Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyya ammallee Puutin deeggartoota jabaa keessatti qaban
Raashiyaan erga Yukireeniin weerartee booda, biyyootiin addunyaa lamaan keessa gara tokkotti goruuf dirqamaniiru
Biyyootiin lixaa qoqqobbii hedduu Raashiyaarra ka’anis, biyya Awurooppaa tokkoof garuu filannoon kun salphaa hin turre.
Waayilaa Raashiyaa ishee ijoo kan taate Belaarus dabalatee, biyyi Awurooppaa Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmir Putiinirra qoqqobii hin keenye Sarbiyaa qofadha.
Pirezidantiin Sarbiyaa Aleksaandar Vusiik fedhii yeroo dheeraaf biyyi isaanii akka Gamtaa Awurooppaa (EU) seentuf qabaniifi hariroo yeroo dheeraaf Raashiyaa waliin qaban keessaa tokko filachuuf dirqamaniiru.
Hariiroo Raashiyaa waliin qaban turfachuuf jecha, lammileen Sarbiyaa sabboonummaan itti dhaga’amu erga waraanni kun eegalee booda yaada kennuu dabalaniiru.
Waggaa darbeef BBC Eye lammiilee Sarbiyaa Raashiyaa deeggaranii fi hidhata isaan Moskoo waliin qaban qorachaa tureera.
Namoota 'sabboonummaa fiixetti harkisan'
Humnootni Putiin Yukireenin erga weeraranii guyyaa lama booda Damjan Kinezevik, magaalaa guddoo Sarbiyaa keessaatti namooti kumaatamaan lakkaa’aman Raashiyaa deeggaruun akka hiriira ba’an gochuun beekkamtii argateera.
Yeroo sanatti hiriira Raashiyaa deeggaruun Awurooppaa keesssatti ba’ame isa guddaa ture.
Mormitoonni [namootni hiriira ba’an] kun alaabaa Raashiyaa qabatanii, mallattoo waraanicha deeggaru ‘Z’ fi suuraa Pirezdaantii Raashiyaa qabatanii ba’ani. Namootni “Vilaadmir Puutin pirezdaantii keenyadha’ jechuun dhaadachaa turanis jiru.
“Yukireen keessaa waraana qabna. Nuti sabboontotadha, obbolaan keenya deeggaruu qabna. Sun siyaasa keenyadha, sun seenaa keenyadha,” jechuun Kinezevik BBC’tti himeera.
“Waraana kan booda Awurooppaa haaraa, tarii ammo addunyaa haraan arga.”
Kinezevik fi dhaabbatni isaa – People’s Patrol jedhamu, ilaalcha farra godaantota Musliimaa qabaachuu fi hokkora beeksisuun beekkamtii qabu.
Hidhata Wagner
Waraanni Yuukireen eegalee gara ji’oota saddeet booda, Sadaasa 2022 keessa, Kinezevik gartuu hidhatootaa Wagner akka daawwatuuf waamichi dhiyaateefii ture. Gartuun kun Siiriyaa, Afrikaa fi Yukireen keessatti yakka waraanaa raawwachuun himatama.
Kinezevik wiirtuu miidiyaa dhiyeenya St Peterburg keessatti baname daawwachuun, “wanta Wagner godhe hunda guutummaattiin deeggara,” jechuun BBC’tti himeera.
Raashiyaa daawwatee torbanoota booda,, Kinezevik uffata Wagner uffatee poolisii daangaa waliin Kosovo irratti utuu wal falmuu argameera.
Maallaqa kamuu Wagner irraa argachuu isaa garuu ni haala
Yoo dhugaa yoo ta’e himata Raashiyaan Balkaans keessatti waldhabdee kaakasuuf sabboontoota akka Kinezevik fayyadamti jedhu uumuu danda’a.
Dhaabbati People’s Patrol Sarbiyaa keessatti seeraan waan hin galmoofneef, BBC’n galmee daldalaa isaanii baruu hin dandeenye.
Kinezevik garuu dhabbilee Sarbiyaatti galmaa’an biroo adda addaa waliin hidhata qabaatus, gabaasni daldalaa dhabbilee kanaa Raashiyaa waaliin dhita qabaachuu isaanii hin mul’isu.
“Gargaarsi Raashiyaan gartuulee akka kanaaf gootu dhaabbile mootummaa keessa hin darbu – karaa dhaabbilee al idileen daddarba,” jechuun Yunivarsitii Kolleejii Landan, damee qorannoo Silavonic fi Awuroppaa Lixaatti Piroofesara kan ta’e Eerik Gordii, BBC’tti himeera.
“Wanta dhiibbaa guddaa uumu, kan beekkamtii guddaa argatu, darbeeyyu addunyaa guututti mul’atu, maallaqa baayyee xiqqaan gochuu danda’u. Kanas ammoo irraa fagaatanii gochuun yoo rakkoon uumame yeroo hunda homaa hin beeknu jechuun haaluu danda’u,” jedha.
Sabboontonni kun caalatti kan dheekkaman yeroo Pirezdaant waligaltee Gamtaa Awurooppaa taasisuuf jedha jedhanii yaadanitti ture. Waliigalteen kun ammo Serbiyaan to’annoo Kosovoo keessatti qabdu dhabsiisa jedhanii waan sodaataniifidha.
Kinezevik Guraandhala 15, Belgireed keessatti hiriira mormii qindeessuun, “Vusiik siif dhufaan jira,” jechuun pirezdaanticha dorsiseera. Sana booda mormiita kana gara masaraa pirezdaantiitti oofeera.
Galgala sana, Pirezdaant Vusiik TV irratti mul’achuun, siyaasa Sarbiyaa keessatti gidduu galtummaa biyyoota alaa hin simannuu jedheera. “Wagner keessaa namni tokko dhufee wanan gochuu danda’uu fi gochuu hin dandeenye akka natti himu hin barbaadu.”
Boodarra Kinezeviik, mootummaa Pirezdaanti Vusiik hokkoraan fonqolchuuf waamicha dhiyeesseera jedhamuun himatameera. Ji’oota lamaaf hidhaa erga turee booda, gadhiifamus dhadachi isaa garuu ammayyu itti fufeera.
Rakkoo Kosoovoo
Akkuma Kinezevik, lammilee Serbiyaa hedduun Kosovoon qabeenya Sarbiyaa fi amantii Ortodoksii akka ta’etti ilaalu.
Hanga bara 1990’nitti, Sarbiyaa fi Kosooboon qaama Yugoslaaviyaa turani. Boodara garuu waraanaa hamaan biyyatti gargar yemmuu cittu, Sarbiyaan Kosovoo of jalatti qabachuu yaalteetti.
Sabootni heddumatan Albeeniyaa ta’an walabummaa yemmuu barbaadan, sabni xiqqoo Serb garuu Sarbiyaa waliin hidhata qabaachuuf lolaa turani.
Waldhabdeen saboota lamaan gidduu ture gama lamaaniinuu hamaa ta’us, yemmu sabni Serb saboota Albeeniyaa irratti duguuggaa gaggeessuu eegalan, Nato’n jidduu seeneera. Duulli boombii torbanoota 11’f Kosovo fi Serbiyaa keessatti gaggeeffame hokkoraan xumurame.
Yeroo bara 2008’tti Kosovoon walabummaa ishee labsite, humnootii Lixaa irraa deeggarsa argateetti kana ammo Serbiyaan hin simanne.
Raashiyaan ammo ilaalcha Sarbiyaa waan deeggarteefidha, sabboontonni akka Kinezeviik Raashiyaa akka waayilaatti kan ilaalan.
Sababa deeggarsa Raashiyaa kanaan ammoo Kosovo’n Kawunsiilii Nageenya UN keessatti fudhatama argachuu dhabdeetti.
“Utuu Raashiyaan kan hin goone, lafa daangaa qulqulluu keenya keessaa tokko yeroo dheera dura dhabna ture,” jechuun Kinezeviik BBC’tti himeera.
Hirmaannaa siyaasaa sabboontotaa dabalaa dhufe
Serbiyaa keessatti Kinezivik sabboonummaa sadarkaa daandiirra jiru agarsiisu, paartileen siyaasaa sabboonummaa waliinii dhiyeenya keessa hunda’aa jiru.
Paartiin mormituu parlaamaa keessatti barcuma %15 qabu, Kosovo gara to’annoo Sarbiyaatti deebisuuf gargaarsa Raashiyaa barbaadu.
Hogganaan paartuu Dveri, Boskoo Obradoovik, Raashiyaa waliin hidhata qabaachuun seenaa dheeraa qaba.
“Raashiyaan biyya waayilaa fi hiriyyaa taatedha. Raashiyaan boombiin nu rukuttee hin beektu, Raashiyaan Sarbiyaa jalaa Kosovoo fudhachaa hin jirtu. Raashiyaan walabummaa Kosovoo hin simanne. Darbeeyyu mariwwan idil addunyaa adda addaa irratti gara Serbiyaa gorti,” jechuun Obradoovik BBC’tti himeera.
Sabboontonni Amerikaa fi Awurooppaan, Sarbiyaan akka walabummaa Kosovoo simattuuf dhiibbaa irraa ka’an kan hin simanne yoo ta’u, rakkoon biyyatti keessatti dhiyeenya uumame garuu falmii jiru geeddareera.
Jalqaba Caamsaa keessatti, dhukaasa banamee lamaan namootni 19 du’aniiru. Dhukaasni tokko mana barnootaa keessatti uumame.
Ajjechaan kun sochii farra hokkoraa biyyatti deebisee kakaaseera. Kana boodas sabboontoonni Raashiyaa deeggaran sagalee isaanii balleesuu eegalani.
Kinezevik garuu adabbiin hidhaa irra ga’uu danda’us, inni fi gartuun isaa ammayyuu Raashiyaa fi Wagner akka deeggaran hima.
“Wagneriin akka gartuu waraanaa sabboonaa Raashiyaa dirree waraanaa irratti milkaa’aa ta’eetti deeggarre,” jechuun BBC’tti himeera.
“Namootni [Yukireeniin] weeraruun magaalota wallaba baasan gootota Raashiyaadha, namootni kun loltoota Wagneridha.”