fi nyaata daa’imaaf ta’u- CSB kaleessa ishee degegarre.''
Namoota sababa rakkoo nageenyaan Aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuruu irraa buqqa’anii magaalaa Shaambuutti baqatanii jiran buufataalee sadirra jiru kan jedhan Obbo Amdihuun, ''dubartiin kunis namootuma qe’eesaaniirraa buqqa’anii gargaarsaan jiraatan keessaati,'' jedhan.
''Isheen warra buufata konkolaataa keessa qubatanii jiran keessaati. Gaafa ciniinsuun ishee jalqabu hospitaala deemteetti.''
Namoonni suuraa daa’imman sadan altakkaatti waliin dhalatan miidiyaa hawaasaarratti maxxansuun, dubartiin haadha daa’immanii taate kun haala rakkisaa keessa jiraachuu fi birmannaa akka barbaaddu barreessu.
Obbo Amdihuun akka jedhanitti, ''Isheenis akkuma nama kamii hospitaalatti wal’aansa argattee deesse. Malee rakkoo hamaa keessa taatee karaarratti miti kan deesse.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkaataa barbaadametti ta’uu baatus waan kuusaa keessaa qabnuun dursa kennineefii deeggarreerra jedhu Obbo Amdihuun.
''Waan isaan ittiin jiraatan bakkumasaan qubatanii jiranitti karaa koreesaaniif dhaabbateetiin geessina. Rakkoon inuma jira. Garuu gidiraa hammaataa keessa miti kan jiran.''
Ergasiis daa’imman sadanuu, haatis fayyummaansaanii sadarkaa gaariirra jiraachuu himan.
Kanneen buufataalee sadan keessaa qubatanii jiran keessaa kuma 10 kan caalan qe’ee irraa buqqa’anitti deebi’aniiru jedhan Obbo Amdihuun.
''Amma namoota muraasa kan buufata sadeen irrattiyyuu hafanii jiran. Kaan ammoo gidduuma deddeebi’u. Dhaqanii hojiisaanii hojjetatanii kan as deebi’anis jiru. Hedduun ammo guutumaatti deebi’aniiru. Baayyinni namaa akka duraan buqqa’aniii dhufan sana miti.''
Haalli nageenya naannoo sanaa akka isa duraa hammaataa miti kan jedhan Obbo Amdihuun, magaalotaa fi handaara magaalotaa humna nageenyaa mootummaa ga’aan jira jedhu.
''Baadiyyaa baadiyyaa keessa finxaaleyyiin fiixee lamaanirraayyuu jiru,'' jedhan, hidhattoonni Shanee fi finxaaleyyii Amaaraa jechuusaaniiti.
''Magaalota keessa garuu rakkoo hammaataan hin jiru. Caasaan mootummas ni jira. Gaggeessitoonnis jiru. Uummannis amma deebi’ee sodaa keessaa ba’ee gara hojiitti deebi’eera,'' jedhan Obbo Amdihuun.
''Kanaan dura hoteellis, bakkumti waa bitataniyyuu barbadaa’ee ture. Amma magaalota keessatti kan duraarra hedduu fooyya’eera. Namni bakka waa bitatee nyaatu qaba amma.''
Sababa haleellaa jiraattonni finxaaleyyii Amaaraatiin irratti raawwachuu himataniin, godinaalee Wallaggaa Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa irraa kumaatamaan kan lakkaa’aman qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’anii, magaalota akka Shaambuu, Giddaa Ayaanaa, Naqamtee fi kaan keessa qubatanii jiru.
Qondaaltonni godinaalee kunneenii baayyinni namoota buqqa’anii humnaa ol ta’uu eeruun birmannaa gaafataa turan.
Deeggarsa godhamuu qabu isa hafetu caala
Hoogganaan Buusaa Gonofaa Godina Horroo Guduruu Obbo Amdihuun, buqqaatonni kun hundi hanga yoonaa gargaarsaan turuu isaaniif qaamolee mootummaa, miti-mootummaa fi namoota dhuunfaan deeggarsa taasisaa turan galateeffatan.
''Buqqaatiin qe’ee keenyatti waan haaraadha. Hawaasni godina keenyaa inumaa nama gargaaruu malee takkaa gargaarsaaf harka namaa eeggatee hin beeku. Waanti haaraan kun qormaata nutti ta’eera,'' jedhan.
Akka Obbo Amdihuun jedhanitti rakkoo isaan mudate kanaaf wayita birmannaa gaafatan jalqaba Buusaan Gonofaa naannoo fi federaalaa walta’uun deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee mana keessaa gara konkolaataa [tasaabii] 20 erganiif.
''Jalqaba mootummaatu nu deeggare. Ergasii dhaabbileen miti mootummaa, dhaabbileen UN akka OCHA, ICRC, World Vision, dhalattooti Oromoo biyya keessaa fi ala jiran nu cinaa dhaabbatan.''
Qaamoleen kunneen waan nu cinaa dhababataniif namoota kunneen deeggarree as ga’uu dandeenye jedhan.
Rakkoo meeqa keessa dabarree buqqaatota kunneen har’aan geenyeerra kan jedhan Obbo Amdihuun, namoota kunneen qe’eesaaniitti deebisnee bifa haaraan ijaaruuf deeggarsa guddaatu nu barbaachisa jedhan.
''Hawaasni keenya qe’eensaa gubateera. Sangaan jalaa fudhatameera. Oomishi duraa gubateera. Kanaafuu qotachuu qaba. Mana isa barbaachisa. Sangaan itti qotatan bitamuufii qaba.''
Rakkoo dabarsinerra kan itti aanutti birmannaa guddaa barbaada jedhan.
''Hanga ammaa hanga humna keenyaa waan hawaasa tokko jiraachuuf isa barbaachisu buqqaatota kunneeniif gochaa turreerra. Ogeessota fayyaallee buufataalee hundatti ramadneerra. Hospitaala wayita deeman bilisaan akka yaalamaniif kuppoonii qopheessineerraaf.''
Obbo Amdihuun buqqaatotaan walqabatee hojiiwwan dursi kennamuufii qaburratti xiyyeefatanii hojiietaa jiraachuu himan.
''Jalqaba dhimmi ijoon nageenya naannoo sanaa mirkaneessuu ture. Kun amma kan duraarra fooyyee qaba. Itti aansuun tajaajila hawaasaa barbadaa’e keessaa wantoota xixiqqoo ijaruurraa eegaluuf deeggarsa gaafanne. Tajaajila hawaasaaf kan oolan kanneen akka mana fincaanii ijaarsisuu, qe’ee namootaa barbadaa’e ijaarsisuu dhaabbilee garaagaraa gaafanneerra. Karaa World Vision pirojektii tokko nuuf eeyyamaniiru,'' jedhan.
''Kaleessarraa eegalanii Aanaa Amuruu fi Jaarteetti hojii eegalaniiru. Kanaa qofaa osoo hin taane uummata qe’eensaa barbadaa’e deebisnee ijaaruuf deeggarsi guddaan akka nu barbaachisu gaafanneerra.’’












