Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Raashiyaan marii nagaa Yukireen hin diddu' - Puutin
Pirezidaantiin Raashiyaa Viladmiir Puutin yaada Yukireen waliin marii araaraa gaggeessuu jedhu akka hin didne hime.
Marii hoggantoota Afrikaa waliin St Petersburg’tti gaggeessaniin booda haasaa tasiiseen, sochiin Afrikaa fi Chaayinaa nagaa barbaaduuf akka ka’umsaatti fayyaduu danda’a jedheera.
Dabaluunis yeroo humni waraanaa Yukireen haleellaa gaggeessaa jiranitti waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuun akka cimaa ta’e Pirezidaant Puutin dubbateera.
Kana dura Yukireenii fi Raashiyaan ulaagaleen tokko tokko yoo guutaman malee gara waltajjii mariitti akka hin dhufne dubbatanii turan.
Yukireen daangaan ishee isa bara 1991’tti turetti akka deebi’u barbaaddi, kun ammoo yaada Raashiyaan guutummaatti mormitudha.
Raashiyaan ammoo gama isheen waligalteen akka gaggeeffamuuf, Yukireen “dhugaa daangaa haaraa” biyyattii simachuu qabdi jetti.
Sanbata galgala ibsa miidiyaaleef kenneen, ammatti dirree Yukireen irratti sochii waraanaa cimsuuf karoorri akka hin jirre Puutin dubbateera.
Namootni mootummaa qeeqan hidhamaa jiru himata jedhu haaluun, Puutin namootni tokko tokko keessaan Rashiyaa miidhaa jiru jedheera.
Ibsa dhimmoota hedduu irratti kennan kanarratti, Pirezidaantiin Raashiyaa kun, jalqaba ji’a kanaatti dhohiinsa riqicha Kirimiyaan irratti uumame booda Raashiyaan “haleellaa ittisaa” tokko tokko gaggeessuu ishee gazexeessitootatti himeera.
Balaa riqichaa lubbuu namoota lamaa galaafate kana booda, Puutin gocha “shororkeessummaa” Yukireenidha jedhu kanaaf deebii akka kennu waadaa seenee ture.
Yukireen dhohiinsa riqicha naannoo to’annoo jala jirtuu fi Raashiyaa wal qunnamsiisuu kanaaf itti gaafatamummaa hin fudhanne.
Yaa'iin Raashiyaa – Afrikaa kun kan dhufe erga hoggantooti fi bakka buutonni biyyootii Afrikaa torba pirezidaantii Yukireen Volodimiir Zeleenskii fi Puutiin waliin ji’a darbe walarganii boodadha.
Kaaba-lixa Yukireen magaalaa Sumii keessatti haleellaa rokkeetiin booda namni tokko lubbuun isaa darbe, shan ammoo madaa’uu ministeerri biyya keessaa Yukireen ibsaniiru.
Ministeerri kun Telegram irratti akka ibsanitti, misaa’elli Raashiyaa Sanbata galgala dhaabbata barnootaa rukuteera. BBC’n odeeffannoo kana hin mirkaneeffanne.
Dabaluunis haleellaa misaa’elaa dabalataa Sanbata magaalaa kibba Yukireen Zaporizhizhyaatti raawwateen namootni lama du’anii, namni tokko madaa’uu angaa’aan tokko ibseera.
Dubbi himaan bulchiinsa magaalicha Anatoolii Kurtiiv akka jedhanitti, kirkirri dhohiinsaa sababa “misaa’eela diinaan” uumame foddaa manneenii akka dhoosee fi gabaa fi dhaabbata barnoota irra miidhaa geessiseera.
Raashiyaan ammoo gama isheetiin, Dilbata ganama haleellaa diroonii Moskoo irratti taasifameen gamooleen waajjiraa lama miidhamuu ibsite.
Bulchaan magaalichaa Sergee Sobyaniin haleellaa kanaan namni miidhame hin jiru, garuu haleellaa kanaaf kan itti gaafatamu Yukireen jedhaniiru.
Daangaan qilleensaa Mokoo gubbaa jiru yeroof cufamee kan ture yoo ta’u, buufati xiyyaaraa Vinukoovoo garuu deebi’ee banameera.
Pirezdaant Zeleneskii humnootii addaa Yukireen naannaa Bakhamuut jiran daawwachaa kan turan yoo ta’u, magaalaan kun bakka lolli cimaa waraanichaa itti gaggeeffamaa jiru keessaa isa tokkodha.
Humnootni Yukireen suuta suutaan gara magaalaa bahaa, bakka Caamsaa irraa eegalee humnoota Raashiyaan to’atamee turetti siqaa akka jiran anga’ooti biyyattii ibsaniiru.