Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waraanichi Raashiyaatti garagalaa jira' - Zeleniskii haleellaa dirooniin booda
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin waraannni gara Raashiyaatti deebiyee dhufaa jira jechuun haleellaa diroonii magaalaa Mooskootti raawwatame hordofuun akeekkachiisan.
Pirezidant Zeleniskiin akka jedhanitti, haleellaan daangaa Raashiyaa keessatti gaggeeffame "kan hin oollee, uumamaafi adeemsa baay'ee sirrii," waraana biyyoota lamaan gidduutti deemsifamaa jiruuti.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Dilbata dirooniiwwan Yukireen sadii kan kuffiifaman ta'u ibse. Isaan keessaa lama waajjirarratti bu'an.
Buufanni xiyyaaraa Vinukoovoo kan gara kibba-lixa magaalattii keessatti argamu yeroo gabaaabaaf cufamee ture.
Pirezidant Zeleniskiin magaalaa Yukireen gama lixaan jirtu Ivaanoo-Firaankiviisk irraa ergaa viidiyoodhaan dabarsaniin Yukireen cimaa dhufteetti jedhan.
"Har'a guyyaa 552ffaa maqaa 'Oppereeshinii Waraanaa Addaa [Special Military Operation]' aanga'oonni Raashiyaa torban lamaan tokko fudhata jedhanii jalqabaniiti," jedhan Zeleniskiin.
"Suuta suutaan waraanichi garuma daangaa Raashiyaa - gara wiirtuu faajjiidhumasaa ta'eefi buufata waraanaa isaatti deebiyaa kan jiru yoo ta'u, kun ammoo waan hin oolle, uumamaafi adeemsa baayyee sirrii ta'edha."
Dubbiin kun deebii baramaa haleellaa Raashiyaa keessatti raawwatte amanuu diduu Kiiv ta'e fudhatamaa jira.
Zeleniskiin haleellaa dirooniin booda waan gaabban hin fakkaatu, caalaayyu ija jabinaan dhiibbaa waan uumu dubbatan.
Haleellaan diroonii akka kanaa ammoo ummata Raashiyaa waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante kana akka waraana haqaafi sirrii ta'etti ilaalan hedduuf ergaa dabarsuuf carraa gaariidha.
Akkuma Yukireen keessatti ta'aa jirutti, ummanni Raashiyaa dho'insawwan mana isaaniitti dhiyaate yoo argan miidhaa isaa ni hubatu.
Kun ammoo waraana Vilaadmiir Putiin haqa-qabeessa fakkeessanii dhiyeessuuf yaaduufi caalaatti babal'isuyyuu fedhanirratti akka gaaffii kaasan taasisa jedhu Zeleniskiin.
Pirezidantiin duraanii Raashiyaa Dimiitirii Medvedev Dilbata akka jedhanitti, Kiiv deebistee haleeluu kanaan milkaa'uu kan itti fuftu taanaan Mooskoon meeshaa Niwukilaraa fayyadamuu qabdi.
Walitti-qabaa itti-aanaa Mana-maree Nageenyaa Raashiyaa kan ta'an Medvedev miidiyaa hawaasummaarratti akkas jechuun barreessan: "Yoo Yukireen kan isaan 'lafa keenya' jedhan fudhatte ' filannoon biraan hin jiru."
Yukireen kanaan dura haleellaawwan Raashiyaa irratti raawwatamaniif itti-gaafatamummaa fudhachuurraa of qusatti ture.
Amma garuu dubbii Pirezidant Zeleniskiin ija-jabinaan taasisan Raashiyaarratti dhiibbaa uumuun isaa waan hin oolledha.
Aanga’oonni haleellaa diroonii kanaan namni du’e hin jiru jedhan; Kantiibaan Mooskoo Sergee Soobiyaaniin garuu daa’imman diroonii kanaan rukkutaman lama xiqqoo madaa’aniiru jedhan.
Akka suuraawwan bakka haleellaan itti raawwatame kanaa argaman mul’isanitti caccabaan foddaawwan gamoo haleelamanii hedduun daandiirratti bittinfamaniiru.
Dubartiin tokko ammoo abiddaafi aara akka argite Rooyitarsitti himteetti.