Loltoota Biriiteniif dhorkaa ta'us Keeniyaatti daldaltoota saal-qunnamtiif kaffaluun fayyadamaa jiru

Loltoonni lamaa qiyyeeffatanii

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Biritish Keeniyaatti buufata leenjii qaba

Loltoonni Biriteen buufata leenjii falmisiisaa Keeniyaa keessatti argamu keessaa muraasni isaanii dhorkaan irra kaa'amullen ammalleen hojjattoota saalquunnamtiitti fayydamaa jiraachuusaanii qorannoon waraanni Biritish taasisee adda baaseera.

Loltoonni Buufata Leenjii Waraanaa Biritish Keeniyaa keessaa (Batuk) jedhamee beekamu keessatti argaman haala ''sadarkaaa gadaanaa ykn jidduugalaatiin'' hojjattoota saalquunnamtiitti akka fayyadaman kan ibse gabaasichi, aadeeffannaa kana hambiisuudhaaf hojiin dabalataa hojjatamu akka qabu ibseera.

Qorannoon kunis waggaa lamaa oliif kan gaggeeffame yoo ta'u Adooleessa 2022 irraa kaasee yeroo jiru kan haguuguudha.

Qorannoon kunis amala loltoota Biritish Batuk keessatti argaman ilaalchisee qorannoo ITV Onkololeessa 2024 baase hordofee yoo ta'u, gabaasichi miseensoonni loltootaa tokko tokko dubartoota naannichatti argaman waliin quunnamtii saalaa raawwachuuf kanfaltii raawwatu himannaa jedhu kan hammate ture.

Dokumantarii ITV kun yaaddoo kanaan dura waa'ee Batuk erga bara 2012tti dubartii naannoo sana jiraattuu Agnas Waanjiru, loltuu Biriteen buufata kana keessa buufateen ajjeefamte jedhamteen booda hordofee kan hojjatameedha.

Ergasii as himannaan walduraa duubaan waa'ee gocha loltootaa bakka leenjii kanaa kan naannoo magaalaa Naanyukii kan magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii irraa gara kaabaatti fageenya km200 irratti argamtutti ka'aa ture.

Ministeerri Ittisaa UK bara 2022 keessa humnoonni isaa biyya laa hojjettoota saalqunnamtii akka hin fayyadamne dhorkee ture. Kunis qaama tattaaffii fayyadama saalqunnamtii fi miidhaa waraana guutuu keessatti raawwatamu to'achuuf taasifamaa tureti.

Hogganaan Olaanaa UK Jenaraal Siir Roolii Woolkar, waraannichi qondaaltoota sadarkaa olaanaarratti argaman akka saalqunnamtii hin hirmaanneef dhaabuuf kutannoo qabaachuu ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Argannoon Qorannoo Tajaajilaa ani ajaje, Keeniyaa keessatti ammalleen daldala saalqunnamtiin sadarkaa gadi aanaa hanga giddu galeessaatti raawwatamaa akka jiru adda baaseera. Kun ammoo tasumaa ta'uu hin qabu," jedhan.

"Waraana Biriteen keessatti saalqunnamtii fi miidhaa namootaa raawwatamuuf gonkumaa bakki hin jiru. Kunis loltuu Ingilizii ta'uun maal jechuu akka ta'e waliin guutummaatti wal faallessa. Namoota saaxilamoo ta'an adamsa, kanneen namoota miidhanii fi saaxilamoo irraa faayidaa argachuuf barbaadan fayyadamoo taasisa," jechuun dabalaniiru.

Qorannichis garee namoota afur; qondaaltoota waraanaa lamaa, hojjataa mootummaa tokkoofi gorsaa walabaa tokko hammatuun kan hojjatameedha.

Garichis amala miseensoota waraanaa Biriteen buufata Baatuk keessa buufatan akkasumas siran akka waraanichi saalqunnamtii dhorkameef akka hin kanfallee dhorkuuf qorateera.

Yeroo seerri kun itti bahee kaasee, loltoonni Batuk'tti argaman taateewwan 35 loltoonni saalqunnamtiif kanfalaniiru jedhamuun dhakkiin irratti ka'e gabaasicah keessatti tarreeffamaniiru. Yeroo sana keessatti loltoonni 7,666 ta'an kaampii sana keessatti tajaajilaniiru.

Gabaasichi akka mul'iseetti, taateewwan kanneen keessaa 26 Sadaasa bara sanaa osoo hojiirraa oolfamuu hin jalqabiin dura akka ta'e kan hubachiisu yoo ta'u, ergasii dhimmoonni sagal akka gabaafaman ibsa.

Irra caalaan himannaan loltoonni saalqunnamtiidhaaf kaffaltii raawwataniiru jedhu kunis gonkumaa hin mirkanoofne.

Kanneen gabaasa kana keessatti bal'inaan ibsaman malees, Waajjirri Dhimma Alaa BBC'tti akka himanitti, dhimmoonni loltoonni hojjettoota saalqunnamtii fayyadamaniiru jedhamanii lakkoofsi isaanii muraasni, shan gadi kan a'an yeroo ammaa qoratamaa jiru.

Taateewwan jedhaman kunneen kan mudatan erga qorannoon xumuramee booda ta'uu ibsameera.

Gabaasni kun akka jedhutti, leenjiin Raayyaa Ittisa Biyyaaf kennee fi tarkaanfiiwwan to'annoo hojiirra oolfaman illeen, dhugaan jiru "sochii daldala saalqunnamtii" hojjettoota UK Keeniyaa keessatti raawwataman ammalleeitti fufee akka jiru ibseera.

Itti dabaluuudhaanis, "sadarkaan irratti argamus gadi aanaa fi giddu galeessa" jedheera.

Gama biraatiin ammoo, miseensoonni paarlaamaa Keeniyaa, miidhaan loltoonni Batukiitti argaman ummata naannichaa irratti raawwataa jiru jedhame ilaalchisee qorannoo gaggeessaa jiru.

Miseensoonni paarlaamichaa namoota sababii amala loltoota \Biriteeniin miidhaan irra gahaa jira jedhame akkasumas gara biyyasaaniitti yeroo deebii'aa jiran ijollee lammiilee Keeniyaa irraa godhataniif kunuunsa taasisuu dhiisaniiru loltoota jedhamuun himannaan irratti dhiyaatee dhaggeeffataniiru.

Bara kana baatii Waxabajjii keessa loltuun kaampicha keessatti argamu tokko himannaa dirqiin gudeeduu irratti dhiyaateen wal qabatee gara Yunaayitid Kiingidamiitti akka deebii'u taasifameera.