Ilmi Museveenii pirezidantii Yugaandaan taha jechuun dhaadatan

Madda suuraa, AFP
Ilmi pirezidantii Yugaandaa abbaa isaanii bakka bu’uun pirezidantii ta’un biyyattii bulchuuf fedhii akka qaban ibsan.
Durumaa wantoota falmisiisaa ta’an miidiyaa hawaasaa gubbaatti katabuun kan beekaman Janaraal Muhoozi Kainerugaba gaafa Kamisaa ammoo waan haaraa dubbataniiru.
Abbaa isaanii waggoota dheeraaf biyyattii bulchan, Yuwerii Musevenii, bakka bu’uuf akka deeman akeekan.
Kana dura Museveenin ilma isaanii ajajaa loltuu olaanaa ta’an akka isaan bakka bu’an qopheessaa jiru jedhamuun shakkamu.
Dhimma tibbanaarratti garuu Museviniin waan jedhan hin qaban.
Pirezidant Museveniin bara 1986 eegalee aangoorra jiru.
Baatii Caamsaa darbe janaraalli kuni ummati pirezidantiif dorgomuu akka qaban yoo yaadu ta’e baruuf Tiwiitara gubbaa ergaa maxxansanii turan.
Booda kanammoo, '‘Mormitoota Yugaandaaf, abbaa kiyya booda, filannoodhaan isiniinan injifadha. Lammiileen Yugaandaa eenyu caalaa ana jaalatu,’’ jechuun barreessan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Janaraalli waraanaa ganna 48 waan dubbii ta’u yoo dubbatan kuni kan jalqabaa miti.
Torban muraasa dura biyya ollaa Yugaandaa kan taate Keeniyaa akka weeraran ibsanii turan.
Dubbiin ijoo dubbii erga ta'e booda dhiifama gaafatan, abbaan isaaniis isaan qeeqan.
Eegasii Pirezidant Museveniin ilmi isaanii kuni waa’ee mootummaa Tiwiitara gubbaa akka hin barreessine ibsan.
Boodarra garuu Janaraal Kaayinerugaabaan nami na dhorkuu danda’u hin jiru jedhan.
Kanaan durammoo humnoota TPLF mootummaa Itoophiyaa lolaa jiran akka deeggaran dubbachuun isaanii falmisiisaa turuun ni yaadatama.












