Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Namoonni ekeraa Baahmut nuun jedhu'
Yukireen magaalaa baha biyyattii Baahmut jedhamtu Raashiyaan jalaa qabattee turte deebifachuuf yaalaa jirti.
BBCn garee isnaayiparootaa halkan magaalattii sakatta'an 'Ekeraa Baahmut' jedhamuun beekaman carraa addaa argatee dubbiseera.
Ghost, Komaandarri garee 'Ekeraa' kun gara buufata qarqara magaalatti nu geesse jedha gabaasaan dhimma waraanaa BBC Jonaataan Biyaal magaalaa baha Yukireen kanarraa.
"Ekeraan mallattoo ittiin waamamnudha," jechuun natti dubbate jedhan Jonaataan.
"Yeroo Baahmut shororkeessuu jalqabnetti maqaan 'Ekeraa Baahmut' jedhu nuuf kenname jedha Ghost.
Bakki isaan buufatanii jiran bakka meeshaan waraanaa Raashiyaa qaqqabuu danda'u keessadha.
Ekeraan gara haleellaa meeshaa isaan dhiyootti gaggeefamuutti hin dhiyaatu.
"Meeshaan waraanaa gurguddaa dhukaafamuu dura yeroo hunda akka namoonni yaadda'an godha.
Meeshaa waraanaa gurguddoo dhoofaman jalaa dhokachuu ni dandeessa, isnaayparii jalaa garuu hin dandeessu."
Gareen Ekerootaa kun miseensota loltoota 20 ta'an of keessaa qaba. Kunneen ji'a ja'an darban keessa Baahmut keessatti oppireeshinii gaggeessaa turan.
Gareen isaa kun Raashiyaanota meeqa akka ajjeesan Jonaataan Ghost gaafateera.
"Kan mirkanaa'eeru 524 ta'a. Isaan keessaa 76 kan kooti," jedhe.
Gareen kun kan dhukaasan hunda mala elektirooniksii qawwee isaaniitti hidhameen galmeessu.
Ta'us garuu hunduu itti fufee lakkaa'a jechuun hin danda'amu.
Kuziyaan har'a galgala warra ergamni dhukaasuu itti kenname keessaati. ''Nuti namoota ajjeesaa hin jirru, diina balleessaa jirra malee," jedha Kuziyaan.
Osoo waraanni kun hin jalqabiin dura warshaa keessa hojjeta ture. Duraan qawwee akka hin jaallanne garuu yeroo Raashiyaan weerartutti qawwee jibbu kaasuu hima.
Kuziyaan yeroo ergama isaa galgalaa bahuuf jedhu hunda dura isnaayiparii isaa US hojjette ''Barrett'' jedhamu isa dhumaaf ilaallatee qixeeffate.
"Tokko tokkoon ergamichaa hamaadha waan ta'eef yoo nuti dogoggora hojjenne diinni si rukkutuu danda'a," jedha.
Ergama isaa galgala har'aaf ogeessa bakka irratti qiyyaafatan adda baasuuf Taras jedhamu qaba.
Konkolaachisaan isaa Kush jedhamu ammoo bakka irratti xiyyeeffachuun dhukaasanitti hanga danda'ame itti dhiyeessa.
Bakka konkolaataan geessiterraa ammoo jarri lamaan miillaan maayila tokkoo ol deemuun itti seenu. Ghost garuu bakka buufata isaaniitti isnayipparoota haaraa waliin hafa.
Garee kana keessaa inni ijoollee leenjii isaa UK keessatti fudhate. Hanga ammaatti maqaa isaatiin kan ajjeesee kan mirkanaa'eeruuf hin qabu.
Ghost miseensota kanneen muuxannoofi ogummaa loltummaa isaanii caalaa 'nameenyaafi gootummaa' isaaniirratti hunda'uu qofaan isaan fudhadhe jedha
Yeroo lafti bari'aa deemu gareen kun konkolaataa waraanaa isaanii Humvee jedhamtu koru.
Kush, konkolaachisaan, karaa isaan irra deeman ammallee xiyyaaffannaa meeshaa gurguddaa Raashiyaa jala akka jiru nutti hime.
Yeroo inni motora kaafatu gareen kun hundi isaanii mallattoo fannootiin of [ammaattabu].
Kush ammoo bilbila isaarraa muuziqaa taphachiisuu jalqaba. Sirbi raappii Yukireen akka 'muudii' keessa taanu nu godha jedha. Sagalee haleellaa boombii garuu ni dhoksa.
Gaafa jalqabaa, sababa sagalee konkolaataa waraanaa isaanii Humvee jedhamtu Kush saffisaan oofuurraan kan ka'een sagalee dho'insa meeshaa isaanitti dhiyootti gaggeeffamu hin dhageenye ture.
Garuu konkolaachisaan kun osooma oofuu dhukaasa samiirraa gadi dhufu si'a baayyee agarsiisuun akeekkachiisaa ture.
Otuma haguugannuu konkolaataawwan waraanaa Yukireen caccabainii turan bitaaf mirgatti ilaalaa keesa kutne.
Daqiiqaa 20 booda gamoo guddaa haleelamee jigee karaa cufetti baane. Isnaayipparoonni lamaan karra konkolaataa bananii utaalanii muka keessa galan.
Yeroo kana Kush sagalee ol fuudhee, "Waaqayyo isin waliin haa ta'u" jechuun karaa gommaan isaa dabartu barbaadatee dafee gamoo caccabaa sana bira darbe.
Turtii sa'atii torbaan booda, hirriba xiqqoo qofa erga raafameen booda gara konkolaataatti deebiyan.
Ammayyu hin bariine. Lafti akkuma 'dimismisaa'etti' jira. Sagaleen konkolaataa waraanaa isaanii, Humvee, fi haleellaa irraa gadi roobu walitti makatee 'lafi qodaa xaxateera.' Kush akka itti oofe aadda ture.
Buufanni isaan itti baqachaa jiranis raafameera, dhiphuu hamaa keessa jira. Tokko miseensota ergaaaf bahan raadiyoo hordofaa, ofii isaaniis haleellaan irra keessaan gurra isaan duuchaa turan.
Kush akka iji irra hin buuneef jecha ibsaa konkolaataa dhaamsee oofe.
Kana hunda keessa darbanii buufata isaanii gaafa gahan miirri jiru adda. Ergama isaanii kana mirgaan kan galan garee kun, waan isaan mudateefi hojjetan waraabaa turan nutti agarsiisan.
Viidiyoo qiyyaafannaa waraaban keessaa tokko loltuu Raashiyaa mashinaan dhukaasu dura hiriiree jiru ilaalle.
"Dhukaasa tokko, qiyyaafannaa tokko," jechuun waan ture ibsa Kuziyaan.
Gaafa sana hanga halkan itti aanu, ergama itti aanuuf bobba'anitti xiqqoo boqotan.
"Ani amma deebiyee ergama kanaaf bobba'uuf waan jiruuf nan gammada. Hundi keenyas lubbuun waan jirruufis akkasuma nan gammada," jedhe Kuziyaan.
Ji'oota darban ergama kanarratti dabarsan keessatti ajajaa isaanii, Ghost dabalatee miseensonni baayyeen madaa'aniiru. Isaan keessaa kan ajjeefame garuu hin jiru.
"Tokkoon tokkoo ergama baanuu akka dhuma keenyaatti fudhanna ture, garuu irra deddeebinee hojii boonsaa hojjeenneera," jedha Ghost.
Gareen xiqqoo miseensota muraasa qabdu waraana kana mo'uu haa turuu Bahmut deebisuufiyyu hin dandeessu. Garuu dhiibbaa ni uumu jedheen amana.
Kush, konkolaachisaan, ergamni isaanii kun qoor-qalbii diinaa cabsuu keessatti gahee guddaa qaba jedha.