Dubartoonni hojii daldala saal qunnamtiirra jiran hedduun hiriyyootakoo ta’aniiru – Gazexeessituu Soosinnaa

Madda suuraa, BBC Tigrigna
Magaalaa Finfinneetti dhalattee kan guddatte Soossinaan hojii gaazexeessummaa erga eegaltee as dhimma HIV fi fayyaa sirna wal hormaataa irratti hojii hedduu hojjeteetti.
Keessumaa Yunivarsitii Joons Hopkiins jalatti gama wiirtuu odeeffannoo AIDS’tiin “Sagantaa Raadiyoo Beetanyaa” jedhamu wagga hedduuf qindeessiteetti.
Dhaggeeffatoota biratti jaallatamaa kan ture sagantaan kun odeeffannoo HIV/AIDS waliin wal qabatan hawaasaaf dhiyeessuun tatamsa’ina vaayirasichaa hir’isuuf gumachaa taasiseera.
Waaggooti kudhan deeggarsi maallaqaa HIV’f kennamu guddaa hir’isuu isaa hordofee garuu sagantaan raadiyoo Beetanyaa addaan cite.
Yunvarsitiin Joons Hoopkins, qindeessitoonni fedhii yoo qabaatan maqaasaa fayyadamuu akka danda’u yemmuu ibsu, sagantaan raadiyoo kun addaan cituu isaatti gadditee kan turte Soosinnaa Tasfayee carraa kanatti fayyadamuuf murteessite.
Dhaabbata Irkaataa Miidiyaa jedhamu hundeessuun, ispoonsaroota adda addaa waliin ta’uun sagantaa Raadiyoo Beetanyaa dhiyeessuu itti fufte.
Soosinnaan sagantaa kana irratti qophiilee keessuma durbartoota hojii daldala saal qunnamtiirraa jiran irratti xiyyeeffate dhageeffatootaaf dhiyeessiti.
Dhimmoota HIV, karoora maatii ykn maloota ulfa ittin ittisan irrattis qophiiwwan ni dhiyaatu.
Amaariffa, Afaan Oromoo fi Afaan Somaleen kan qophaa’u sagantaan kun, bakka lamatti qoodamuun, kutaa jalqabaan dubartoonni hojii daldala saal qunnamtiirra jiran seenaa isaanii dhugaa ta’e himu.
Seenaa kanatti aanee kutaan mariiwwan dhimma fayyaa tokko irratti hubannoo bal’isan, akkasumas odeeffannoofi yaada ogeessota fayyaa kan qabatetu dhiyaata.
Sagantaa kana kan qopheessitu Soosinnaan, sababa hojii isheen dubartoota hojii daldala saal qunnamtii irratti hirmaatan hariiroo cimaa uumuushee himti.
Jalqaba irratti waldaalee dubartoota daldala saal qunnamtii irratti hojjetaan waliin ta’uun dubartoota seenaa isaanii dhugaa hmuu barbaadan argachaa turte.
Suuta suuta garuu “dubartoota kana walin walitti dhiyeenyiifi hiriyyummaan ani qabu bal’achaa dhufee… bakka isaan jiraatan baruun eegale,”” jetti.
Dubartoota hojii daldala saal qunnamtii keessa jiran kan Chichiniyaatii hanga Daatsanitti, Doroo Maaneqaatii hanga Markaatoo Atoobis Taariittti, akkasumas naannaa Shoolaa jiraataniifi hojjetan barte.
Daldala saal qunnamtii seenaa sodaachisaan guute
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Nageenyi dubartoota daldala saal qunnamtiirratti hirmaatanii yeroo hunda balaarra jira jetti Soosinnaan.
Waayilootni dhugaatiifi baalaa nama adoochu fayyadaman, kan nama reeban, kaaffaltii taasisuu dhisuuf kan falman argachuun mudannoo guyya guyyaadha.
“Dubartittin dhugaatiin sammuushee laaffistee hojiishee waan hojjettuuf, inni dhiiraas dhugaatii fi baala sammuu hadoochan adda addan of wallaalee gara dubartoota kanaa waan deemuuf, wal reebuufi, qaamarra miidha geessisuu ykn hir’isuun ni jiraata. Kanarraa kan ka’e jireenyi kun baayyee hamaa ta’uusaa taajjabeera.”
Dubartoonni hojii daldala saal qunnamtiirratti hirmaatan tokko tokko uleen akka reebaman, iji isaanii akka bade ykn qaamni isaanii akka hir’ate isheetti himu.
Hojii kana irratti “ dubartoota lubbuun isaanii darbe beeka” jechuun dubartii ajjeefamtee gatamte tokko akka fakkeenyatti himteetti.
“Dhirootni gara bakka fagoo gara bosonaatti isaan fuudhani deemu. Dubartoonni hedduun tuuta dhirootaan gudeedamu. Dhirri tokko hasofsiiseeni, dhirootni torba saddeet ta’anii ittiin taphatu. Isaan reebu. Kanaaf sababa Kanaan dubartii lubbuun ishee darbe beeka.”
Dabaluunis “ hojii kana yeroo dheeraaf hojjetee HIV’n qabamtee.. balbala ishee cufattee yeroo dheeraaf erga teesse booda dubartii duutee argamte beeka,” jechuun seenaa gaddisiisoo hedduu dhaga’uushee himti.
Dubartoonni hojii daldala saal qunnamtii iratti bobba’an waayiloota bifaafi amala adda addaa ta'an qabu.
Ol adeemtoonni, dargaggoonni, maanguddonni, kan haadha warraa qaban, kan haadha warraa hin qabne, kan baratan, kan hin baranne, hundi isaanii dubartoota daldala saal qunnamtiirratti hirmaatan kana bira ni dhufu.
“Gama maallaqaan yemmuu ilaaltu ammo gara dadaltuu saal qunnamtii kan deemu hiyeessa kophee shaphatii kaawwatuuti eegalee hanga tujaaraadha,” jetti Soosinnaan.
Soosinnaan bara gaazexeessummaa isheetti wanti isheen hubatte inni biraan dhimma lakkoofsi dubartoota gara hojii daldala saal qunnamtiitti seenanii dabalaa dhufuu isaadha.
“Gosti isaammo heddu ta’eera. Fakkeenyaaf hojii mootummaa hojechaa akkasumas galii dhaabbataa ofii qabaatanii dubartoota gara hojii daldala saal qunnamtii irratti bobba’an argadheera,” jechuun hojii kana akka madda galii dabalataatti itti fayyadamaa jirachuu himti.
Dabaluunis Soosinnaan daldalli saal qunnamtii hojii dhiya aduu eeggatee hojjetamuu ta’uu dhiseera jetti.
“Amma akka dubartii guyyaan waajjira seentu mana jireenyaaf kireeffatan keessa korojoo isaanii qabatanii, ijoollee isaani gara mana baruumsaatti gaggeessanii, saal qunnamtii daldaluuf dubartoonni gara mana hojii kanaaf kireeffatanii deeman jiru.”
Dubartoonni kun guyyaa saal qunnamtii daldalaa oolanii galgala gara ijoollee isaanii akka deebi’an ibsiti.
Kanaarra darbee ammo “ gara bakkeetti ba’uun utuu isaan hin barbaachisiin, galgala utuu qorri isaan hin rukutiin, mana isaanii taa’anii interneeta barri fideen dubartoota hojii kana hojjetan beeka,” jetti.
‘Baalukkaa’ fi ‘Laadaa’
Dubartoonni hojii saal qunnamtii irratti bobba’an hedduun ‘baalukkaa’ qabu jetti Soosinnaan
‘Baalukkaa’ jechuun dhiiroota dubaroota kanaaf akka eegaattis akka dhirsaattis tajaajilanidha.
Bakkeewwan dubartootni kun hojjetan keessa naanna’uun dhiirota isan qoccolan ykn rakkisan irraa isaan eegu.
Dhiirotni baalukkaa jedhaman kun dubartoota akka hiriyyatti qabatan kanaan ‘Laadaa’ jedhanii wwamu. Maallaqa dubartiin kun argattu irraa fayyadamtoota waan ta’aniif akka taaksii kontiraataatti guyyaatti madda galii isaanii taati.
Baalukkaa fi Laadaan wal qunnamtii saalaa yemmuu taasisan kondomii hin fayyadamani.
“Maalima waliin koondomii yoo fayyadamte, ana waliin akkamiin koondomii fayyadamta?” jechuun akka tole ishee jechisiisan Soosinnaan ni himti.
Soosinnaan yeroo hedduu sagantaa raadiyoosheef waltajjii marii ni qopheessiti. “ Dubartoota afur ykn shan waliin gaaffif deebii yoon taasise isaan keessa sadii ykn afur HIV qabu,” jetti.
Ta’us filannoo waan dhabaniif vaayirasichi dhiiga isaanii keessa akka jiru utuu beekanii yaadda’aa akka hojiicha hojjetan himti.
Dubartoonni kun dhiiga isaanii keessaa HIV akka qaban yoo himaniyyu baalukkan tokko took isaan hin amanani.
“Haa ta’u rakkoo hin qabu” kan jedhanis jiru.
“Dubartiin kun HIV qabaattee dhiistee, wal baruufi yeroo waliin dabarsuun baayyachaa dhuufuun koondomii malee saal qunnamtii taasisuun itti fufa,” jetti Soosinnaan.
Rakkoonsaa garuu hariiroon dhiirota baalukkaa ta’an kanaa dubartii daldala saal qunnamtii hojjettu kana wajjiin qofa miti. Naannoo adda addaatti dubartootni hojii kana hojjetan kan akka jaalalleetti isaan qabaatan ni jiraatu.
Hunda isaanii waliin ammo koondomii malee wal qunnamtii saalaa taasisu. Kun ammo vaayirasicha tatamsaasuu irratti ga’ee guddaa akka qabu himti.
Dubartoonni hojii daldala saal qunnamtii hojjetan kan Soosinnaan hojii ishee irratti barte, dargaggoonni hedduun koondomii fayyadamuu akka hin barbaadne akka itti himan ibsiteetti.
“HIV’n hin jiru jedhanii kann amanan xinnoo miti. Maallaqa guddaa kaffalanii, dhiirotni koondomii malee saal qunnamtii haa raawwanu jechuun kann rakkisan, kann doorsisan, utuu saal qunnamtii raawwachaa jiranii kan koondamii uran ykn baqasan, suuta jedhanii kann ofirra baasan jiru,“ jechuun qaawwaa maamiltoota bira jiru ibsiteetti.
Sagantaa raadiyoosheen maal maal hojjete?
Kaayyoon sagantaa Beetanyaa, dubartoota gara daldala saal qunnamtiitti seenuuf qaxxisaniif, seenaa dhugaa dhiyeessuun jireenyi kun hagam hamaa akka ta’e akka bekaniifi dubartoota jireenya sana keessa jiran irraa akka baratan taasisuudha.
“Inni biraan dubartoonni hojii kantti bobba’an jireenya kana keessaa ba’uun akka danda’amu, koondamii fayyadamuun barbaachisaa akka ta’e, dhimmi HIV yaaddeessaa ta’uu” wal barsiisuuf eyyamamoo ta’u.
Dabalataan ammo dhaggeeffatoonni seenaa isaanii dhaga’an tokko tokko deeggarsa ni taasisuufi.
“Ani isheen gargaara, ani jireenya kana keessaa isheen baasa jechuun biyya keessaas biyya alaatiis lammileen bilbilan jiru,” kan jettu Soosinnaan, dubartoonni saganticha irratti dhiyaatan hedduun deeggarsa maallaqaa jireenya isaani ittin geeddaran argachuu isaanii ibsiteetti.
Deeggarsa argataniin daldala buddeena, shaayiifi buna ykn nyaata biroo hojechuu kan jalqabaniifi hojii xixxiqoo birootti kan bobba’an muraasa miti.
Keessumaa yeroo weerara Covid-19 tti dubartoonni daldala saal qunnamtii irratti bobba’anii turaniifi ijoollee lama sadii qaban hedduun rakkoo guddaaf waan saaxilamaniif bilbilanii “waan nyaannu dhabne” akka isheen jechaa turan ni yaadatti.
Soosinnaan haalaa gaddisiisaafi rakkisaa ta’e kana saganticha irratti dhiyeessuun mala isaan ittiin gargaarsa argatan mijeessiteetti.
“Yeroo sana waliif gadduun wal gargaaruun dabalee ture, dubartoonni 300 ta’an gargaarsa dhaabbataafi yeroof ta’u argatanii turani. Zayitaarra jalqabee hanga kan sirritti deeggarsa maallaqa argatan, dubartooni yeroo Covid-19’tti jireenya kana keessa ba’anii hanga ammaattis jireenya kana duubatti deebi’aniii hin ilaalle jiru,” jechuun gargaarsa xiqqoo yoo argatan kan daldala saal qunnamtii keessaa ba’an hedduu akka ta’an ibsiteetti.
Seenaa saganticha irratti dhiyaatan dhaga’uun “na ga’e” jechuun dubartoonni murteessanis jiru.
Kanarra darbe sagantichi seenaatiinis ta’e mariin wa’ee HIV fi caalatti ammo wa’ee barbaachisumma koondomii fayyadamuu irratti odeeffannoo waan keennuuf, tatamsa’in vaayirasii kanaa hir’isuu irratti ga’ee guddaa akka qabu Soosinnan ni amanti.
Gara fulduraatti ammo guutumma guutuutti “buufata raadiyoo fayyaa irratti xiyyeefate” eegaluuf yaaddi.












