Sababoota kudhan Tiraampi ykn Haaris filannoo pirezidaantummaa mo'achuu danda'an

Kamalaa Haarisii fi Doonaaldi Tiraampi

Fiigichi gara Waayit Haawus xumura argachuuf guyyaa tokko qofatu hafe. Tiraampii fi Haaris gara isteetota murteesso deemuun duula isa dhumaa gaggeessaa jiru.

Sagaleen argataa jiran baay'ee walitti dhiyoo tahuu agarsiisa, Tiraampii fi Haaris sagalee lamaa fi sadiin akka wal caalan agarsiisa. Kun ammoo filannicha mo'achuuf gahaadha.

Mee pirezidaantii fiannoo tokko mo'amee deebi'ee filatamuun waggoota 130 booda seenaa haaraa galmeessuu danda'u irraa haa jalqabnu.

Tiraampi mo'achuu danda'a, sababni isaas

1- Aangoo irra waan hin jirreef

Dinagdeen dhimma murteessaa filattoonni irratti xiyyeeffatanidha. Hojii dhabdummaan xiqqaa tahus gabaan istook marjetii haalaan dabalaa jira. Irra caalaan Ameerikaanotaa garuu qaala'insa jireenyaan rakkataa jiru.

Qaala'insi jireneyaa erga bara 1970 as sadarka irra gahee hin beekne irra gaheera.

Tiraampi ''jireenyi keessan ammaa isa waggaa afur dura ture caalaa fooyyee qabaa?'' jechuun gaafachuu danda'a.

Adunyaa irratti filannoo bara 2024 gaggeeffame irratti filattoonni sababa qaala'insa jireenyaa fi rakkina weeraraan booda dhufeen paartii aangoorra jiru sagalee isaaniin aangoo irraa buusaniiru.

Lammiilee Ameerikaa harka afur keessa aharka tokko tahan haala dinagdeen biyyattii irra jiru irratti ilaalcha gaarii qabu. Lama sadaffaa kan tahan garuu aalli dinagdee biyyattii irra jiru isaan yaaddessa.

Haaris kaadhimamtuu jijjiiramaa tahuuf dhama'aa jirti. Garuu Ameerikaanota biratti hedduu kan hin jaalatamne Baayiden irraa of fageessuun hedduu isheetti ulfaateera.

2. Oduu hamaadhaan waan miidhamu hin fakkaatu

Hookkara Kaappititol Hiil dabarsa aango waliin wal qabatee bara 2021 mudate, himata aangoo irraa fonqolchuu fi himata yakkaa irratti dhiyaataa tureen deeggarsi Tiraampi 540 isa isaa ol tahuun waggaa guutuu turuun homaa waan hir'ate hin fakkaatu.

Dimokiraatotaa fi namoonni sirna durii leellisan ''gonkumaa Tiraampi'' jedhan Tiraampi pirezidaangtummaaf gahumsa hin qabu jedhanis irra caalaan Rippaabilikaanotaa garuu himata Tiraampi kaayyoo siyaasaaf jecha maqaa na baleessuu jedhuun waliigalu.

Sagalee muraasa namoota hanga ammaatti eenyuf akka sagalee isaanii kennan hin murteesine irraa argachuu qaba.

3. Akeekkachiisa godaantootaaf

Dinagdeetiin olitti dhimmi godaantotaa qabxii ijoo sagalee ittiin argatanidha. Rippaabilkaanotaaf ejjennoon godaantota irratti qaban sagalee argachuuf murteessaa yoo tahu, Dimokiraatonni ammoo dhimma ulfa baasuu irratti ejjennoo qabaniin sagalee argachuuf yaadu.

Baayiden jalatti lakkoofsi godaantotaa karaa daangaa seenanii rikardii haaraa irra waan gaheef filattoonni dhimma kana irratti irra caalaa Tiraampiin amanu.

4.Uummata bal'aa xiyyeeffannoo hin arganne fi digirii hin qabne

Imaammanni Tiraampi hawwaasa bal'aa dagatamanii fi duubatti akka hafan yaadaniif filannoo gaarii tahee mul'ateera.

Kun siyaasa Ameerikaa haalaan kan jijjiire yoo tahu, Waldaa Hojjettootaa miseensa guddaa qabu akka Rippaabilkaanotaaf deeggarsa kennan taasiseera.

Tiraampi taarifa guddaa kaampaanota alaa irratti dabarsuu indaastiriin Ameerikaa akka fayyadamu taasisuun beekama.

Yoo duula isaa gara baadiyaa fi qarqara magaalotaatti itti fufe Ameerikaanota digirii qabanii fi kolleejjii galan irraa deeggarsa argachuu mala.

5. Adunyaa raafamaa jirtu keessatti gaggeessaa jabaa fakkaata

Namoonni Tiraampiin qeeqan mootummoota Abbaa Irree jala deemuun ejjennoo Ameerikaan michoota ishee waliin qabdu miidhaa jira jedhu.

Pirezidaantiin duraanii kun ammoo ejjennoo isaa baramuu dahabuu fi fafakkachuu isa akana akka ciminaatti fudhata.

Kanaafis yeroo bulchiinsa isaa keessa adunyaa irratti waaana jabaan Ameerikaa hirmaachise akka hin jirre eera.

Ameerikaan doolaara biliyoona hedduu Israa'elii fi Yuukireeniif erguutti hedduu aaru.

Baayiden jalatti Ameerikaan dadhabduu taateetti jechuun amanu.

Irra caalaan filattoota Ameerikaa keesumaa warri dhiiraa Tiraampi hogganaa jabaadha jechuun amanu.

Haaris mo'achuu dandeessi, sababni isaas....

1. Isheen Tiraampi miti

Tiraampi akkuma carraa qabutti tahee gaggeessaa finxaalessummaan beekamu jedhamee ilaalama.

Bara 2020 Rippaabilikaanotaaf sagalee miliyoonota argachuun mo'atee ture, garuu sababa lammiileen Ameerikaa miliyoona torba tahan Baayideniin deeggaraniif mo'ame.

ma Haaris yoo Tiraampi deebi'e maaltu uumama sodaa jedhuun taphataa jirti.

Isheen ''Faashistii'' jechuun isa waamti. Kanaaf sirna dimokiraasiif balaadha jettee amanti.

''Diraamaa fi jeequmsa'' irraa walaba tahuu qabna jechuun dhaadatti.

Waxabajji keessa Rooyitarsi filannoon dura sagalee walitti qabeen lammiilee Ameerikaa shan keessaa afur Ameerikaan to'annoon ala taateetti jedhu. Haaris lammiilee Ameerikaa walaba tahanii fi Rippaabilkaanota ejjennoo laafaa tahe qaban akka carra isheef kennaniin ilaalan gaafatti.

2. Isheen Baayiden miti

Yeroo Baayiden filannoo keessaa of baase Dimokiratonni mo'amuu gahanii ture.

Tokkummaan dhaabatanii Tiraampi mo'achuuf Haaris waliin hiriiruu filatan.

Yeroo gabaabaa keessatti ergaa jajjabaa dabarsuun deeggartoota ishee gammachiifte.

Rippaabilkaanotni gaggeessaa hedduu hin jaalatamne imaammata Baayidenitti ishee hidhanis, isheen qabxiilee ittiin qeeqan sana jijjiirtee duula gaggeessaa jirti.

Isaan keessaa tokko umurii yoo tahu, Baayiden umuriin isaa gaggeesummaa guddaa kanaaf hin madaalu kan jedhudha. Isheen kana hanbisuun amma Tiraampitu pirezidaantii dulloomaa Ameerikaa tahuuf dorgomaa jira.

3. Shaampiyoonaa mirga dubartootaati

Filatoonni Ameerikaa waa'ee ufa baasuu irratti yaaddoo guddaa qabu. Mirga isaanii tahee akka kabajamuuf hedduun isaanii amanu.

Filannoo walakkaa turtii pirezidaantii 2022 gaggeeffame irratti deeggarsa isaanii agarsiisaniiru.

Dhimmi kun isteetota kudhan caalan keessatti dubbii ijoo tahuun akkamiin seeraan akka ilaalamu irratti yaadni kennamaa jira. Haala amma jiruun Haaris sagalee akka argattu gargaara.

Dubartii jalqabaa pirezidaantii Ameerikaa taate jedhamuuf duulli taasisaa jirtus akka injifattuuf ishee gargaara.

4. Deeggartoonni ishee bahanii filatuun

Gareen Haaris deeggaran akka manguddootaa fi namoonni kolleejjii irraa baratan sagalee isheef kennu jedhamee eegama.

Tiraampi warra homaa digiri kolleejjii irraa hin qabnee fi dargaggoota irratti hojjeteera. Dimokiraatonni ammoo namoota kolleejjii irraa digiri qabanii fi hawwaasa bal'aa irratti duula gaarii tahe gaggeessaniiru.

The groups Harris is polling more strongly with, such as the college-educated and Tiraampi warra 2020 galmaa'anii garuu sagalee kennuu hin dandeenye irraa deeggarsa ba'aa argataa jira. Gaaffiin jiru ammas ni bahuufii kan jedhudha.

Haaris humna maallaqaa guddaa qabdi

Filannoo Ameerikaa gaggeessuun qaalii tahuu dhosaa hin qabu. Kan bara 2024 ammoo filannoo Ameerika aisa haalaan qaalii tahedha.

Baasiidhaan yoo ilaallu ammoo aaris caalmaa qabdi. Haaris ji'a Waxabajjii irraa jalqabuun isa Tiraampi Amajji bara 2023 irraa jalqabuun walitti qabate caalaa galii sassaabdeetti.

Akka gabaasa Faayinaanshaal Taayimsitti irra caalaa isaa baasii kan goote of beeksisuufidha.

Kun hundi ida'amee sagalee dhumarratti isteetota murteessoo tahan irraa argamuun kan murtaa'u taha.