Yugaandaatti qophii bara haaraa irratti namoonni walirratti kukkufuun yoo xiqqaate sagal du'an

Madda suuraa, Getty Images
Yugaandaa magaalaa Kampaalaatti kabaja simannaa bara haaraa (2023) irratti namoonni walirratti kukkufuun yoo xiqqaate namoonni sagal du'uu fi hedduun ammoo miidhamuu Poolisiin beeksise.
Kanneen du'an keessaa hedduunsaanii daa'imman sagantaa bashannanaa hordofaa turanidha jedha ibsi poolisii.
Yeroo baayyee simannaa bara haaraa dabalatee ayyaanota waggaatti dhufan simachuuf namoonni heddumminaan ba'anii walirratti kukkufuun gammachuunsaanii gaddatti geeddarama.
Qorannoon jalqabaa taatee Yugaandaatti mudaterratti ba'e akka mul'isutti, namoonni hedduun richiitii bara haaraa simachuuf dhukaafamu daawwachuuf gara daandii guddicha magaalaa walakkaatti ba'an, isa booda walitti heddummaachuun waldhiibuun eegale.
Sanaan booda namoonni hedduun walirratti kukkufan, kanneen guddoo miidhamanis hedduudha.
Namoonni kaan battaluma bakka sagantaa sanatti du'an, kaan ammoo erga hospitaala seenanii du'an.
Taatee lubbuu namoota hedduu galaafate kana gadi fageenyaan qorachuun itti fufa jedha Poolisiin Yugaandaa.
Yugaandaa keessatti erga weerara koronaavaayirasii as yeroo jalqabaaf uummanni haala kanaan walitti babba'e.
Dhorkaan baayyinaa fi sochii uummataa daangessu amma ka'eera.
Rihiitii dhukaasuun bara haaraa simachuun kutaalee biyyattii hunda keessatti eeyyamameera.
Poolisiin magaalaa Kampaalaa dhukaasni richiitii ''itti gaafatamummaa kan hin qabne'' ture jechuun akka qoratu ibseera.
Simannaa bara haaraa dursuun namoonni richiitii dhukaasan hawaasa naannawa sanaa dursanii hubachiisuu akka qaban poolisiin beeksisee ture.
Garuu akkaataa qajeelfama poolisiitiin hin raawwatamne jedhamuun komiin ni ka'a.












