Viidiyoo BBC'n dhoksaan waraabe dubartoota daa'imman daldala saal-qunnamtiif adamsan saaxile

Qorannoon BBC Afrikaa Keeniyaa keessatti dubartoonni 'madam' jedhamanii waamaman daa'imman umrii 13 fa'i qaban daldala saalqunnamtiif akka dhiheessan saaxile.
Suluula qiinxamaa Keeniyaa keessatti daandii Maay Maahiyuurratti konkolaattonni fe'isaa guyyaafi galgala imalan irra qaxxaamuru.
Konkolaattonni kunneen shaqaxaafi namoota guutuu biyyattiirraa fe'an gara Ugaandaa, Ruwaandaa, Sudaan Kibbaafi gara Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo geessu.
Magaalli magaalaa guddoo Keeniyaarraa 50km fagaattee argamtu kuni daldala saalqunnamtiin beekamti.
Magaalattiin bifa biraas qabdi – wiirtuu haleellaan saalaa daa'immanii itti baay'ataa jirudhas.
Qorattoonni eenyummaa isaanii dhoksan lama daldala saalqunnamtii keessa akka jiraniifi akkamiin 'madam' akka ta'an baruu akka dhufan fakkeessuun daldala saalqunnamtii magaalichaa qorataniiru.
Viidiyoon dhoksaa waraabame dubartoonni wanti isaan raawwatan seeraan ala akka ta'e beekan lama dubartoota umriin isaanii 18 gadi ta'an yeroo isaan wal barsiisan mul'iseera.
BBC'n ragaa walitti qabe hunda Bitootessa keessa poolisii Keeniyaaf kenneera.
Dubartoonni 'madam' jedhamanii beekaman yeroo sana eegalee gara bakka biraa akka deeman amana.
Poolisiin dubartootaafi shamarran BBC'n waraabe argachuu hin dandeenye jedheera.
Hanga yoonaa dhimmicha waliin walqabatee namni to'atame hin jiru.
Poolisiin himata akka banu ragaan daa'immanii isa barbaachisa. Daa'imman balaaf saaxilaman immoo yeroo baay'ee ragaa kennuuf baay'uma sodaatu.
Viidiyoon BBC halkan waraabe keessatti dubartii Niyaamburaa jedhamtu mul'isa.
''Ammallee daa'immanidha, waan mi'aawu kennaa isaan gowwomsuun salphaadha,'' jechuun yeroo kolfaa dubbattu mul'atti.
''Maa'I Maahiyuu keessatti daldalli saal qunnamtii madda maallaqaa ijoodha,'' jechuun dubbatti.
''Daa'imman umriin isaanii hin geenye amansiisuun waan balaa qabudha. Akkanuma ifatti gara magaalaa fiduun hin danda'amu. Dhoksaan kanan isaan baasu halkan keessa qofa,'' jechuun himti.

Seera yakkaa biyyattiin maallaqa daldala saalqunnamtiirraa argamuun buluun yakkadha.
Shamarraan umrii 18 gadi ta'an daddabarsuun waggaa kudhanii hanga umrii guutuu adabsiisa.
Niyaamburaan maamilonni ishee kondoomii fayyadamuu isaanii yeroo gaafatamtu yeroo baay'ee kondomii fayyadamuu isaanii akka mirkaneessitu, tokko tokko garuu akka hin fayyadamne dubbatti.
''Ijoolleen tokko tokko galii caalu argachuu barbaadu [kanaaf hin fayyadaman]. Tokko tokko [akka hin fayyadamne] dirqamu,'' jetteetti.
Yeroo biraa immoo dubartiin kuni qorattoota gara shamarran biroo geessiteetti.
Dubartiin kuni kutaa keessaa yeroo baatu qorattoonni oladeemtota kana qofaatti dubbisuu danda'aniiru.
Shamarran kuni guyya guyyaan haleellaa saalaaf akka saaxilaman dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shamarri tokko ''Takka takka namoota baay'ee waliin saal qunnamtii raawwatta. Maamiloonni waan amanuuf rakkattu akka raawwattu si dirqu,'' jechuun dubbatti.
Keeniyaa keessa hammi dubartoota daldala saalqunnamtii keessa akka seenan dirqaman meeqa akka ta'an ragaan dhihoo ta'e mul'isu hin jiru.
Gabaasa dhaabbati 'Giloobal Fand Tu Iind Moodars Isleevarii' jedhamu gabaasa bara 2022 baaseen kaawuntiiwwan Kiliifii Kiwaaletti, yoo xiqqaate daa'imman 2,500 ta'an dirqamanii daldala saalqunnamtii seenuu isaanii bira gaheera.
Dubartiin lammataa eenyummaa ishee dhoksite dubartii Cheptuu jettee of qaamtu argattee turte.
Dubartiin kuni daa'imman umriin isaanii hin geenye gurguruun ''galii jireenyaaf ta'u argachuudha'' jechuun dubbatte.
''Daldalli kuni seeraan ala waan ta'ef icciitii olaanaan raawwatte,'' jechuun dubbatti.
''Namni tokko dubartii akka barbaadan yoo dubbatan anaaf akka kaffalan isaanan gaafadha. Kanaaf jedhanii maamiloota yeroo hunda deddeebi'an qaba,'' jechuun himti.
Cheptuun shamarran afur ishee jala jiran agarsiisuuf qorattuu BBC gara kilaba tokko geessiteetti.
Dubartoota kana keessaa isheen xiqqoo gocha kana keessa yeroo seentu umriin ishee 13 akka ture dubbatti. Kaan immoo umriin isaanii 15 akka turan ibsaniiru.
Cheptuun akka dubbattutti, maallaqa dubartoonni kuni fidan keessaa tokko tokkoon isaaniirraa shilingii 3,000 seenu keessaa 2,500 isheef galii ta'a.
Yeroo kaan dubartiin kuni shamarran lama umriin isaanii hin geenye qorattuu BBC bira dhiisanii bahanii turani.
Shamarran kana keessaa tokko guyyaatti giddugaleessaan dhiirota shan waliin saalqunnamtii akka raawwattu dubbatti.
Saalqunnamtii kondomii malee raawwachuu yoo hin feene wanti mudatu maali jedhamtee gaafatamtee, filmaata biraa hin qabu jette.
''[Saalqunnamtii kondomii malee] raawwachuun qaba. Isaan ala nan ari'ama. Bakkan deemu hin qabu. Maatii hin qabu,'' jechuun deebiste.












